Obsa Abbaa Obsaa!

Ilmoon namaa fedhii hindaageffamne qaba. Osoo nyaachuu, dhuguu, uffachuu, rafuu dammaquufi kanumarra naanna’uu qofaan fedhiinsaa daangaa godhateera. Kana jechuun koo yaada fedhiin ilma namaa daangaa hinqabu kan jedhuufi “Kan dacheen hinbaannee hinjiru” jedhu walii walii hingalu.

Maalirraa ka’anii akkas akka jedhan yoo naa galuu baates “Gophoon, Galaanni lubbuu-qabeessiif lubbuu-maleessii martii dachee irra jiru. Dacheenis kana dadhabe jettee hinbeektu. Kanaaf dacheen obsa cimaa akka qabdutti himama. Garuu obsa ilmoo namaa caalaa waan qabdu hinse’u.

Ilmoon namaa waan hedduu yaada, waan hedduuf carraaqa, waan xiqqoo argachuuf guddaa dadhabuutu irraa jira. Kanneen hunda keessa immoo obsa guddaatu jira. Waanta nyaatan argachuuf obsaan rooba samiirraa bu’u eega. Erga roobee booda lafa qotee facaasee isa biqilu obsaan eege, erga gahe miidhan argata. Osoo bineensa biraa taa’ee kan uumamaan jiru nyaatee quufee jiraachuu danda’a.

Waanti namni nyaatu murtaa’aadha. Bakka inni jiraatus murtaa’aadha. Akkaataan dhalataa guddinaafi jireenyisaa hundi dandeettiifi dandamachuu guddaa gaafata. Kanaaf jireenya ilmoo namaa yoon yaadnu waanti ilmoon namaa hindandeenye hinjiru jedheen taajjaba.

Kan ijoollee ture suuta guddata. Kun dhukkube suuta fooyya’a. Yeroo tokko tokko kan dacheen obsuu dadhabdu ilmoon namaa garuu obse osoo darbuu argina.Roobni cimaan dachee laaffisee, lolaadhaan haree dachee duguuga. Ilmoon namaa garuu dhiibbaaf gidiraa walirraa hincinne dandamatee jiraata.

Yoo du’uu baatee waan keessa darbefi waan ofirraa dabarse irraanfatee akka haaraatti carraaqa. Namni ilmoosaa guddisuuf waggoota dheeraa kunuunsee guddifata. Ija keessa ilaalee osoo hinquufiin miira abbummaafi haadhummaatiin onnataa osoo jiraatuu waanti xiqqoon tokko yeroo gabaabaa keessatti ajjeesee dacheetti jalaa dabala. Kanneen hunda ilmoon namaa ni dandamata.

Dacheen nilolti, ni falmatti, waanta isheerraa gahes battalumatti himti. Akka ilmoo namaa cunqursaafi dhiibbaa hinobsitu keessumaammoo ilmaan Abbaa Obsaa waan dacheen obsuu hin dandeenye obsaa jiraatan.

Waanti qe’ee Abbaa Obsaa keessaa dhibee ollaafi ergisaa nama yaadachiisu tokkollee hinjiru. Jarri qananiidha. Garuu kan qe’eensaanii arjoomtee ilmaansaaniif badhaasteefi akkaataa isaan itti jiraataa turan dugdaafi garaadha. Abbaan obsaa  ofiin qotee ormaaf gabbaraa ture. Ofiif dhalchee ormi ergata.

Burqaan qe’eesaa keessaa qoonqoofi qe’ee ormaa osoo jiisuu kansaa dheebutti buleera. Laftisaa saamameera, seenaasaa harka warra isa dhiibaniin seenefamaa tureera. Abbaa Obsaan  waan nyaatan bira taa’ee harka hidhamee jiraachifameera. Kana obsee jiraataa ture. Yoon dachee wajjin walbira isaan qabu “Kan dacheen hindandeenye hinjiruurra kan Abbaa Obsaan hindandeenye hinjiru jechuu wayya.”

Bishaan qe’eesaatii maddee abbaan arge borcaa oolu inni dheebotee  bula. Bunasaa  funaanuurraa hindarbu; Ormatu ala baasee gurguraaf. Warqii gogaasaa luqqisee qotateen  kan biraa faayamuu aadaa godhateera. Qe’ee guguddaa ijaarrate keessaa dhiibeera. Ifni otoo biyyasaa ta’ee jiruu ifa argachuuf qoraan bobeeffatee bulaa ture. Afaan  ormaan waan tajaajilamaa  tureef jaanja’eera.Kan nama dhibummoo tajaajilaanis ta’e tajaajilamaan isuma.Kan Abbaan obsaa obsemoo?…..

Jabinnisaa akka waan mixmixni ijattee aaree warra boossisutu oollaasaa jira.Abbaan obsaa  kana hunda obse jiraate .Osoo dachee ta’ee kana obsiitii?

Dacheerraa muka yoo murte, gaaddisa dhowitee ongeen si waxaltii Abbaa Obsaa lafasaarraa kaaftee yoo bakka dhowwattu hanguma dacheenillee loltu waan lolu hinfakkaatu. Obsa dachee caalaa Abbaan Obsaa obseera. Dandamachuus dandamateera.

Abbaan Obsaa nama saamuu dhaqee hinbeeku. Kanumaammoo warra malaan isa saamuu dhufaniyyuu hammatee akka amalasaaniitti waliin buleera. Warra humnaan saamuuf yaalan garuu qaanessuu itti beeka. Haasaatu haasaa fidee obsa dacheefi obsa Abbaa Obsaa na yaadachise.

Abbaa obsaa warreen kabajasaa xiqqeessan qaanessuummoo iyyanii gadoodanii lafaafi samii walitti dhiheeessu. Anis iyya jara kanaa dhagahuuf itti siqee yeroon ilaalu edaa iyyatu kana namaa fakkaata malee jaldeessatu wal iyyisiisa. Hanga isaan wal iyyisiisanii quufanitti afuuran baafadhe.

Jaldeeyyiin kunniin  sababa maalii akka wal-iyyisiisan gaafachuuf gara isaaniittin deemee gaafadhe. Kana qarqara dhaabatuun “maaliif iyyituu?’’ jennaan kan natti aanu iyyinaan anis dhagaheen iyye! jedhe. Isa ittaanuu gaafannaan ‘’Kan anaa achi jiru rukkutamuuf taanaan sodaadheen iyye!’’ jedhe. Inni gara gidduu jirummoo sababa maaliif rukutuuf akka ka’e itti ka’e gaafannaan waanticha nutti himuu saalfate.

Dubbiin jaldeessaa kun bitaacha natti gale. Araarsumoo dhisee deemu laata? ‘’Lolli jaaldeessa waan tokkorraa hindarbu; tokko isaaniitu walitti dhuufe ajeesse. Kana himachuu ni saalfatu. Kana dhokfachuuf immoo natti qabatu jedheen walitti dhiise.

SAFUU! BARA OFII WALBALLEESSAA JAARSA ARAARAAF GIDDUU SEENETTI  DUBBII  MAXXANSUU  NU HAA BAASU!

Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

3 Comments to “Obsa Abbaa Obsaa!”

  1. Pingback: find
  2. Pingback: Bilad Alrafidain

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *