Qooda keenya bahataa haa ceenu

Dhahaa ykn kaalaandarii biyyi keenya hordoftuun bara 2011 guyyoota 362 dura simanneen moofaadha jennee geggeessuun bara 2012 akka haaraatti simachuuf guyyoota afur qofatu nu hafa.

Akkuma ispoortessaan utaalchoo fegeessee utaaluuf duubatti deebi’ee haala mijeeffatu nuti, lammiileen Itoophiyaas oggaa bara haaraa simannu maal keessa akka dabarre duubatti deebine mil’achuun milkaa’inaafi bu’aa ba’ii akkamii keessa akka dabarre hubachuu qabna.

Kunis isa gaarii qabannee kunuunfataa akka ceenu, isa badaa ammoo abaaraa akka lamuu hinkaanetti fageessinee awwaallee akka bira dabarruuf nu gargaara. Qalbeeffannee sirnaan yoo hubanne bara xumuruuf fiixeerra geenya kanatti akka biyyaatti keessumaa gama siyaasaatiin milkaa’inoota tarreessinee fixuu hindandeenye danuu biyya keessaafi alatti galmeessineerra.

Kanaanis lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’anii turan deebi’uun, dinagdeen biyyattii bayyanachuun, hojiin dippiloomaasii hawaasa addunyaa ajaa’ibsiise haala seenaqabeessaan raawwatamuun, mirgoonni namummaafi dimokraasii kabajamuun, fooyyessi seerotaa, hoggansa olaanaarratti walsimannaan koorniyaa milkaa’inoota garba keessaa fal’aanaan qicamaniidha.

Egaa milkaa’inni keenya kanuma keenya waan ta’eef isa qabannee hanqinoota akka biyyaatti nu mudatan kanneen akka jibbiinsaa, walxaxuu, dhibaa’ummaa, gosummaa, qaal’ina jireenyaa, ajjeefamuun hoggansa olaanaa, dhaabbilee barnootaa tokko tokkotti jeequmsaan raafamaa turuufaa duubatti deebinee mil’achuun gaaga’amsasaa yoo hubanne qaama gochoota  hamaa akkanaarratti bobba’an gorfachuuf, darbees seeratti dhiyeessuuf gargaara. Tarkaanfii dheeraa akka ejjannuufis humnaafi abdii nuu ta’a.

Keessumaa nuti, Oromoon imaanaa akka biyyaatti harkaa qabnu garabal’ina, miira Oromduriitiin, hammannaa ittiin beekamnuun biyya kana ceessisuufi hoggansa ilmaan abbaa Gadaa ammaan tana hawaasa addunyaa ajaa’ibsiisuu eegaleef humna taanee ceenee walceessisuu qabna.

Akkuma hayyuun siyaasaa hangfatchi Oromoo Obbo Leencoo Lataa yeroo danuu kaasan, dogoggorootaafi hanqinoota adeemsa keessa uumamu keessuma ykn goluma ofiitti sirreeffachuufi gorfachuu aadeffachuun ceenee walceessisuu qabna malee diina kufaatii keenya hawwuuf ulaa banuu hinqabnu.

Walmaagalatti lammiin biyyattii hundi gochoota hamoo dhala namaatiif hinmalle kamuu keessaa miira gaabbiitiin bahaa, bara haaraa 2012 miira dhiifamaa, jaalalaafi obsaatiin simannee biyya hunda keenyaaf geessu tana ceessisnee haa ceenu.

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

3 Comments to “Qooda keenya bahataa haa ceenu”

  1. Pingback: togelin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *