“Egereen Oromoo qarreefi qeerroo harka jira” -Jaal Leencoo Lataa

Biyya keenyatti wareegamaa qaalii qarreefi qeerroon Oromoo waggoota muraasa dura kanfalanin jijjiiramni har’aa mul’ateera. Qabsoon qarreefi qeerroo sabboontota ‘OPDO’ yommusii keessa turaniif humna ta’uun biyyattiin imala jijjiiramaa akka eegaltuuf ka’umsa ta’eera. Waggaa tokkoo asis bu’aaleen jajjabeessoofi abdachiisoo mul’achuu eegalaniiru.

Haa ta’u malee qaamoleen jijjiiramni kan dhufu “yoo nuti hogganne qofa” jedhanii yaadan jijjiiramicha gufachiisuuf olii gadii kaachuu hindhiisne. Hoggansi ilmaan abbaa Gadaas akka waa tokko hinfidne, inumaayyuu dur akka wayyu yommuu lallaban dhaga’amu. Jaroonni kunneen yaada namootaa adda qoodaa jiru. Keessumaa qarreefi qeerroonis jijjiiramicha ija shakkiin akka ilaalan ta’aa jira.

Kanaaf dhimmi kun yoo qalbiidhaan ilaalame malee biyyattiif gaarii waan hintaaneef Dhaabbannii ‘CDCB-(Center for Developing Capacity Building’) jedhamu tibbana waltajjii marii qarreefi qeerroo Oromiyaaf qopheessee ture. Waltajjichi galma walga’ii Waajjira Giddugaleessa ODPtti kan adeemsifame yoo ta’u, dargaggoonni kuma lama ta’an irratti hirmaataniiru; abbaan qabsoo waggoota dheeraa Jaal Leencoo Lataafi Xiinxalaan Siyaasaa Jawaar Mohaammadis qarreefi qeerroo kanneen mariisiisaniiru.

Waltajjicharratti qabxiilee Oromoon irratti walta’uu qabu kan dhiheessan hayyuun siyaasaa hangaftichi Jaal Leencoon akka jedhanitti, qarreefi qeerroon Oromoo qabsoo hadhaawaa taasisaniin warra biyya alaatti baqate ture biyyatti galche, warra mana hidhaatti gadadamaa ture hidhaadhaa baase, siyaasa Oromoo moggaarra ture gara giddugaleessaatti fide. Seenaan kun akkuma Afrikaattuu ta’ee hinbeeku. Kanaaf galannisaanii yoomiyyuu kan dagatamu miti.

Kana malees qabsoon qarreefi qeerroo sabboontoota ADWUI keessa jiranitti onnee horuusaa kaasanii, jijjiiramni kan eegalae gaafa Obbo Lammaan fuulduratti ba’anii, “gooftaan keenya ummata” jedhan sana jedhu. Kun dho’ee ba’uu kan danda’emmoo qabsoo turen ta’uus ni eeru.

“Jijjirama haala kanaan dhufe kan ittifufsiisuu barbaadu akkuma jiru kan gufachiisuu barbaadu hedduudha. Kan gufachiisuu barbaadu ADWUIfi ODP dhuma keessayyuu jira. Obsinee caalaatti jijjiiramicha qulqulleessaa ceesisuu qabna. Itoophiyaa hogganuun Oromoo harka jiraatus yeroonsaa yeroo rakkisaadha. Gaaffiileen keenya deebii hinarganne ammayyuu ni jiru. Eenyuyyuu biyya kana haa bulchu gaaffii Oromoo deebisuu qaba. Kanaaf immoo obsaafi tumsatu barbaachisa” jedhu.

Akka hayyuun kun jedhanitti, aangoo qabachuu Oromoo kan gammachiiseefi rifachiisee jira. Warri rifate maallaqa guddaa of harkaa qabu, aadaa shira uxaxuu sirriitti beeku, xiinsammuu Oromoos eenyuu caalaatti beeku. Kanaaf sirna biyyattii diiguudhaaf wixxifatu. Haalli amma keessa jirru daran rakkisaadha.

Filannoo lama qofatu jira; dimokraatawuu ykn bittinaa’uu. Yoo diigamee hunda caalaa kan rakkatu Oromoodha. Sababnisaas Itoophiyaan Oromiyaarra teessee waan jirtuuf gaafa jigdu nurratti jigdi. Dabalataan ammoo saba kamuu caalaa ollaa baay’ee qabna. Ollooti keenyammoo nu sodaatus nu tuffatus. Silaa nama sodaatan hintuffatan.

“Warri aangoo qabachuu Oromootti inaafanii waan baay’ee dubbatan walii isaaniiyyuu waan isaan godhan argineerra. Ammaammoo billaa nuuf qaraa jiraniin utuu nu argatanii maal akka nu gochuu danda’an yaaduun salphaadha. Kanaaf ce’umsa dimokraasii kana ceesisuun dirqama keenya.

Sochii qeerroo kan fide nama baay’eedha. Har’aa anatu sochii kan fide jechuun nun baasu. Yeroonsaa yeroo tokko ta’anii biyya ceesisuuti. Rakkoon keenya guddaan walitti inaafuudha. Isa of keessaa baasuu qabna. Yoo tokkorratti roorrifame anarratti roorrifame jennee walii dhukkubsachuu qabna. Yoos jabaannee jijjiirama kan ceesisuu dandeenya” jedhu.

Akka Jaal Leencoon jedhanitti, warri amma tokkummaa Itoophiyaatu bade jedhan jiru. Itoophiyaa cafaqanii bulchaa waan turaniif malee takkaayyuu tokko hintaane; yoo isaan ajajan qofa tokko taati miti. Kaan immoo ‘mangistiin’ amma hinjiru kan jedhanis  ni jiru. Dhuguma ‘mangistiin’ hinjiru. Sababnisaa ilaalchaafi qomoon adamfamanii hidhamuun reebamuun hafeera. Rabbi lammata ‘mangistii’ nutti hindeebisiin.

“Tokkummaa Oromoo diiguu kan danda’u dhaaboota Oromooti sodaa jedhuun qaba. Dhaaboonni tokko ta’uu qabu; yoo xiqqaate waan akka qindoominaa hundeeffatanii socho’uun dirqama. Kana hunda gochuu kan danda’u qarreefi qeerroodha. Egereen Oromoofi Oromiyaa qarreefi qeerroo harka jira. Akkuma itti beekatan namoota egeree ofii bareechuuf tattaafatan duraa goraa. Dimokraasii fiduu kan danda’u isini. Yoo kana ta’ee jijjiiramnichi milkaa’ee fuuldurri keenya ifaadha. Nuti qabsoo karaa dheeraa fidnee isin harkaan geenyeerra. Kanaa booda isin gorsuufi isin eebbisuun isin bira jirra” jedhu.

“Kana dura dinagdeen biyyattii guddachuu kan dadhabeef Oromoo hiyyoomsanii ofii duroomuuf socho’aa waan turaniifi. Amma haalli jiru kana hineeyyamuuf. Amma Oromiyaan guddachuuf abdii qabdi; biyyis akkasuma. Kanaafuu qarreefi qeerroon imaanaa kan fudhachuun yeroo rakkisaa kana ce’uu qabdu” jechuun kaasu.

Xiinxalaa Siyaasaa Jawaar Mohaammad gamasaatiin, mootummaa harka micciree jijjiirama kana kan fide sochii Oromooti. Seenaawwan qabsoo darban keessatti Oromoon qooda keessaa qabaatullee akka amma kana bifa qindaa’eefi dursaa ta’een hinturre. Inni biraa qabsoon qarreefi qeerroo Oromoo ol dhiibuun aangoo qabachiiseera. Xiinsammuun Oromoo baay’ee jijjiirameera. Utuu baadiyyaa buutanii ilaalatani dinagdeen Oromoo isa durii caalaa amma gadi bu’eera. garuu xiinsammuun isaa ijaaramaadha. Miirrii injafachuu Oromoo hedduu biratti uumameera jedha.

Akka inni jedhutti, aangoo to’achuun garuu aangoo qabaachuu miti. Taayitaarratti olbaane malee aangoo hinqabanne. Aangoo kan jennu humna waraanaa, miidiyaa, amantii, dinagdee, barnootaafi kkf guutuutti hogganuun ceesisuudha. Barmaatii, hojmaanni, meeshaafi kkfn dhaabbilee jedhaman keessa isa dura ijaaramedha. Kophee nama biraa ka’aachuu jechuudha.

“Kanaaf kophee sana yookiin miiccani jijjiiruu yookiin ammoo gattee haaraa bitachuu qabda. Kanaaf keessumaa ODPn hubachuu kan qabu yaadrimee dimokraasii sabdaneessa ijaaruufi olaantummaa saba tokkoo ijaaruun tokko miti. Yaadrimeen nuti itti dhufne kan sabboonummaati. Kunimmoo gara bulchiinsaatti jijjiiramuu qaba. Dinagdeen ummatichaa ilaalcha keessa seenuu mala.

Sabboonummaa Oromootiin taayitaa qabatanii, sabboonummaa Oromoommoo fagootti gatanii sabboonummaa Itoophiya isa kaleessaattinan deema jennaan kophee lakkoofsa 46tti miila lakkoofsa 36 ka’aachuudhaan adda hinjiru. Kana malees paartii cimaa mootummaa biyyaa gaggeessuu danda’u ijaaruurratti fuuleeffannaa guddaan taasifamuu qaba. Kanaaf irratti hojjetamuu qaba” jedhan.

Inni biraa dinagdee ummataa fooyyessuun dirqama. Sababnisaas siyaasni dinagdeen bira hinjirre lafee foon hinqabneedha. Oromoon amma lafeedhaan deemaa jira. Imaammata dinagdee sirreessuuf xiyyeeffannaan itti kennamuu dhabuun isaa balaa akka fiduu danda’u eera.

Walumaagalatti, jijjiirama qeerroon fide gara balaatti akka deeman kanneen barbaadan waan jiraniif hanqinoota eeraman kana fuuldura qabuun kakaasuu yaaluu. Kanaaf xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu akka qabu ibsa.

Dargaggoonni waltajjicharratti hirmaatan tokko tokkos yaada kennaniin, wantoota hunda qalbiidhaan ilaaluu akka barbaachisu kaasanii, mootummaaniis gaaffiilee Oromoo dhaggeeffachuufi deebii itti kennuu akka qabu gaafatu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

13 Comments to ““Egereen Oromoo qarreefi qeerroo harka jira” -Jaal Leencoo Lataa”

  1. Pingback: link
  2. Pingback: sex viet
  3. Pingback: Herbalife business
  4. Pingback: Japanese chat
  5. Pingback: filtre carbune
  6. Pingback: Food Recipe Video

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *