Aadaan duudhaa waliin jireenyaa jajjabeessu babal’achuu qaba

Ummatni Itoophiyaa aadaa waliin jireenyaa, hangafa kabajuu, keessummaa simachuu, waliin nyaatee dhuguu gabbataa qaba. Aadaa gabbataan kun barmaatilee aadaa saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii waliin hindeemneen akka hinfaalamneef Miniteerri Aadaafi Tuurizimii, Biiroon Aadaafi Tuurizimiifi jaarsoliin biyyaa gahee irraa eegamu bahachuu qabu. Dargaggoonnis aadaa gaggaarii abbootiirraa fuudhanii dhaloota ittaanutti dabarsuuf gaheesaanii bahachuu qabu.

Aadaa  gaggaarii sabootaafi sablammootaa beeksisuu, barsiisuufi walirraa qooddachuun hojii cimee ittifufuu qabu yoo ta’u, barmaatilee aadaa sabootaafi sablammoota biyyattii waliin hindeemne dhabamsiisuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.

Hooggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Aadde Hiibaa Ahmad gaafdeebii dhiyeenya kana gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, aadaan ummata Somaalee daran bal’aadha. Aadaan sabichaa waliin jiraachuu, waliin nyaatanii dhuguu  ni jajjabeessa. Aadaan  nageenya mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhu.

Barana aadaa ummata Somaalee guddisuufi beeksisuuf hojiilee hedduun raawwatamuu eeranii, barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan  kanneen akka dhaqna qabaa shamarraniifi heeruma umurii malee hambisuufis hojiilee jajjabeessoon raawwatamuu dubbatu.

Aadaa gaggaarii Somaalee keessaa tokko kabaja dubartiif taasifamuudha. Aadaa gaggaarii ummatichi qabu dhaloota ittaanutti dabarsuuf hojjetamaa kan jiru ta’us ammayyuu hojiilee hedduun kan hafu ta’uu dubbatu.

Aadaa gaggaarii ummata Somaalee beeksisuufi guddisuuf  barana torban aadaa kabajameera. Torban aadaa kanarratti sirboonni aadaa Somaalee ibsan, dorgommiin taphoota aadaafi agarsiisni nyaatawwan aadaa ummatichaa dhiyaataniiru. Waltajjiin walfakkaatu gara fuulduraattis itti fufiinsaan kan qophaa’u ta’uu Aadde Hiibaan ibsiteetti.

Barsiifata aadaa ummata Somaalee hintaane dhabamsiisuufis hojiileen adda addaa raawwatamaniiru jedhanii, ummatni Somaalee aadaa hangafa kabajuu, yaadasaanii fudhachuu, isaaniif ajajamuufi dubartii kabajuun beekama.  Aadaa gaggaarii kana jabeessuufi dhaloota ittaanutti dabarsuuf hojjetamaa jiraachuu eeru. Aadaan uffannaa ummatichaas sirnasaa eeggatee akka ittifufuuf hojjetaa jiraachuu dubbatu.

Hangafa kabajuufi dhaggeeffachuu dhiisuun aadaa ummata Somaalee miti kan jedhan Aadde Hiibaan, afaan ummatichaa afaan saba biraa waliin walmakaa dhufes sirreessuun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiruudha.  Aadaa ummatichaa laafaa dhufe jabeessuuf waltajjiiwwan adda addaa irratti bifa diraamaa, tiyaatirii, sirbaafi mariidhaan barumsi bal’aan kennamaa tureera. Waltajjiin aadaa ummatichaa guddisuufi beeksisuuf gargaaru gara fuulduraattis ittifufiinsaan kan adeemsifamu ta’uu himu.

YunivarsitiiJigjigaa wajjin ta’uun qorichoota aadaarrattis qorannoo geggeessaa jirra kan jedhan Aadde Hiibaan, gara fuulduraattis  yunivarsiticha waliin aadaa ummata Somaaleerratti qorannoowwan adda addaa geggeessuuf karoora kan qaban ta’uu himu.

Aadaa fuudhaafi heeruma ummata Somaaleerrattis qorannoon adeemsifamaa jiraachuu himanii, hubannoo hawaasni aadaarratti qabu gabbisuufis hojii guddaan kan isaan eeggatu ta’uu dubbatu.

Aadaan ummata Oromoo aadaa ummata Somaalee waliin walitti dhufeenya qaba kan jedhan Aadde Hiibaan, gareen aadaa Oromoo garee aadaa Somaalee waliin hojjechuun aadaasaanii akka waljijjiiraniif hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Ummatni Somaalee sirba aadaa ‘Daantoo’ jedhamu kan sirba aadaa Oromoo ‘Shaggooyyee’ waliin walfakkaatu qaba. Gareen aadaa Soomaalee sirba aadaa Oromoo Shaggooyyee akka sirbu, gareen aadaa Oromoo ammoo sirba aadaa Somaalee ‘Daantoo’ akka sirbu taasisuudhaan hariiroo saboota lamaanii caalaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu himu.

Weellistoonni Somaalee sirba Oromoo, weellistoonni Oromoo ammoo sirba Somaalee akka sirban taasisuudhaan aadaa walfakkaataa saboonni lamaan qaban gabbisuuf hojjetamaa jira. Uffannaan aadaa ummatoota Somaaleefi Oromoos walirraa hinfagaatu. Aadaan ummatoota lamaanii waliin guddisuufi beeksisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ni himu.

Nuti Itoophiyaanonni aadaa gaggaarii qabna kan jedhan Aadde Hiibaan, aadaa keenya gaggaarii gabbisuudhaan nageenyaafi misoomaaf yoo itti fayyadamne sadarkaa guddaa irra gahuu dandeenya. Lammiin biyyattii kamuu nageenya, misoomaafi guddina biyyattiif yaaduufi hojjechuu qaba.  Dhaloota ittaanuuf aadaa gaarii dabarsinee darbuu qabna jechuun dhaamsa dabarsu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

2 Comments to “Aadaan duudhaa waliin jireenyaa jajjabeessu babal’achuu qaba”

  1. Pingback: 라이브스코어

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *