“Faddaaltotatu faddaalaa wajjin walnuqunnamsiisa. Faddaalaatu qullubbii diimaa sadarkaa 1fa qarshii 21n, timaatimii qarshii saddeet (gatii oyiruurratti murameen) nu harkaa fuudha. Otuu faddaalaan jidduu hinseeniin kallattummaan fayyadamaa ta’uuf Finfinneetti dhiyeessuu yaallee hinmilkoofne”.
“Faddaalaan gabaa Finfinnee, Piyaasaatti gatii garmalee dabalee gurgura. Faddaalaan kallattiin nu arguu hindanda’u. Rakkoo kana furuuf Piyaasaatti bakka kallattiin itti gurgurannu otoo argannee gabaa tasgabbeessuu dandeenya. Waldaa cimaanis hinjiru”.
“Qaamoleen dhimmichi kallattiin ilaallatus dhufanii nu gaafachuu malee furmaata kennan hinqaban” jechuun komiisaa qaala’ina gatii ammaan tana mul’ataa jiru wajjin kan eere dargaggoo Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Booraatti omisha timaatimii, qullubbii diimaafi adiirratti bobba’e tokkoodha”.
Akkuma seensarratti eeruuf yaalame keessumaa namoonni mindaa xiqqaafi sooratamtoonni qaala’ina gatii omishaaleetiin rakkoo guddaa keessa jiru. Daabboo bitachuuf hiriirra guddaatu uumamaa jira. Qabiyyeensaa gadi bu’ee gatiinsaa daran dabaleera. Gatiin midhaan callaa, zayitiifi daakuu daabboo dabaleera. Keessumaa xaafiin kan ji’oota muraasa darbaniirra tilmaamaan kuma lamaaf 500 irraa kuma sadiifi isaa ol ta’eera.
Qaala’ina gatii hammaate kanaaf Dhaabbanni Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa, hayyoonni damee dinagdeefi mirga bitattootaa eeguuf dhaabatan akka sababaatti kan eeran haalli siyaasaa tasgabbaa’uu dhabuu, daldalli seeraan alaa babal’achuu, damicha keessatti faddaaltotni babal’achuu, imaammanni dinagdee haala qabatamaa biyyattii wajjin kan hindeemne ta’uu, daldaltoonni midhaan kuusuu, cancalli gabaa dheerachuun, fedhiifi dhiyeessiin walsimuu dhabuun, caasaan mootummaa dhimmichi kallattiin ilaallatu kutattummaan hordofee shira adeemsa daldalaa keessatti mul’atan sirreessuu dhabuu fa’i.
Dhugaa dubbachuuf daldalaan guyyaadhaan otoo hintaane sa’aatii sa’aatiidhaan gatii dabalaa jira. Oggaa kun ta’u qaamni mootummaas ta’e bitataan ‘maaliif akkana goota’ jedhee gaafatu dhabamuun rakkinicha hammeessaa jira.
Kanaaf waa’een qaala’ina jireenyaa kun keessumaa lammiilee harka qal’eeyyiifi galii idilee argatanitti ba’aa jireenyaa olaanaa ta’aa waan jiruuf, qaamni mootummaa dhimmichi kallattiin ilaallatu bakka rafee dammaqee rakkoolee eeramanirratti ummata of maddii hiriirsee hojjechuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011
One Comment to “Shira qaala’ina gatiirratti mul’atuuf furmaata”