Hariiroon obbolummaa Oromoofi Somaalee cimee ittifufeera

Waggoota lamaan darban shira daldaltoonni siyaasaa xaxaniin walitti bu’iinsa ummata Oromoofi Somaalee gidduutti uumameen lubbuun lammiilee hedduu akka darbu, qabeenyi miliyoonaan lakkaa’amu akka barbadaa’uufi lammiileen qe’eesaaniirraa akka buqqa’an ta’eera.

Rakkoo nageenyaa mudatee ture furuuf marii hooggantoonni mootummaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaa, jaarsoliin, hayyoonniifi ummattoonni naannoo Oromiyaafi Somaalee taasisaa turaniifi jiraniin yeroo ammaa nageenyi mirkanaa’ee ummattoonni lamaan walkeessa socho’anii daldalaafi waliin hojjechaa jiru.

Mariin dhiyeenya kana naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti adeemsifames hariiroo ummattoota lamaanii daran kan cimsu ture. Marichi eebba abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatiin kan eegalame yoo ta’u, artistoonni ummattoota lamaaniis sirboota hariiroo ummattoota lamaanii jabeessan dhiyeessaniiru. Diraamaan rakkoo nageenya ummattoota lamaan gidduutti uumamee ture mul’isuufi araara buusus waltajjicharratti dhiyaateera.

Diraamicha keessatti daldaltoonni siyaasaa ummata Somaaleetiin, “Oromoon daangaa kee dhiibaa jira maaliif teessee ilaalta?” Oromoodhaanis, “Somaaleen daangaa kee dhiibaa jira maaliif teessee ilaalta?” jedhanii walitti buusuudhaan namaafi qabeenyarra miidhaa guddaan akka qaqqabu taasisan. Marii jaarsoliin ummattoota lamaanii walitti dhufanii  ummattoota waliin taasisaniin rakkoon nageenyaa furamee ummattoonni lamaan mana tokko waliin ijaaranii nagaafi jaalalaan waliin manicha keessa jiraachuuf waadaa walii galaniiru.

Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa akka jedhanitti, Oromoofi Somaaleen ummata sanyii tokkoofi jirma tokkorraa dhalataniidha. Ummattoonni lamaan gaa’ilaanis walitti hidhamanii jaalalaafi nagaan waliin jiraatu. Waggoota lamaan darban daldaltoonni siyaasaa ummattoota jaalalaafi obbolummaan nagaan waliin jiraatan walitti buusuuf yaalaniiru. Rakkoo uumamee ture furuun garuu yeroo hinfudhanne. Hariiroo ummattoota lamaanii daran cimsuuf mootummaa waliin hojjechaa jiru.

ObboAbdurramaan Sheeh Ahimad Ziyaad jiraataa magaalaa Jigjigaati. Akka isaan jedhanitti, waggaa tokkoo as erga geggeessitoonni bulchiinsa mootummaa naannichaa jijjiiramanii rakkoon nageenyaa mudatee ture furamee hariiroon nagaafi jaalalaan waliin jireenya ummata Oromoofi Somaalee bakka duraatti deebi’aa jira. Haalli nageenyaafi sochiin daldalaas ummattoota lamaan gidduu jiru sadarkaa gaariirratti argama.

Obbo Alii Ahimad Abdullaahiis magaalaa jigjigaa jiraatu. Akka isaan jedhanitti, hariiroon jaalalaaf waliin jireenya ummata Oromoofi Somaalee gidduu ture waggoota lamaa as sababa rakkoo bulchiinsaatiin laafee tureera. Hariiroo ummattoota lamaanii bakkatti deebisuuf tattaaffii taasifamaa jiruun waggaa tokkoo as bu’aa gaariin mul’achaa jira. Nageenyis mirkanaa’eera.

Pirezidaantii eeggataan Yunivarsitii Jigjigaa Doktar Abdii Ahimad akka jedhanitti, yunivarsitichi bara 2011 dhimma nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa ture.  Waggaa darbe  yeroo akkasii haalli nageenyaa Jigjigaa keessa ture rakkisaa waan tureef yunivarsitichi bara 2011 hojii baruu barsiisuu adeemsisuu hindanda’u oduu jedhutu ture. Marii nageenya mirkaneessuuf ummata, barsiisota, barattootaafi hooggantoota mootummaa waliin taasisameen hojii baruu barsiisuu bara 2011 haala milkaa’ina qabuun xumurame.

Bara 2011 barattoota sabummaan walitti buusuuf si’a lama yaaliin taasifamee tureera kan jedhan Doktar Abdiin, jaarsolii, abbootii amantiifi pirezidaantii naannichaa, Obbo Musxafaa Mahaammad waliin ta’uudhaan rakkoo nageenyaa kana tasgabeessuun danda’amuu eeru. Hojii baruu barsiisuu bara 2012 milkaa’inaan xumuruus qophii cimaa taasisaa kan jiran ta’uu himu.

Qabsoo siyaasaa Oromoo keessatti kan beekaman Obbo Leencoo Baatii akka jedhanitti, ummatni Oromoofi Somaalee akka obbolaatti waliin jiraatu. Rakkoon nageenyaa bara darbe ummattoota lamaan gidduutti uumamee tures hariiroo nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu ummattoota lamaanii addaan hinbaasu.

Warra nageenya booressan of keessaa baasuun barbaachisaadha. Naannoon Somaaleen lafa bal’aa hinmisoomne waan qabduuf teknolojii bishaanii naannichatti hojjechuun misooma jallisii babal’isuun barbaachisaa ta’uus ni himu.  

Pirezidaantiin Bulchiinsa  Mootummaa Somaalee Obbo Musxafaa Mahaammad akka jedhanitti, ummatni Oromoo ummata Somaaleetiif kabajaafi jaalala guddaa akka qabu ni beekna.

Obbolummaan ummattoota lamaanii hundee tokkorraa kan dhufan yoo ta’u, afaan, aadaa, dinagdeefi siyaasaanis walitti hidhamiinsa cimaa qabu. Hojiilee duudhaa jaalalaafi tokkummaan waliin jireenya ummattoota lamaanii caalaatti cimsuuf raawwatamaniin waggaa tokkoo as bu’aawwan gaggaariin galmaa’aa jiraachuu dubbatu.

Waggoota lamaan darban daangaa saboota lamaan gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf shira siyaasaa xaxameen lammiilee hedduun ummattoota lamaanii miidhaafi rakkoo cimaan irra gahaa tureera. Har’a rakkoo nageenya ummattoota lamaan gidduutti uumamee ture furamee  nagaan bu’eera. Nageenya argame kana caalaatti mirkaneessuufi itti fufsiisuuf jaarsolii biyyaa, abbootiin amantiifi hooggantoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran kutannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisu.

Hariiroon jaalalaafi nagaan waliin jiraachuu ummata Oromoofi Somaalee haala yeroofi geggeessitoota waliin jijjiiramuu hinqabu kan jedhan Obbo Musxafaan, ummattoonni lamaan waliin misoomuufi guddachuuf tokkummaafi jaalalaan waliin hojjechuu qabu.

Yoo kana ta’eedha guddina Itoophiyaarra darbee Afrikaaf bu’aa buusu galmeessisuu kan dandeenyu. Tokkummaafi jaalala ummattoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuuf bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa waliin kan hojjetan ta’uu himu.

Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa  Mootumma Naannoo Oromiyaa, Obbo Shiimallis Abdiisaa akka jedhanitti, seexanoota xixiqqoo ummata Oromoofi Somaalee gidduu turan ‘Allaah’ nurraa hidheera. Ammaan booda seexanni ummattoota lamaan gidduu akka hingalleef ‘Du’aa’ haagoonu. Dogoggora kaleessaatiif  ammoo “Istoofirallaah” jechuun boqonnaa haaraa haabannu. Hundeen ummattoota Oromoofi Somaalee tokko. Afaan Oromoofi Afaan Somaalee %65 ol walitti dhufeenya kan qabu yoo ta’u, lamanuu qubee laatiiniitiin barreeffamu.

Ummatni Oromoofi Somaalee kaleessa, har’a, boris waliin jiraatu. Ummatni lamaan waliif gaachanaafi dahoodha. Duudhaa jaalala, tokkummaa, nagaafi obbolummaan waliin jireenya keenyaa cimsuudhaan hariiroo saboota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti ceessisuufi rakkoolee mudatan waliin furuuf ni hojjenna jedhu.

Humni ifaafi abdii guddaa dura jiru bira akka hingeenye nu taasisu hinjiru kan jedhan Obbo Shiimallis, ammaan booda ummattoota Itoophiyaatiif kan ta’u obbolummaafi nagaan waliin jiraachuu, waldhaggeeffachuu, garaa bal’achuu, karaa dimokraasii qofaan waliin mari’achuu qofa. Barri fedhii ofii ummattoota Itoophiyaarratti fe’an darbeera jedhu.

Hariiroo ummatni Oromoo ummattoota Itoophiyaa biroo waliin qabu caalaatti cimsuuf halkanii guyyaa ni hojjenna kan jedhan Obbo Shimallis, ammaan booda tokkummaa ummata Oromoofi Somaalee hundee jabaarratti ijaarame caalaatti cimsuuf waliin ni hojjenna jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

5 Comments to “Hariiroon obbolummaa Oromoofi Somaalee cimee ittifufeera”

  1. Pingback: matte concealer
  2. Pingback: 누누티비
  3. Pingback: sex tre em

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *