Kutaa Xumuraa
Dubbistootaa, barreeffamoota torban lamaan darbanitti seenaa mootummaa Gumaay yookiin Gumaa isin dubbisisuun keenya ni yaadatama. Kutaa xumuraa kanaanis kufaatii mootummaa Gumaayiifi taateewwan isa booda kan dhiheessinu ta’a; dubbisa gaarii.
Erga Raas Adaal Tasammaa Abbaa Joobirifi Abbaa Foggii ajjeese booda waraanni Raas Goobanaa Daacciifi Raas Tasammaa ari’ee, Gumaay qabate. Yeroo sanatti Haliimaan booji’amtee gara Finfinneetti fudhatamte. Masaraa Miniliikitti haati warraa Miniliik Xaayituun kirstinnaa ishee kaasistee, Raas Tasammaa Naadoo akka ishee fuudhu goote. Maqaa kirstinnaa Haliimaa Abbaa Foggiis Balaxshachoo jedhamuun jijjiirame. Isheenis booda biyyi abbaashee akka kennamuuf Raas Tasammaan akka haala mijeessu taasifteetti. Raas Tasammaanis yaada kana fudhatee Dambiitti teessoo isheef hundeessee ofii immoo gara dhihaa Goreetti wiirtuu hundeeffateera. Haala kanaan Gumaay akka Haliimaa Abbaa Foggii (Balaxshachoo)tiin qabiyyee ‘maadbeet’ ta’uuf taasifame. Raas Tasammaan daangaa Gumaafi Iluu walitti qabuun akka bulchiinsa tokko jala oolu taasise. Maqaan daangaa bulchiinsichaas maqaa mootii Caalii Shoonoo ittiin waamamu Iluu Abbaa Boor jedhee waamuun moggaase. Du’a Raas Tasammaan boodas Balaxshaachoon Raas Mulugeetaatti heerumtee qabiyyee Gumaa irra turteetti. Balaxshaachoon Raas Tasammaafis ta’e Raas Mulugeetaaf hindeenye. Kanaaf du’a ishee booda qabiyyee ishee Li’uul Mokonnoon ilma mooticha Haayila-Sillaaseetu dhaale.
Kufaatii Mootummaa Gumaay booda amantiin kiristaanaa waan biyya fudhateef ummanni hubaatii isarra ga’e akka armaan gadiitti akka weeddisaa (seeneessaa) ture ni dubbatama.
… Yaa ilmaan haadha walattee
Shawaadha wal-harattee
Achumaa nutti godaante.
Barcuma keenya guddaa
Guutuu mana godhattee
Farda keenya gurguddaa
Baata ofii godhattee
Warra keenya gurguddoo
Beeraa/garadii/godhattee
Jarreen keenya gurguddoo
Duutu namaa godhattee
Yaa ilmaan dana daruu
Matuu an sigabbaruu
Daaraa mataatti si haa aruu …” jechuun aariifi hubaatii isaanii akka ibsaa turan dubbatama.
Seenaa Gumaa waliin walqabatee obboleessi Abbaa Joobir waraanaan cimaa ture. Abbaa Duula Abbaa Jilchaa kan jedhamu dha. Innis Abbaa Joobir kan gargaaraa tureefi gara Geeraafi Limmuutti darbuun Mootummaa ijaaruu yaaledha. Hojii gootummaa kana utuu hojjechaa jiruu Raas Gobanaan gara Limmutti akka fudhatame ni yaadatama. Gootummaa isaas
“… Abbaa Duula Abbaa Jilchaa
Yaa shuuree Jabana kee
Gara Ormaatti ajjeesuu
Gara warraatti dheessuu.
Amma innaa jabana koo
Gara warraatti ajjesuu
Gara Ormaatti dheessuu…” jedhanii isa faarsu.
Mootummaa Gumaay keessatti gootummaan baay’ee kan beekama yoo ta’u dur bosonni Gabbaa, Saayii Gaattiraafi Saxammaa deemuun Leencaafi Gafarsa ajjeesuun iddoo gotummaan itti mirkanaa’u ture. Kanaaf innaa geerarsaan yaadatan,
Gurralee gurraa filaa
Mirga sanyii koo silaa
Maajiidha fide ilaa – jedhanii akka goota faarsaa turan beekama.
Kana malees mootoleen Wallaggaa Gibee keessatti ni faarfamu. Keessattuu gootummaan warra Beeraa akkasitti yaadatama.
… Ammaa yaa Tuuchoo Beeraa
Amma yaa Beeraa Ootaa
Durattuu Leeqaa moota
Barri bade attam (maal/ asii goota … “jedhu.
Kana malees, xiiqii mootummaa Gumaa waliin walqabatee warri Gumaa akkasitti gootummaa ofii ibsatu.
“… Deega koo yaa farrisa
Tur amman sifannisa
Hambabbeessa goobetti
Ilma abbaan abaareetti
Keelloo baala hin qabneetti
Muka arbaa daraareetti
Qeerroo yaada hinqabneetti ….
Gamoojjiin korma tumee
Beerat aseennaa dhaqee
Baddaan garbuu babbaqee
Beerat aseennaa dhaqee
Namni Gumaa xuqee
Handoodee korma dhugee
Du’atti aseennaa dhaqee – jechuun cimina Oromoo Gumaay ibsu.
Mootummaan Gumaay erga Abbaan Joobir waraanarratti ajjeefamee bulchiinsa Nafxanyootaa jalatti kufeen kaasee Illu Abbaa Booritti makamuun Raas Tasammaafi bulchitoota gara Finfinneetti Muudamaniin hoogganamaa ture.
Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011
6 Comments to “Mootummaa Gumaay (Gumaa)”