Jibbi ba’aa isuma jibbu deebi’ee miidhuudha

Waggoota lama dura Ameerikaa keessa “Gartuu jibbaa” jedhamanii beekaman 917 akka turaniifi waggaatti dhibbentaa 900 oliin akka guddatu qorattootni ibsu. Maaltu namootni akka waljibban taasise kan jedhuuf namni Pirofeesar A. J. Masedon jedhaman oggaa ibsan sodaa nama jibban irraa akka burqu dubbatu. Nama gartuusaanii ala ta’e tokkoon  rakkoon nurra ga’a jedhanii shakkan gara gartuu isaaniitti deebi’uutu dhufa. Inni kunis daandii ittiin jiraatan (‘survival mechanism’) keessaa tokko.

Karaa biraas namoota kan jibbinu waan ofii keenya keessatti sodaannu nama kan biraa keessatti yeroo agarru akka ta’e qorattootni xiinsammuu ni dubbatu.

Ofii keenyaa akka sirriifi gaariitti of fudhannee isa kaan akka miinuuf daandii ta’a. Egaa akka qorattootni ibsanitti nama jibbuun rakkoo isa jibbamuu qofa utuu hinta’in namni nama jibbu akka rakkoo qabuuf tarsiimoo ittiin jiraatu keessaa tokko of sakatta’uu utuu hinta’in quba gara nama biraatti qabuu eegaludha.

Haa ta’u malee inni kun rakkoo fayyaa hamaaf akka nama saaxiluu akka danda’u qorattootni ni mirkaneessu. Akka namni ofiisaas ta’e nama biraa hinsimanne taasisa. Qorattootni xiinsammuu kan akka Birad Reediifi Barnaandi Goldan jedhaman jibbi turtii keessa warra kaan qofa utuu hinta’in namoota nama jibban akka miidhu dubbatu. Isa jibbame caalaa isa nama jibbutu miidhama.

Karaa kan biraas haalli siyaasaa akka namootni waljibban akka taasisu qorannaan isaanii ni addeessa. Namni maqaansaa Silviyaaa Dachevik jedhamu aadaan humnaan nama irratti ka’uu jajjabeessuufi haalli bara nuti keessa jirruu akka jibbaaf nama kakaasan dubbatu.

Egaa bara keessa jirru kana jibbi dhaloota keenya rakkoo guddaaf saaxileera. Biyyootiin adda addaa bu’aa jibbaa dhandhamaniiru. Jibbi dhumiisa namoota hedduuf sababa guddaa ta’eera. Akkuma baay’een keenya yaadannu Ameerikaatti Onkoloolessa gaafa 23/2018 namni  Giriigorii Buush jedhamu waldaa amantootni gurraachaa (‘African Americans’) jedhamu seenee gurraachota fixuuf yaalii godhe waan milkaa’uu dideef gurraachota biroo naannawa sana turan lama galaafateera. Ittifufuun Onkoloolessa gaafa 27 Roberti Bowersi waldaa amantootaa seenuun namoota 11 ajjeesee namoota lama madeesse. Maaliif kun ta’e? Namootni kunniin maal godhan?

Hundeen rakkoo kanaa jibba ture. Namoota isaanirraa adda ta’an akka fixaniif sababa guddaa ta’eera. Qorannoowwan gara garaa akka agarsiisanitti jibbi si’ana mul’atu waggoota 40n darban keessatti kan hinturre akka ta’e dubbatu. Namootni ba’anii galuu bara itti dadhaban, mana amantii dhaqanii sodaan bara itti waaqeffataniifi kkf argina. Rakkoolee jiran kanneen teellaas kan jiru jibba.

Jibbi hatattamaan hinfuramu taanaan ilaalcha nuti namootaaf qabnu jijjiiruu qofa utuu hinta’in akka tasaa dho’ee namoota nagaa nu cina jiran miidhuunsaa hinoolu. Kanaaf jibbi yaada keenya keessa jiraannaan furmaatnisaa kaa’uu utuu hinta’in furuudha. Jibba kaa’uun dhuka’aatti biyyoo deebisuudha. Haalli yeroo mijatu, wanti tokko yeroo itti bu’u kan dhuka’ee nama galaafatu ta’a.

Yeroo dhiyoo dura namootni baay’een maalirraa ka’anii akka nama jibban biyyoota shanirratti qorannoo geggeeffameen qomoofi amantiin ga’ee guddaa akka qaban bira gahameera. Wanti guddaa nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate garuu isaan kunniin lamaanuu burqaa jibbaa ta’uu hindandaa’an.  Namni tokko gurraacha ta’ee sababa biyya Ameerikaa keessa jiraateef miidhamuu hinqabu. Namni tokko namoota naannawasaarraa amantiinsaa sababa adda ta’eef miidhamuun irra hinjiraatu.  

Yeroo hedduu addunyaaf fakkeenya hamaa kan taate turte Ruwaandaa (har’a garuu bakka sana kan hinjirtu) keessatti dhumiisa namoota danuuf sababiin tokko jibba ture.

Biyya sana keessatti sirbitootni akka Simoon Bikindii aartiin dahatanii miira namoota danuu jibbaaf kakaasan. Fakkeenyaaf sirbootasaa keessaa kan akka “Tiwasezereye” yookaan “mootummaa barri irra darbetti nagaa dhaamneerra”, “Bene Sebahinzi”, “Ilmaan qonnaan bultootaa”, “Nanga Abahutu” ykn “Ummata Hutuu hin jaaladhu”fi kkf sirbuun namoota keessatti jibbi akka babal’atu taasiseera.

Isa akka fakkeenyummaatti fudhanne malee kan isa fakkaatan namoota danuutu turan. Isas taanaan rakkoo uumee akkasumaan hinhafne. Waggoota 15f mana amala sirreessatti darbatameera.

Akkasumas lolli Bosniyaafi Herzegoviinaa gidduutti bara 1992-1995tti dhumiisa namoota kuma 100 ol (kanneen keessaa dhibbentaan 83 meeshaa maleeyyii turan). Sababa kan ture inni guddaan dubbiiwwan jibbaa miidiyaarratti darban, namootni kana afarsanis keessumaa geggeessitootni siyaasaa Seerbiyaa keessa turan obbolummaafi hariiroorratti barsiisuufi dubbachuurra jibba bara durii kaasanii facaasuun akka namootni garmalee walmiidhan taasisaniiru.  

Darbees Guwaatimaalaatti uummatni akka walmiidhuuf bara 1960-1966tti mul’ate ittifufuun bara 1981-1983tti dhumiisa namoota kuma 200 oliifi buqqa’uu namoota miliyoona 1.5f jibbi sababa.

Keeniyaattis filannoo bara 2007 irratti dubbii jibbaa qomoorratti hundaa’ee facaafameen namootni danuun miidhamaniiru.

Jibbi meeshaa lolaati. Dubbii jibbaa facaasuun boba’aa hammina facaasu. Sanyii faca’ee ija hadhaa’aa godhatu. Ija nyaatanii hinbaraaramneedha.

Biyya keenyattis wantoonni rakkoodha jennu hedduu agarra. Barreessitootni afaanota adda addaan barreessan maal gochaa akka jiran ni hubanna.

‘Beektotni’ facaasaa jiru? Kitaabileefi barruuleen dhaloota kana maal barsiisu? Mariifi yaadni keenya maal fakkaatu? jennee yoo kaafne waantota hedduu dubbachuu dandeenya.

Ani gama kootiin barreessuufi dubbachuun hinmormu. Garuu wantootni dubbannuufi barreessinu dhiibbaa akkamii akka qabu hubachuun barbaachisaadhan jedha.  

Sanyii hamaan faca’e akka ija hingodhanne gochuun daran barbaachisaadha,

Biyyoonni tokko tokko jibba ittisuuf seera baafataniru. Kun gaarii ta’us inni guddaan garuu namootni ofiisaaniitiin akka dhala namaatti yaaduun waan nama biraa miidhuurraa of faggeessuutu misha.

Walumaagalatti rakkoo jibbi biyyoota adda addaatti uumerraa barachuun dhaloota jaalala dhaalchisuun barbaachisaadha.

Dhaabbileen jiran, qaamni hawaasaa, jaarmiyaaleen siyaasaa rakkooleen jiran jaalala, ilaafi ilaameedhaan hiikuu malee daandii jibbaa filachuun hindeggeramu. Nama tuffachiisas.  Kanaaf dhaabbileen amantii; manneetiin barnootaa, waa’ee dhalootaaf nu galcha jennu daandii keenya jijjiiruun barbaachisaa ta’a. Akka baroota darbaniittis dhaloota kanatti fayyadamuu yaaluunis bor nu ceephaasisuunsaa hinoolu.

Dargaggootni keenya haa baratan; haa hojjetan. Hayyootni waan dhaloota jijjiiru haa barsiisan. Geggeessitootni daandii sirrii haa agarsiisan. Lafa keenyarratti gaarummaan haa mo’u. Manneetiin amantii jaalalaafi gaarummaa haa labsan. Jibba baannee hindeemnu. Jibba fuunee bara haaraatti hinceenu.   Namoota dhugaaf hojjennuufi dubbannu; waan goonuuf sababa ga’aa qabnu; guddina dhalootaafi jijjiirama biyyaarratti xiyyeeffanne ta’uun barbaachisaadha. Dhalootni kunis dhaloota hamaa hinsimatnee; gaarii cina hiriiru dhaloota mul’ata qabu ta’uu mala.

 Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

159 Comments to “Jibbi ba’aa isuma jibbu deebi’ee miidhuudha”

  1. Pingback: Thai lawyer
  2. Pingback: url
  3. buy neurontin online no prescription [url=http://gabapentin.auction/#]cheapest gabapentin[/url] gabapentin 100mg

  4. cost of amoxicillin 875 mg [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin cheapest price[/url] amoxicillin tablets in india

  5. neurontin tablets 300mg [url=https://gabapentin.auction/#]buy gabapentin[/url] neurontin 300 mg price

  6. where can i buy amoxicillin over the counter uk [url=https://amoxil.llc/#]amoxil best price[/url] over the counter amoxicillin canada

  7. minocycline 100mg [url=http://stromectol.agency/#]stromectol for sale[/url] minocycline 50mg without prescription

  8. cheap Rybelsus 14 mg [url=http://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg price[/url] Buy semaglutide pills

  9. how much is ivermectin [url=https://stromectol.agency/#]stromectol for sale[/url] price of stromectol

  10. Semaglutide pharmacy price [url=https://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg price[/url] Semaglutide pharmacy price

  11. buying neurontin without a prescription [url=http://gabapentin.auction/#]gabapentin best price[/url] neurontin 300 mg pill

  12. buy cheap generic zithromax [url=https://zithromax.company/#]buy zithromax z-pak online[/url] zithromax 1000 mg online

  13. pharmacy website india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy[/url] world pharmacy india

  14. erectile dysfunction medicines [url=https://drugs24.pro/#]prescription drugs[/url] erectal disfunction

  15. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm24.pro/#]reputable mexican pharmacies online[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  16. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican drugstore online[/url] mexico drug stores pharmacies

  17. india pharmacy [url=http://indianpharmdelivery.com/#]mail order pharmacy india[/url] indian pharmacy paypal

  18. indian pharmacy online [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy online[/url] top 10 online pharmacy in india

  19. Clopidogrel 75 MG price [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] Clopidogrel 75 MG price

  20. Clopidogrel 75 MG price [url=https://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] clopidogrel bisulfate 75 mg

  21. cheap plavix antiplatelet drug [url=http://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] clopidogrel bisulfate 75 mg

  22. cheap plavix antiplatelet drug [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel[/url] buy clopidogrel bisulfate

  23. cheap plavix antiplatelet drug [url=https://clopidogrel.pro/#]check clopidogrel pro[/url] Cost of Plavix on Medicare

  24. buy minocycline 50mg [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol fast delivery[/url] where can i buy oral ivermectin

  25. пинап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пинап зеркало[/url] пин ап зеркало

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *