Itoophiyaan Karoora Guddinaafi Tiraanisfoormeeshinii 2fa bara 2008 hanga 2012tti hojiirra oolchaa jirtu milkeessuuf qarshii tiriliyoona 2.3 kan barbaachisu yoo ta’u, kana keessaa %75 galii gibira irraa argamu ta’uu ragaan Ministeera Galii irraa argame ni mul’isa.
Galii Itoophiyaan bara 2007 gibira irraa walitti qabde %13.4 ture bara 2010tti gara %10.7tti gad bu’eera. Galiin gibira biyyattii gad bu’uun hojiilee mootummaan tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu, fayyaa, barnootaafi leenjii, bu’uraalee misoomaa babal’isuuf raawwataman duubatti harkisuun fayyadamummaa hawaasaa daangessa. Kunis kutaaleen hawaasaa marti gibira seeraan kaffaluun fedhiifi jaalala qaban mirkaneessuun isaanirraa kan eegamu ta’uu kan argisiisudha.
Ministeerri Galii torban darbe sagantaa sochii kaffaltii gibiraafi taaksii biyyaalessaa mata duree “Dirqama koo nan bahadha, mirga koo nan gaafadha” jedhu Finfinnee Galma Gamtaa Afrikaatti ifatti jalqabsiiseera.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, hoggantoonni paartiilee siyaasaa, hawaasni daldaltootaa, barsiisonni, barattoonniifi artistoonni kuma tokkoo ol ta’an saganticharratti hirmaachuun ergaa dabarsaniiru.
Doktar Abiyyis haasaa taasisaniin akka jedhanitti, galiin gibiraa ummata biyyattii irraa walitti qabamu xiqqoo fakkaatus mootummaadhaaf akka oksijiiniitti kan fayyaduudha. Kunis gibirri walitti qabamu humna biyyattii daran kan cimsu waan ta’eefi. Gibirri kiisii hunda keenyaa kan hinmiine garuu ammoo mootummaaf madda galii guddaadha. Mootummaan nageenya biyyattii kan eegsisu, hojiilee misoomaa adda addaafi bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan kan raawwatu galii gibira irraa argamuun akka ta’e dubbatan.
Itoophiyaan akka guddattu, qaroomtuufi nageenyi ishee mirkaneessituufi tajaajiloonni mootummaan ummataaf kennaa jiru utuu walirraa hincitin akka itti fufaniif humnaafi sirna gibira walitti qabuu cimsuun barbaachisaadha kan jedhanii, ilaalcha lammiileen kaffaltii gibiraa irratti qabanis jijjiiruu qabna. Namni gibira waliin dhahu akka nama gowwaa jireenya ofiisaafi ijoolleesaa har’aafi boriitiif hinyaanneetti ilaalamuu qaba.
“Hawaasa gibira sirriitti kaffaluudhaan biyya, mootummaafi ijoollee isaa jaallatu horachuuf hojjechuu qabna” jedhanii, qaamoleen gibira walitti qabanis amanamummaadhaan hojii isaanii raawwachuu akka qabaniif dhaamsa dabarsaniiru.
Galiin gibiraa amma walitti qabaa jirru omisha waliigalaa biyyattii waliin yoo ilaalamu %10.7 qofa kan jedhan Doktar Abiyyi, rakkoon nageenyaa waggoota muraasa darbaniif biyyattii keessatti mul’achaa turan galii walitti qabuu irratti gufuu ta’uun isaa eenyuuf iyyuu ifaadha. Abdii biyya guddatteefi jijjiiramte arguuf qabnu dhugoomsuuf gibira yeroon kaffaluu qabna jedhan.
Gibira waliin dhahuu, dhoksuu, yeroon kaffaluu dhiisuu, eyyama daldalaa malee hojjechuu, kontirobaandiin, malaamaltummaafi hojmaatni badaan rakkoolee gurguddoo gibira walitti qabuu irratti mul’atan ta’uu kan eeran ministirri muummee, namootni yakka kana raawwachuurratti hirmaatan diina dhiiga lammiilee dhugaa jiran ta’uu hubannee irratti duuluu qabna. Qaamoleen gocha kana irratti hirmaachaa jiranis dafanii gochicharra of deebisuu akka qaban yaadachiisan.
Mootummaan sirna gibira walitti qabuu fooyyessuudhaaf hojmaatawwan adda addaa diriirseera kan jedhan Doktar Abiyyi, sirna gibiraa haqa qabeessaafi ammayyaawaa taasisuunis hojii mootummaa irraa eegamuudha. Sassaabbiin gibiraa teknoloojiidhaan akka deggeramuufis kan hojjetamu ta’uu himu.
“Itoophiyaan haadha hunda keenyaati. Kanaafuu namootni daandii dogoggoraa irra jiran utuu aduun itti hinlixin dafanii gara hojmaata sirriitti deebi’uu qabu” jechuun yaadachiisaniiru. Sagantaan galii walitti qabuu mata duree “Dirqama koon nan bahadha, mirga koo nagaafadha” jechuun eegalame kun aadaa kaffaltii gibiraa gabbisuu, kaffaltoota gibiraa jajjabeessuufi namoota gibira waliin dhahan adabuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu himan.
Ministirri Galiiwwanii Aadde Adaanech Abeebee gamasaaniin akka jedhanitti, daldalli alaa qabbanaa’uun, gurmaa’anii hatuun, gibiraafi taaksii dhoksuufi waliin dhahuun, yeroon kaffaluu dhabuun, aadaan gibira kaffaluu laafaa ta’uun, bittaan yeroo raawwatamu nagahee fudhachuu dhiisuufi kontirobaandiinfaa rakkoolee guguddoo galii gibira biyyattii gadi buusaa jiraniidha. Kunimmoo jijjiiramoota biyyattii keessatti mul’achaa jiran duubatti waan harkisuuf kana furuun dhimma murteessaa ta’uu himu.
Sagantaan sochii gibiraafi taaksii biyyaalessaa eegalame waggaa guutuuf kan itti fufu ta’uu himanii, lammiilee fedhiin, amanamummaafi yeroodhaan gibira kaffalan horachuuf sagantaaleen galii walitti qabuu fooyyessan adda addaa hojiirra kan kan oolan ta’uu eeran. Hojiin qaamolee seera gibiraaf taaksii cabsan seeraan akka gaafataman gochuus sagantaa sochii kana keessatti kan haammatamu ta’uu himu.
Abbootiin amantii dhaabbilee amantii garagaraa bakka bu’uun ergaa kan dabarsan yoo ta’u, gibira mootummaa amanamummaafi yeroodhaan akka kaffalaniif hordoftoota isaanii kan barsiisan ta’uu dubbatan. Mootummaan gibira ummatni kaffaluun deebisee hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan waan raawwatuuf, gibira kaffaluun dirqamadha.
Gibirri kan mootummaa ta’uufi waan kan ofii hintaane fudhachuun ammoo cubbuu ta’uu hordoftoota isaanii barsiisaa turuusaaniifi fuldurattis kan hubachiisan ta’uu ibsan.
Ummatni gibira kaffaluu baannaan mootummaan hojiilee misoomaafi nageenyaa adda addaa raawwachuun fedhii hawaasaa guutuu hindanda’u kan jedhan abbootiin amantii, hordoftoonni isaanii kudhan keessaa tokko kaffaluun abboommii waaqayyoo ta’uu akkuma barsiifnu gibiras yeroofi amanamummaan akka kaffalaniif kan barsiisan ta’uu himan.
Jaarsoliin naannolee sagalan bakka bu’uun ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, gibira seeraan kaffaluun misoomaafi guddina biyyaa itti fufsiisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf mootummaanis seerota gibiraa kabajchiisuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Hoggantoonni paartiilee siyaasaa adda addaa akka jedhanitti, nageenyaafi misooma biyyattii mirkaneessuun gahee hundaa ta’uu qaba. Gibira kaffaluunis dirqama lammiilee hundaa ta’uufi hundumtuu dirqamasaa akka bahatuufi mirgasaa ammoo akka gaafatuuf kan hojjetan ta’uu himan.
Barattuun barattoota bakka bu’uun ergaa dabarsite akka jettutti, manneen barnootaa nuti itti barannuufi meeshaaleen barnootaaf nu barbaachisan gibira hawaasni kaffaluun waan nuu guutamaniif kaffaltiin gibiraa keessan isaaniif abdii guddaadha. Kanaaf lammiileen kaffaltii gibiraa yeroon akka raawwachuu akka qaban ergaa dabarsiteetti.
Galii argatan irraa gibira amanamummaan kaffaluufi bittaafi gurgurtaa raawwataniif nagahee muruun raawwachuuf hawaasni daldalaa karaa bakka bu’aa isaanii ergaa dabarsaniiru.
Walumaagalatti, gibira kaffaluun dirqama hunda keenyaa ta’uu isaa hubachuun kaffaltii gibiraa amanamummaafi fedhiidhaan kaffaluun mirga keenyas gaafachuu aadaa keenya ta’uu qaba. “Kan Qeesaar Qeesaariif; kan Waaqayyoo Waaqayyoof” kan jedhameef kanumaafi.
Natsaannat Taaddsaatiin
3 Comments to ““Kan Qeesaar Qeesaariif””