Dhaamsa hayyuu siyaasaa keessaa

“Qarreefi qeerroon Oromoo qabsoo hadhaawaa taasisaniin warra biyya alaatti baqate ture biyyatti galche, warra mana hidhaatti gadadamaa ture hidhaadhaa baase, siyaasa Oromoo moggaarra ture gara giddugaleessaatti fide. Seenaan kun akkuma Afrikaattuu ta’ee hinbeeku. Kanaaf galannisaanii yoomiyyuu kan dagatamu miti”.

“Qabsoon qarreefi qeerroo sabboontoota ADWUI keessa jiranitti onnee horuusaa kaasanii, jijjiiramni kan eegalae gaafa Obbo Lammaan fuulduratti ba’anii, “gooftaan keenya ummata” jedhan sana. Kun dho’ee ba’uu kan danda’emmoo qabsoo tureeni”.

“Jijjirama haala kanaan dhufe kan ittifufsiisuu barbaadu akkuma jiru kan gufachiisuu barbaadu hedduudha. Kan gufachiisuu barbaadu ADWUIfi ODP dhuma keessayyuu jira. Obsinee caalaatti jijjiiramicha qulqulleessaa ceesisuu qabna. Itoophiyaa hogganuun Oromoo harka jiraatus yeroonsaa yeroo rakkisaadha. Gaaffiileen keenya deebii hinarganne ammayyuu ni jiru. Eenyuyyuu biyya kana haa bulchu gaaffii Oromoo deebisuu qaba. Kanaaf immoo obsaafi tumsatu barbaachisa”.

Aangoo qabachuu Oromoo kan gammachiiseefi rifachiisee jira. Warri rifate maallaqa guddaa of harkaa qabu, aadaa shira uxaxuu sirriitti beeku, xiinsammuu Oromoos eenyuu caalaatti beeku. Kanaaf sirna biyyattii diiguudhaaf wixxifatu. Haalli amma keessa jirru daran rakkisaadha.

 “Warri aangoo qabachuu Oromootti inaafanii waan baay’ee dubbatan walii isaaniiyyuu waan isaan godhan argineerra. Ammaammoo billaa nuuf qaraa jiraniin utuu nu argatanii maal akka nu gochuu danda’an yaaduun salphaadha. Kanaaf ce’umsa dimokraasii kana ceesisuun dirqama keenya”.

Sochii qeerroo kan fide nama baay’eedha. Har’aa anatu sochii kan fide jechuun nun baasu. Yeroonsaa yeroo tokko ta’anii biyya ceesisuuti. Rakkoon keenya guddaan walitti inaafuudha. Isa of keessaa baasuu qabna. Yoo tokkorratti roorrifame anarratti roorrifame jennee walii dhukkubsachuu qabna. Yoos jabaannee jijjiirama kan ceesisuu dandeenya”.

Hayyuu siyaasaa, Jaal Leencoo Lataa

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

5 Comments to “Dhaamsa hayyuu siyaasaa keessaa”

  1. Pingback: bk8

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *