Jigjigaan hoteela sadarkaasaa eeggateefi tajaajila gahaa kennu akka qabaattuuf hojjetamaa jira

Obbo Yoonaas Kaasaahuun waggoota 20f Jarman turuun gara biyyaatti deebi’anii hojiilee invastimantii adda addaarratti bobba’anii hojjechaa jiru.   Obbo Yoonaas yeroo ammaa Hoteela sadarkaasaa eeggateefi lafa kaaree meetira 600 irra buufate tokko Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti ijaaraa jiru.

Obbo Yoonaas akka jedhanitti, invastaroonni baay’een Jigjigaatti hojii invastimantii adda addaa irratti hirmaatanii hojjechuu nisodaatu. Ummatniifi hoggantoonni mootummaa naannichaa garuu invastaroota gara naannichaas ta’e magaalaa Jigjigaa dhaqan haala gaariin simatanii keessummeessu. Jigjigaatti Hoteela sadarkaasaa eeggate ijaaruun ammoo bu’aa guddaa ni qaba. Fedhiin gabaa hoteelaa jirus bal’aadha waan ta’eef pirojektii hoteelaa kana jalqabanii hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Hoteela sadarkaasaa eeggateefi qulqullinnisaa mirkanaa’e abbaa urjii shanii hojjechuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Yoonaas, pirojektii hojii hoteela kanaa erga jalqabanii waggaa lama kan lakkoofsise ta’uufi rakkoon nageenyaa bara darbe mudatee turee hojiin  ijaarsa pirojektichaa duubatti akka harkifatu taasiseera. Hojiin ijaarsa pirojektichaa si’aayinaan adeemsifamuu erga jalqabe ji’a lama ta’eera. Hojiin ijaarsa pirojektichaa haala amma jiruun kan itti fufu yoo ta’e ji’a 10 booda xumuramee tajaajilaaf kan oolu ta’uu himu.

Rakkoon nageenyaa bara darbe uumamee hojiin ijaarsa pirojektichaa akka duubatti harkifatu taasisuurra darbee baasiifi kisaaraa guddaaf kan isaan saaxile ta’uu himanii, bilookeettii dabalatee meeshaalee ijaarsa pirojektichaaf barbaachisan hedduu Finfinneerraa waan fidnuuf baasiin ijaarsa pirojektichaaf qabame qarshii miliyoona 193  dhibbentaa 30 oliin akka dabalu ta’eera. Ijaarsi hoteelichaa yeroo xumuramu bu’aa guddaa waan argamsiisuuf bu’aasaa fuulduraa yaaduudhaan rakkoolee isaan mudatuu hundaaf malan utuu harka hinkennin hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Jigjigaan magaalaa guddoo konfiraansiiwwaniifi keessummoota  guguddoo keessummeessitu taatus hoteela sadarkaasaa eeggate hinqabdu. Sadarkaa hoteelotaaf dhiyeenya kana kenname tokkoo hanga shanii keessas hinjirtu. Hoteelli isaan ijaaraa jiran garuu kan sadarkaasaa eeggate, qulqullinnisaa mirkanaa’e abbaa urjii afurii ykn shanii ta’uu akka danda’u himu.

Hojiin pirojektii hoteelichaa tumuramee tajaajila kennuu yeroo eegalu namoota 300 oliif carraa hojii uuma kan jedhan Obbo Yoonaas, hoteelichi galma walga’ii sadarkaasaa eeggate kan namoota 600 keessummeessu tokkoofi galmawwan walga’ii biroo shan, mana ciisichaa  sadarkaasaanii eeggatan 94fi meeshaalee barbaachisan hunda kan qabaatu ta’a. Milkaa’inni ijaarsa pirojektii hoteelichaa isaaniifis ta’e mootummaa naannichaatiif bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu himu.

Pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Mahaamadis ijaarsa pirojektichaa milkeessuuf deggersa barbaachisu hunda isaaniif taasisaafi hojii ijaarsa pirojektichaas hordofaa jiru kan jedhan Obbo Yoonaas, ijaarsi pirojektichaa utuu addaan hincitin haala amma jiruun kan ittifufu taanaan ji’a kudhan keessatti xumuramee tajaajila kennuu kan eegalu ta’uu himu.

Invastaroonni hedduun gara Jigjigaa dhaqanii hojiilee invastimantii adda addaarratti hirmaachuu ni sodaatu. Anis duraan xiqqoo sodaachaan ture. Gara Jigjigaa yeroon dhufe garuu magaalattiin invastimantiif filatamtuudha. Invastaroonni biroonis gara jigjigaa dhufanii hojii invastimantii adda addaarratti yoo bobba’an magaalattiis ni misoomsu, ofiis daran fayyadamoo ta’u jedhu Obbo Yoonaas.

Hojigeggeessaan ijaarsa pirojektichaa Injinar Daani’eel Salamoon akka jedhanitti, ijaarsi pirojektii hoteelichaa qulqullina sadarkaasaa eeggateen adeemsifamaa jira. Qulqullinni meeshaalee ijaarsa pirojektichaaf itti fayyadamaa jiranis sadarkaasaanii kan eeggataniidha. Hoteelichi abbaa darbii saddeetiiti. Hoteelichi ulaagaa hoteelonni sadarkaasaanii eeggatan guutanii ijaaramaa jira jedhu.

Hojiin ijaarsa pirojektichaa erga jalqabamee waggaa lamaa ol ta’eera kan jedhan Injinar Daani’eel, ijaarsi pirojektichaa sababa rakkoo nageenyaatiin yeroo lamaafi sadii addaan cite ture. Yeroo ammaa garuu hojiin ijaarsa pirojektichaa haala gaariidhaan adeemsifamaa jira. Haalli nageenyaas daran gaariidha jedhu.

Hooggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Naannoo Somaalee Aadde Hiibaa Ahmad akka jedhanitti, Jigjigaan magaalaa saffisaan guddachaa jirtuudha.  Hoteelonnis magaalattii keessatti babal’achaa jiru. Kun ammoo tuuristoonni baay’inaan gara naannichaafi magaalattii akka dhufan taasisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Hoteelonni magaalattii keessatti ijaaraman baay’een garuu tajaajila barbaachisu kennuurratti rakkoo qabu kan jedhan Aadde Hiibaan, rakkoo kana furuuf biiroonsaanii tajaajila gorsaafi leenjii kennaa jira. Rakkoolee kenniinsa tajaajila hoteelotaa irratti mul’atan furuufis ogeessota 220 leenjisuudhaan hoteelota 11f ramaduuf karoorfannee hojjechaa jirra jedhu.

Invastaroonni qabeenyaa guddaa qaban ni jiru. Qabeenyasaanii maalirra oolchuu akka qaban irratti garuu hanqina qabu. Invastaroonni hedduun hoteela ijaaran tajaajila barbaachisu kennuudhaan galii gahaa argachuurratti hanqina qabu. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf mootummaan federaalaas isaanii deggeraa jiraachuu himu.

Dursaan Garee Dhaadhessa Ejensii Invastimantii naannoo Somaalee Obbo Huseen Abdii hojiileen invastimantii naannichaa bara 2003 as sochii gaarii agarsiisaa jiru. Invastaroonni baay’eenis gara naannichaa dhufanii hojiilee invastimantii adda addaarratti bal’inaan hirmaachaa jiru.  Warshaaleen gara garaas babal’achaa jiru. Invastimantiin qonnaas naannichatti babal’achaa jira. Naannichi lafa qonnaa bal’aa invastimantiidhaan misoomuu danda’u bal’aa kan qabu ta’uu himu.

Naannoon Soomaalee lafa invastimantiif oolu bal’aa qabdi kan jedhan Obbo Huseen, magaalaa Jigjigaas lafa invastimantii hoteelotaaf oolan bal’aa waan qabduuf abbootiin qabeenyaa gara naannichaafi magaalattii dhufanii hojiilee invastimantii adda addaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

5 Comments to “Jigjigaan hoteela sadarkaasaa eeggateefi tajaajila gahaa kennu akka qabaattuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: สล็oต PG
  3. Pingback: blu cape
  4. Pingback: my blog

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *