Luusiiwwan nimilkaa’uu laata?

Finfinnee: ALA bara 1896  Magaalaa Guddoo Giriik, Ateensitti bu’uurrisaa kan kaa’ame Olompikiin ammayyaa eddii jalqabamee jaarraa tokkoo ol lakkoofsiseera. Bara 1940fi 1944 sababii waraana Addunyaa lammaffaatiin yeroo lamaaf addaan citus haala miidhagaadhaan gaggeeffamaa tureera.

Waggaa afuritti al tokko biyyoota adda addaattii kan keessummeeffamu Olompikii ammayyaa kun, waggoota  115 ta’uu seenaan ni muldhisa. Waggoota kanneen keessatti ammoo yeroo 31f gaggeeffameera.

Bara 2020 ammoo  Olompikiin 32fa Jaappaan, Tokiyoon keessummeessuuf halkanii guyyaa qophiilee adda addaa gochaa jirti. Itoophiyaanis olompikicharratti walmorkiiwwan gulaalaa adda addaa taasisaa jirti.

Walmorkiiwwan kanneen keessaa tokkoo dorgommii kubbaa miilaa dubartootaa kan Luusiiwwan garee dubartoota Kaameeruun wajjin iftaan Istaadiyoomii Baahirdaaritti taasifamu isa tokko.

Miseensoota 23 of keessatti kan hammatu  gareen dubartoota Itoophiyaa kun, tapha gulaala gulaala duraa garee dubartoota Ugaandaa dhaqaafi deebiitti walumaagalatti 4-2n mo’achuuni  walmorkii kanaaf kan darbe.

Luusiiwwan walmorkii iftaanii kanaaf magaalaa Adaamaa, Istaadiyooma Abbabaa Biqilaatti shaakaluun qophii taasisu eddii jalqabee torban sadii ta’eera. Taphattoonni kanaan dura walitti qabaman martuu sammuunis ta’u qaamaan qophii gaariirra jiru.

Leenjistuun Luusiiwwanii, Salaam Zari’aay torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif “Walmorkiiwwan kanaan dura adeemsifanne hundattuu milkoofneerra.Taphawwan michummaa kilaboota adda addaa wajjin taasifannetti ejjennoo keenya safarachuudhaan ciminaafi dadhabina keenya argineerra” jechuun ibsiteetti.

Haata’u malee gareen dubartoota Kaameeruun Afrikaarraa cimaa ta’uusaa waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaarratti muldhiseera. Kanaafuu akka laayyootti ilaaluun nurra hinjiru.Taphattoonni keenya cinaacha dadhabbiinasaanii  waan hubataniif of eegannoodhaan taphannee mo’achuu qabna jetti.

Iftaan walmorkii kan adeemsifannu dirree keenyarratti  ummata keenya fuulduratti waan ta’eef mo’annee tapha ittaanuuf dabarra. Tapha kanatti mo’annaan Olompikii Tokiyoorratti hirmaachuun seenaa olaanaa galmeessina jechuun ibsiteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

2 Comments to “Luusiiwwan nimilkaa’uu laata?”

  1. Pingback: play go88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *