Hojiin damee kamiinuu hojjetamu seektara dhuunfaa yoo hinhirmaachisne bu’aa qabeessa hinta’u. Mootummaan qofaasaa waantota hunda hojjete galmaan ni ga’aa jechuunis rakkisaadha. Kanaafi ammaan tana mootummaan seektaroota garagaraarratti haala namoonni dhuunfaa hirmaachuu danda’an irratti xiyyeeffatee hojjetaa kan jiru. Gama kanaan waltajjiwwan marii qopheessuunis hudhaalee jiran waliin hiikuuf socho’aa jira.
Waldaaleen abbootii qabeenyaa akka gaaddisaatti ofitti qabanis, rakkooleen jiran akka furamaniif, mootummaanis dhaga’ee furmaata akka itti kennuuf waan isaanii danda’ame hunda ni taasisu. Manni Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraas sadarkaa fedeeraalarraa kaasee hanga naannoleetti namoonni dhuunfaa hojii invastimantiirratti hirmaatan rakkoosaanii qofa qofaan hiikkachuurra waliin akka hiikkataniif ni hojjeta.
Manni Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Oromiyaas dhiheenya kana mana maree sadarkaa fedeeraalaatti jiru wajjin ta’uun misooma bosona daldalaafi indastiriiwwan omisha mukaa waliin marii taasisuun, rakkoolee damicharratti mul’atan irratti qaamolee dhimmichi ilaallatu faana marii bal’aa adeemsiseera.
Pirezdaantiin waldichaa, Obbo Taaddasaa Ganaa sirnicharratti akka dubbatanitti, seektara misooma bosona daldalaa kana bu’aa malu akka argamsiisuuf waldichi rakkoolee jiran mootummaafi qaamolee dhimmichi ilaallatutti beeksisuun hojii bal’aa hojjeteera. Ammas, haala mijataa uumameen abbootiin qabeenyaa damicharraa akka fayyadamaniif hojjetaa akka jiruufi kana booda ittifufiinsaan kan hojjetu ta’uu addeessu.
Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Ittigaafatamaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, biyyattiitti fedhiin bu’aa bosonaafi dhiheessiin bu’aa bosonaa walhingitu. Kunis waggaa waggaadhaan walirraa fagaachaa deemaa jira. Biyyattiin qabeenya bosonaa qabdu hanga itti fayyadamaa turte misoomsaa hinturre.
“Yommuu fedhiifi dhiheessiin walirraa fagaataa deemummoo bosona uumamaa xiqqoo qabnu utuu hinbeekiin waggaa waggaadhaan harka keenyarraa hir’achaafi manca’aa deemaa jira. Waan nuti dhaabnu caalaa waan manca’u akka caalu ni beekama. Fedhiin dabalaa deemuusaatiin isheen jirtu waggaa waggaan nyaatamaa akka deemtu beekuun barbaachisaadha; kaappitaala keenya nyaachaa jirra jechuudha” jedhu.
Qabeenya jiruun fedhii biyya keessaa guutuu waan hindandeenyeef bu’aalee bosonaa kanneen akka waraqaa, xaawulaa, chippuudii, utubaa ibsaafi kkf biyya alaatii galchaa jiraachuus eeranii, karaa tokkoon sharafa biyya alaa hinqabnu jechaa bunaafi albuuda gurguranii waan biyyi salphaatti omishuu dandeessummoo alaa galchuun saalfachiisaa ta’uu kaasu.
Akka ibsa Doktar Girmaatti, fedhiifi dhiheessiin walgituu dhabuun daldaltoota misooma mukaafi bu’aalee mukaarratti bobba’aniif carraadha. Amma kan xiyyeeffannaa ta’uu qabu carraa kanatti akkamitti haa fayyadamnu isa jedhuudha. Maaltummoo hudhaa ta’e dhimmoota jedhan irratti hojjechuun dirqama.
Qabeenya bosonaa biyyattiin qabdu isa uumamaatu baay’ee ture malee inni harkaan misoome waggoota 100 keessattillee daran xiqqaa ta’uu himanii, bosona mootummaa kan jedhamu heektaara kuma ja’a, inni namoonni naannawa qe’eefi maasii dhaaban miliyoona tokko hincaalu jedhu. Kunimmoo industirii dhaabuuf rakkoo guddaa ta’a jechuudha. Utuma isa harka qonnaan bulaa jiruun haa dhaabamu jedhamellee tokko tokkoon irra deemanii walitti funaananii hojjechuun hinbaasu; qaama walitti sassaabu akka barbaadu addeessu.
“Bosona dhaabuun qofa ga’aa miti. Mootummaanis xiyyeeffachuu kan qabu seektarri kun bu’aa qabeessa akka ta’u yoo barbaade bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii mijeessuu danda’uu qaba. Kanaachi baasiin muka funaanuuf ba’u isa sharafa alaa sanaan qixa ta’uuf deema. Har’a biqiltuu xixiqqoo dhaabnee bor biqilaa guguddaa akka barbaannetti baasuu dandeenyaa inni jedhus waan itti yaadamuu qabuudha” jedhu.
Akka Doktar Girmaan jedhanitti, amma carraa bal’aatu jira. bosona dhaabuufi misoomsuu ajandaa biyyaa ta’uunsaa omishtootaaf carraa guddaadha. Kanaaf yeroo kamuu caalaatti irratti mari’atamee yoo hojjetame bu’aa qabeessa ta’a. Seektarichis yoomiyyuu caalaa abdii qaba. Biqiltuu amma duulaan dhaabamu keessaa kan bu’aalee mukaa garagaraaf ta’ullee dhaabataa jira. Kana carraattii hiikuuf kallattiin taa’uu qaba.
Kanaaf rakkoolee ijoo abbootiin qabeenyaa akka gara seektara kanaa hindhufne gochaa jiru hiikuun dirqama ta’uufi hojiin bosonaa amalumasaatiin yeroo dheeraa kan barbaadu ta’uusaatiin faayinaansi waggoota kanneen ittiin hojjetu argachuu akka qabu ibsu.
Kan malees, liqaa baankiileen biyyattii kennan harki caalaan kan yeroo gabaabaati. Gama kanaan rakkoo jirus hiikuun barbaachisaadha. Muuxannoo biyyoota hedduu yoo ilaalle misooma bosonaatiif tajaajila adda ta’eedha kan isaan kennan. Hojii seektara kanaatiif liqiin addatti qophaa’ee dhala xiqqaadhaan kennama. Muuxannoo kanas gara biyya keessaatti galchuun furmaata tokko ta’uu eeru.
Kanneen malees, waa’een lafaa xiyyeeffannaa argachuu mala kan jedhan hogganaan kun, misooma bosonaa daldalaaf ooluuf gaarri mijataa miti; akkuma lafti xaafii qamadii lafa gabbataa barbaadu bosona daldalaa hundeessuufis lafa gabbataa barbaada. Kana wajjinis sanyii filatamaan bosonaa itti yaadamuu akka qabu ni dubbatu.
“Inni biraan hiikamuu qabu hanqina teknolojiiti. Biyya kana keessa warshaaleen hamma ta’e muka omishan teknolojii bara Xaaliyaanii galaniin hojjetaa jiru. Isaan kana teknolojii haaraatiin bakka buusuun dirqama. Akkasumas, damee kanaaf jajjabeessituu qopheessuun dirqama. Maallaqa kennuu qofa ta’uu dhiisuu danda’a. Meeshaawwan damee hojii kanaaf alaa galanirraa taaksii hir’isuufaa ta’uu danda’a” jedhu.
Akka ibsa Doktar Girmaatti, erga kunneen sirreeffamaniimmoo kan hafu seektarichatti abbaa itti gochuudha. Dhaabbata mootummaa qofa osoo hintaane namoonni dhuunfaallee sanada (‘pilaatfoormii’) irratti mari’atan hinqaban. Kanaaf waltajjii tokko uumuun mari’achuun murteessaadha. Waldaan tokko dhimma kanarratti hojjechuun abbootii qabeenyaafi mootummaa kan walitti fidu jiraachuu mala. Gareen dhimma kana hordofus hundaa’ee dhimmicha hordofee seektaricha bu’aa qabeessa taasisuuf socho’uu qaba.
Akka waliigalaatti seektarri bosanaa dhaabuurraa kaasee hanga dhaqee warshaa qaqqabee tajaajilaaf oolutti carraa hojii bal’aa uuma. Ajandaa carraa hojii uumuu mootummaan qabatee deemuufis gumaacha olaanaa kan taasisudha jedhu.
Inistitiyuutii Qorannoo Bosonaafi Naannawaa Itoophiyaatti, Daarektarri Qorannoo Imaammata Dingadee Doktar Alamaayyoo Nagaasaa gamasaaniin, rakkooleen damee bosonaa hedduu ta’anis hirmaannaan abbootii qabeenya dhibuun rakkinicha hammeessaara jedhu. Kana malees dhimmi abbummaa bosonaa walfalmsiisaafi qaawwaa kan qabu waan ta’eef itti yaadamuu kan qabuudha.
Akka ragaan jiru agarsiisutti biyyattiin waggaatti biqlituulee heektaara kuma 19 dhaabuun kuma 92 kan fayyadamtu ta’uu eeranii, waggaatti heektaarri kuma 72 kan manca’uu ta’uu kaasu. Kana hambiisuun yoo hindanda’amne rakkoo seektarichaa hiikuun rakkisaadha. Gama kanaan hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamuu akka malu gorsu.
Mootummaanis imaammata mijataa qopheessuun, jajjabeessituuwwan garagaraa qopheessuu, rakkoolee bulchiinsa lafaatiin walqabatan furuufi dameelee dhuunfaa hirmaachisuun bu’aan barbaadamu akka dhufu abbummaan hojjechuu qaba. Damee kanaan hamma namni fakkeenya ta’u hamma ba’utti deggarsa barbaachisaa taasisuu akka gaafatu kaasanii, isa booda bu’aa qabeessuummaansaa yoo barame hangas mara rakkisaa akka hintaane dubbatu.
Walumaagalatti mootummaan damee kanaaf xiyyeeffannaa kennuunsaa carraa bal’aa kan uumu waan ta’eef abbootiin qabeenyaas shoorasaanii ba’achuun faayidaa ofiifi biyyaaf argamsiisan malee lammiilee hedduuf carraa hojii banuun hojii dhabdummaa hir’isuu keessattillee hirmaachuu qabu jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011
2 Comments to ““Fedhiifi dhiheessiin misooma bosonaa walgitu dhabuun carraadha” -Doktar Girmaa Amantee”