Finfinnee: Barsiifata biyya kanaa keessatti yeroo baay’ee namni kan faarfamu yommuu du’uudha. “Abaluun akkas ture, kana hojjete turefi kkf” jechuun miidiyaaleen walharkaa fuudhanii kan odeessan yommuu namni du’uudha. Keessumaa namoonni aartiifi qabsoo keessatti gumaacha taasisan hojiin isaanii kan leellifamuu erga isaan addunyaa kanarraa darbaniidha.
Akka sadarkaa biyyaatti barsiifata kana hambisuuf jalqabbiiwwan muraasni jiraatanillee akka Oromiyaatti garuu, nama gaarii hojjete badhaasuufi galateeffachuun hinbaramne.
Amma garuu jalqabbiiwwan muraasni ni mul’atu. Bardheengaddaa namoota aartii Oromoorratti bifa garagaraatiin hirmaatanii gumaacha gaarii gumaachaniiru jedhamaniifi yeroo jalqabaa sagantaan ‘Odaa Award’ jedhamu qophaa’uun beekamtiin kennameera.
Sagantaa kana kan qopheesses Piroomoshinii Bashaatuu Tolamaariyaam, Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun ture. Baranas sagantaan kun yeroo lammaffaaf boru Sa’aa 11:00 eegalee Giddugala Aadaa Oromootti adeemsifama.
Gaggeessituu Hojii Piromoshinichaa Bashaatuu Tolamaariyaam ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kenniteen sagantaan bardheengaddaa akaakuuwwan aartii 14n kan adeemsifame yoo ta’u, barana akaakuuwwan 20 kan kennamu ta’u dubbatti. Kanneen keessaas muziqaa, vidiiyoo kilippii, weellisaafi weellistuu, kitaaba, tiyaatira, diraamaa televizyiniifi kanneen biroo akka keessatti argaman eerteetti.
Dabalataanis sagantaa baranaa adda kan godhu abbootiin seeraa bardheenagddaa 60 turan barana 70 ta’uusaatiin hojiileen dhihaatan gadifageenyaan akka ilaalamuuf carraa uumuusaa addeessitti. Badhaasa baranaatiin artiistiin dhiibbaa uumeefi milkaa’ina umurii guutuu keessatti argamuunsaaniis adda taasisa jetti.
Badhaasni akkanaa qophaa’uunsaa, namoonni aartiirratti gumaachan utuu jiranii ciminasaanii ibsuufi ummatatti beeksisuuf akka ta’e kan ibsitu Bashaatuun, aartiistoota gidduuttis miira waldorgommii uumuun hojii qulqulluun akka hojjetamuuf akka gargaaruu dubbatti.
Haaluma walfakkaatuun sagantaan dubartoota Oromoo ciccimoo qabsoo Oromoo keessatti aarsaa olaanaa kanfalaniifi atileetota Oromoofi Oromiyaa beeksisanii galateeffatu Siinqee Awwaardi jedhamu Dilbata dhufu Giddugala Aadaa Oromootti yeroo jalqabaatiif adeemsifama.
Saganticha kan qopheessite Weellistuu Hawwii Tazarraa akka nuuf ibsiteetti, sagantichi gootittii Oromoo sirna darbe keessa aarsaa qaalii kanfaluun aartii dhaloota kanaaf dabarsitee akkasumas, atileetota fakkeenya ciminaa ta’aniif kan kennamudha jetti.
Sagantaa kanarratti balbala irraa kaasee hojii nageenyaa eegsisuu, keessummeessuu, sagantaa gaggeessuu, kaameeraa, waraabuu, meeshaa taphachuu, badhaasa kennuufi hojiileen guyyichatti hojjetaman hundi dubartoota qofaan akka raawwataman eertee, weellistoonni dubartootaas sirboota garagaraa kan dhiheessan ta’uu addeessiti.
Saganticha qopheessuuf kan ishee kakaases ofiisheerraa ka’uun keessumaa, waggoota lamaan darban dhiibbaa isheerra ga’ee tureen namni eessa jirta jedhu dhiibuunsaa xiiqii keessatti uumuusaa ta’uu dubbatti. Yeroo baay’ee erga namni darbee walgalateeffachuurra jiraatti walgalateeffachuunis baramuu qaba jetti.
Sirna galateeffannaa kanarratti Artisti Ilfinash Qannoofi Haloo Daawwee akkasumas, Atleet Daraartuu Tulluu, Quxuree Dullachaafi Faaxumaa Roobaas kan galateeffaman ta’u. Aanga’oonni mootummaa olaanoo dubartoonnis ni argamu.
Saamraawiit Girmaatiin
6 Comments to “Siinqee Awwaardiifi Odaa Awwaardi: Sagantaa jiraatti walgalateeffachuu”