Masqala: Mootii ayyaanota Oromoo

Ayyaanota guguddoo Oromoon waggaa waggaadhaan baatii Fulbaanaa keessa kabaju keessaa Masqalliifi Irreechi kanneen eeramaniidha. Ayyaanni Masqalaa ykn Gubaan walakkeessa ji’a Fulbaanaatti kabajama. Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamuun beekama.

Ayyaana masqalaa keessattuu hawaasa baadiyyaa biratti haala ho’aadhaan kabajama. Ayyaanicharratti nyaatawwan aadaa kanneen akka ancootee, qocqocaa, daabboo, buqqee ykn dabaaqulaafi asheeta boqqolloofaatu qophaa’a. Ayyaanni Masqalaa yeroo wayitiin gannaa darbee biraan bari’u kan kabajamu waan ta’eef qeerroofi qarreen sirbaan miirasaanii ibsatu. 

Ayyaana Masqalaa ilaalchisuudhaan odeeffannoo Kitaaba, “Kiristaanummaafi Oromoo Dur Irraa Hanga Ammaatti” jedhamu kan Luba Balaay Mokonniniin barreeffamerraa arganne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Masqalli ayyaana Oromoo keessaa isa guddaafi olaanaa waan ta’eef mootii ayyaanaa jedhee waamama. Ayyaanni kun akka guutuu biyyaatti kan kabajamu yoo ta’u, saboonniifi sablammootni Itoophiyaas afaanota isaaniitiin moggaasa adda addaa kennaniifii ayyaanicha kabaju.

Ayyaanni kun Afaan Gi’iiziitii, Amaariffaafi Tigriffaan ‘Masqal’ jedhama. Sabootni Afaan Haadiyyaa, Daawuroo, Gaamoofi Walaayittaa dubbatan ammo ayyaanicha ‘Masqala’ jedhanii waamu. Namootni Afaan Kambaataa dubbatan ammoo ayyaanicha ‘Masala, Bayam, Heeboo’ jedhu. Kanneen Afaan Guraagee dubbatan ‘Masqar’ jedhu. Namootni Afaan Kafaa (Kaffichoo) dubbatan ‘Gaarroo’  jedhu. Sabni Oromoo ammoo ayyaanicha Gubaa (Masqala) jedha.

Masqalli waggaatti al tokko  Fulbaana keessa daamootii (xomboora) gubanii ibsaa ibsuudhaan kabajama. Ayyaanni kun Saba Oromoo biratti ulfina guddaa qaba. Ummatni Oromoo ayyaana kanaan seenaa kiristaanummaa ittiin yaadata. Kunis Fannoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoos yaadachaa kan kabajamuudha.

Ummatni Oromoo ayyaana Masqalaa, ayyaana fannoo, gubbaa ykn ibsaa yemmuu jedhu, rakkina, dhiphina, bu’aa ba’ii dabarsan ittiin yaadata. Kunis seenaa fannoo nu yaadachiisa. Fannoon Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dura namootni yakka raawwataniifi seera cabsan kan irratti fannifaman ture. Nama fannoorratti fannisuudhaan adabuun kan jalqabame biyya Faarsi ykn biyya har’a Iraan jedhamtu keessatti ture.  

Biyya kana keessatti Waaqa lafaa jedhamee kabajamaa kan ture “Ormuzid” nu duraa xureessa jedhanii waan yaadaniif nama yakkamaa lafarraa ol kaasuudhaan fannoorratti fannisanii ajjeesu ture.

Seerri yakkamaa fannoorratti ajjeesuun adabuu kun suuta suuta babal’achuudhaan gara Roomaas galee hojiirra ooleera. Kanarraa kan hubannu jabana sana fannoorratti du’uun hangam adabbii cimaa akka tureedha.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gad of deebisee hamma fannifamee du’uttiyyuu abboomamaa ta’e. Jireenyi ilmaan namaa sababa cubbuutiin abaaramaa ture. Fannoorratti du’uunis jibbamuufi abaaramuu kana mul’isa. Seera Museerrattis namni fannoorratti fannifame Waaqayyo duratti abaaramaadha. Kiristoos ammoo nuuf jedhee abaaramaa ta’uudhaan abaarsarraa nu fureera.

Erga Kiristoos Fannoorratti du’ee du’aa ka’uun gara samiitti ol fudhatamee booda fannoon Kiristoos jaamaa fayyisaa, lamxii balleessaa namoota gidduutti raajii hojjechaa waan tureef warri Yihuudotaa hinaafanii fannoo Kiristoos naannawa kuusaa balfaa (xurii) keessatti awwaaluudhaan balfi magaalaa hunda achitti gatamaa ture.

Sababa kanaanis bakki fannoon sun itti awwaalame gaara guddaa ta’e. Fannoon Kiristoos jabana dheeraaf badee tureera. Dhaloota Kiristoos booda bara 70tti yeroo Iyyarusaalem barbadooftu Kiristaanonnis baqatan.

Biyya itti baqatanii turanittis  waa’ee fannoo Kiristoos kadhachaa turan. Kiristaanota kunneen keessaa baduu fannoo Kiristoositti gaddaa kan turte Giiftii Illeeniin, “Ilma kiristaanota bilisoomsu yoo naaf kennite fannoo kee iddoo jiruu barbaadeen ulfinaan ol kaa’a” jettee Waaqa kadhatte.

Waaqayyos kadhannaashee dhagaheefii ilma kenneef. Maqaansaas ‘Qosxanxinoos’ jedhame. Kiristaanotas bilisoomse. Illeeniinis waan Waaqayyorraa kadhattee argattetti gammaddee waadaa Waaqayyo duratti galte fiixa baasuuf fannoo Kiristoos barbaaduuf gara Iyyarusaalem deemte.

Barbaacha yeroo dheeraa booda maanguddoo maqaansaa Kiraakos jedhamu argatte. Maanguddichis Waaqayyo ibseefii akkas jedhee gorse. “Daamaraa dhaabii, ixaana itti naqi, daamotiis gubii Waaqayyoon kadhadhu” jedhee ishee gorse. Isheenis gorsa Kiraakos fudhachuun waantota ajajamte hunda raawwatte. Sana booda aarri daamaraa sanaa samiitti erga ol ba’ee booda gad deebi’uun gaara fannoon Kiristoos keessatti awwaalamerra boqote.

Giiftii Illeeniinis gaara sana qochisiiste. Fannoon Kiristoos awwaalamee waggaa 300 booda Fulbaana 17 bara 326tti qotamuu kan jalqabee Bitootessa 10 bara 326tti fannoon Kiristoos mul’ate. Illeeniinis Phaaphaasii Iyyarusaalem kan turan Maqaariyuus wajjin ta’uun yeroonsaa galgala waan tureef daamootii ibsachuun gammachuu guddaadhaan fannoo Kiristoos mana qulqullummaa yeroof qophaa’etti galchan.

Booda garuu Fulbaana 17 bara 327tti ayyaanni eebba mana qulqullummaa kabajameera. Sababni Ayyaanni Masqalaa Bitootessa 10 yeroo itti Fannoon Kiristoos argame yeroo soomaarra waan ooluuf ayyaanichi akka guutuu biyyaatti Fulbaana 17 akka kabajamu murtaa’e.

Yeroo sanaa kaasee Kiristaanotni fannoo Kiristoosiif ulfina guddaa kennuu jalqaban. Fannoo dhungachuu, fannoof jilbeenfachuu, fannoodhaan eebbifamuu, fannoo baatanii deemuu,  huccuufi nafarratti tumachuufi meeshaalee adda addaarratti bocuunis kanarraa dhufe. Ummatni Oromoos baroota dheeraaf akkuma asii olitti eerame daamotii gubaa turuunsaa Masqala aadaa godhateera jechuun ni danda’ama.

Fannoon mallattoo Kiristaanummaa waan ta’eef guutuu bataskaanaa, kitaabota qulqullaa’oofi meeshaalee qulqullaa’oorratti ni mul’ata. Lubootnis kiristaanota  ittiin eebbisuuf harkatti baatanii deemu. Namootni icciitiin fannoo galeef ammoo mormarratti kudhaammatu. Kaan ammoo nafasaaniirratti tumatu. Fannoon kan kiristoos irratti fannifameefi yaadannoo seenaa fannooti.  

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

One Comment to “Masqala: Mootii ayyaanota Oromoo”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *