Saba Oromoofi Amaaraa gidduu garaagarummaan bu’uuraa akka hinjirre ibsame

Finfinnee: Durirraa eegalee saba Oromoofi Amaaraa gidduu garaagarummaan bu’uuraa kan hinjirre ta’uu hayyootni seenaa ibsan. Konfiransiin hayyoota seenaa Oromoofi Amaaraa qorataniin Yunivarsiitii Wallootti guyyoota lamaaf tibbana adeemsifameera.

Hayyootni kunneen qorannoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, bara duriirraa kaasee ummanni Oromoofi Amaaraa karaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa waan turaniif, saboota lameen gidduu garaagarummaan bu’uuraa hinjiru.

Kunis hariiroon waliin jireenyasaanii cimaa ta’uu kan agarsiisuufi dhaloota har’aafi boriif gala ta’uu kan danda’uudha jedhaniiru. Kanaafis inni tokko isa biraa waliin jiraachuuf kan rakkatu ykn waldadhabu osoo hintaane jaalalaan caalaatti hariiroo uummatu ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Pirezdaantiin Yunivarsiitii Walloo, Doktar Abaatee Geetaahuun ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, konfiransiin mataduree “Hariiroo Oromoofi Amaaraa Walloo” jedhuun adeemsifame kaayyoon isaa ummattoonni lamaan harka caaluu biyyattii waan ta’aaniif hariisoosaanii cimsuuf yaadameti.

Ummanni Itoophiyaa miliyoonni 30 ol eenyummaan isaa saboota lamaafi isaa oliin kan makame ta’uu eeranii, Oromoofi Amaarri immoo haala adda hinbaaneen walittidhufeenya waan qabniif kan cimsuuf yaadamee qophaa’uusaas dubbataniiru.

Waggoota dheeraaf saboota kanneen adda baasuuf yaalamuusaa himanii, kana hiikuuf ammoo qorannoon saayinsaawaa shan ta’u qoratamee agarsiisaaf dhiheessuuf yaalamusaas pirezdaantichi ibsaniiru.

Konfiransicharratti yunvarsiiwwan 27 yoo ta’u, barattoonni, barsiisoonni sabaafi sablammoota biroo keessaa baba’aniifi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hirmaataniiru.
Konfiransichi bardheengaddaa ji’a Caamsaattis Yunvarsiitii Dabrabiraanitti, Adooleessa keessammoo Yunvarsiitii Jimmaatti adeemsifamuun isaa ni yaadatama.

Gama biraan ammoo Pirofesar Tolasaa Fiqiree, “Tokkummaafi wajjummaa” Itoophiyaa ilaalchisee tibbbanuma barattootaafi hawaasa Yunivarsiitii Gondariif ibsa kennaniiru. Akkasaan jedhanitti, ummatootni Itoophiyaa yeroo addaddaa keessatti faffaca’uudhaan jiraachaa waan turaniif aadaafi afaaniitiin walitti makamaniidha. Afaaniifi aadaa hedduu yaa qabaatan malee ummattoota tokkummaasaanii eeggachuun jiraachaa turaniifi jiran ta’uus eeraniiru.

Itoophiyaatti namni kamuu dullumaan biyya itti du’u malee yeroo gabaabaa keessatti harka namaatiin kan du’u ta’uu akka hinqabnes Pirofesar Fiqireen yaadachiisaniiru.

Sabootni, sablammootniifi ummattootni biyyattii kan walitti hidhaman dhiigaafi fooniitiin, akkasumas lafeetiin malee sabbummaan, afaaniin, aadaafi amantiitiin walqooduun barbaachisaa akka hinntaanes hubachiisaniiru. Kana boodas wayita walgaafannu afaan beeknuun osoo hintaane qaama keenyaaf iddoo guddaa kennuun ta’uu akka qabus yaadachiisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

4 Comments to “Saba Oromoofi Amaaraa gidduu garaagarummaan bu’uuraa akka hinjirre ibsame”

  1. Pingback: Event venue phuket

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *