“Kanaan booda Oromoon waa dhaammachuu osoo hintaane, raawwachuutu irraa eegama” -Obbo Shimallis Abdiisaa

“Biyya Boolee bulbulaa, Boolee boolee bolaalee,

Dur qamadiitu irra biqilaa, Boolee boolee bolaalee,

Har’a xiyyaaratu irra gulufaa Boolee boolee bolaalee” jedha weellisaa Sayyoo Dandanaa wayita Oromoon qe’eesaa qamadii irra facaafataa tureerraa fageeffamee akka ormaatti fagoo taa’ee ilaaluusaa ibsu.

Sirba kana Sayyoon xiiqiidhaan haa sirbuu malee Oromoon hundi quuqamaafi gaabbiidhaan weellisuunsaa hinoolu. Waggoota kurnan lamaan darban Oromoon Booleedhaaf keessummaa ture. “Ilaa lafti sun kan abbaakoo ture, kan akaakayyuukoo ture” jedhee lafa gamoo dheeraan irra dhaabbate mul’isuu malee bakkuma walitti qabamee taa’ee dhimmasaallee itti odeeffatu hinqabu ture.

Oromoon sagantaa qabu ykn waajjirri mootummaallee dhimma Oromoo Booleetti mari’achuufi qopheessuurra bakka biraa filata. Kun Oromoo baay’ee keessatti aariifi xiiqii uumaa kan ture yoo ta’u, ilmi Oromoo Weellisaa Galaanaa Gaaroomsaas kanumarraa ka’uuni torban har’aa albamiisaa haaraa “Baallii” jedhamu Boolee, Hoteela Iskaayilaayititti haala miidhagaadhaan kan eebbisise.

Galmi hoteelichaa sabboontota Oromoodhaan kan guutame yeroodhumaan ture. Guyyichi roobaafi jala bultii ayyaana Arafaa ta’us xiiqiin waamicha irraa hinhambisne. Yemmuu galma bal’aatti seenamu miirri ifee calaqqisu kan xiiqiifi gaabbii Oromummaa malee kan eebba albamii qofa hinturre. Namni achitti argamee Oromoon haala kanaan qixa lamaan Booleetti walitti qabamuusaatti hingammadne jira jechuufillee nama rakkisa; hunduu fuulli abdiidhaan waan ife fakkaata.

Sagantaan guyyichaa sa’aatii itti ni eegalama jedhamerraa sa’aatii lamaa ol boodatti hafus namni mufatee cidha Oromummaa kana dhiisee deeme hinturre. Hunduu obsaan taa’ee eegeetu qophicha miidhagse malee. Turtii booda abbaan Cidhaa Weellisaa, Galaanaa Gaaromsaa waa’ilootasaa weellisitoota beekamoo kanneen akka Elemoo Alii, Sayyoo Dandanaa, Haacaaluu Hundeessaa, Ittiqaa Tafarii, Caalaa Bultumee, Hawwii Tazarraa, Shimallis Abbaabbuu, Yoosan Geetaahuniifaa akkasumas haadha warraafi ilmasaa tokkicha waliin gara galmaa seenuun keessummootasaa harka fuudhee taa’e.

Saganticha kan qindeesse dhaabbata “Weedduu Entertainment and Event Organizer” yoo ta’u, gaggeessaan hojii dhaabbatichaa Obbo Booressaa Bayyana haasawa taasisaniin, dhaabbatichi aartiin humna dippiloomaasii guddaa ta’uusaatiin aartiirratti xiyyeeffatee akka hojjetu ibsu. Kanaanis qarreefi qeerroofis dugugguuruu dugdaa ta’uun akka hojjetuufi keessumaa artisoonni Oromoo ifanii akka mul’ataniif kan socho’u ta’uu himu.

Aartistoonni Oromoo biyyaaf bu’aa olaanaa buusanis ofiif homaa akka hinbuufanne eeranii, dhaabbatichis ogummaasaanii misoomatti jijjiiruun dinagdeedhaan akka of danda’aniif waanirraa eegamu hunda akka ba’atu ni tumsa jedhu. Kanarra darbeemmoo Finfinneen Oromoo Oromoo akka urgooftuuf xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuusaafi Konsartii Irreechaa Hora Finfinnee qopheessuuf gamanumaa qophii taasisaa jiraachuu dubbatu.

Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa gamasaatiin “Ilmi namaa hunda dura kaayyoo qabaachuu qaba. Yoo hintaane bakka yaade ga’uu hindanda’u. Dirree kubbaa miilaa keessatti 11 ta’anii taphatanis goolii kan galchu nama tokko, warri kaan garuu ni tumsu. Anis kanin as ga’e tumsa qarreefi qeerroo akkasumas Oromoo hundaani. Kanaafis galanni koo guddaadha. Namni qofaa deemu nama qullaa deemuun adda miti. Qabaadhe osoo hintaane isin na utubdaniin kana qaqqabe, waanin isin qabuuf malee” jechuudhaan ummata Oromoo galateeffateera.

Albamii “Baallii” jedhamuufi sirboota 14 qabu kana qopheessuuf waggoota afur itti fudhachuu ibsee, kana keessatti namoota isa deeggaran hunda galateeffateera. Dhaabbileen addaddaa dur aartii Oromoo deggaruu fagootti sodaatanis amma ilaalcha sana keessaa ba’anii isa deggaruusaanii kaasee isaanis galateeffateera.

Keessummaan kabajaa guyyichaa pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaas gamasaaniin, Oromoon karaa dheeraa deemee, bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee as ga’uusaa eeranii, keessumaa daandii aartiin Oromoo keessa darbe madaa hedduu kan qabuufi sabboontoonni heddu lubbuu itti dhaban waan tureef dadhabbiinsaa dachaa ture jedhu.

Aartiin bo’aarsuurra darbee seenaa barsiisuu, yaadachiisuu, qabsaa’ota horachuu keessatti qooda guddaa qabaachuusaa kaasanii, kun ammoo cimee ittifufuu akka qabuufi caalaatti guddachuufi bilchaachuu akka qabu dubbatu. Hojiin aartii waltajjiitti gaafa ba’u salphaa fakkaatus dhaamaatii guddaa kan gaafatu waan ta’eef mootummaan xiyyeeffannaan hojjetaa tureera, ammas akka hojjetu addeessu.

“Ammaa booda Oromoon waa dhaammachuu miti kan qabu humna raawwachuu waan qabuuf hojjechuutu irraa eegama” kan jedhan Obbo Shimallis artiistoonnis kanarratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaamu.

Keessummaan kabajaa biroo Pirezdaantiin Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo Pirofesar Mararaa Guddinaa gamasaaniin, tokkummaan ummata Oromoo, qarreefi qeerroo akkasumas, kan dhaabbilee siyaasaa cimuufi hundeesaa gadi fageeffachuun akka irra jiru kaasanii, kan agochuuf ammoo aartiin humna waan qabuuf artistoonni akka irratti hojjetan gaafataniiru.

Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa gamasaatiin, Finfinneen biyya weellisaafi qabsaa’aa Oromoo ajjeesaa turte ta’uu kaasee, kanaafis akka itti Weellisaa Eebbisaa Addunyaa lafarra harkifamee ajjeefame yaadachuun ga’aa ta’uu kaasa. Har’a garuu sun jijjiiramee keessumaa Booleetti sagantaan akkanaa qophaa’uun hiikisaa alabamii eebbisiisuurra akka caalu ibsa.

Kanaa booda ta’uu kan qabus Oromoon mirga abbaa biyyummaasaatti fayyadamuun aartiisaa guddifachuufi wantoota fagootti sodaatamaa turan bira ga’ee raawwachuun waanti hundi akka danda’amu agarsiisuu Galaanaarraa baratamuu akka qabu addeessa.

Walumaagalatti sagantaan haala bareedaadhaan qophaa’ee kun akkanumaan sirbamee kan adda itti ba’ame osoo hintaane kan waadaan itti haareffameefi onneen itti onnachiifame ture. Namni daandii kan saaqes callisamee hinilaalamne. Walcinaa jiraachuuf kudhaama akka ta’uuf guyyuma kana siidiin weellisaa Galaanaa qarshii miliyoona saditti gurgurameera. Kana keessaa Mootummaan Oromiyaa siidii tokko qarshii kuma 200n bituun aartii Oromoo deggaruuf dhugumaan ka’uu agarsiiseera.

Qindeessitoonni sagantichaas Obbo Shimallisiifi kantiibaa ittaanaa Magaalaa Finfinnee, Injinar Taakkaalaa Uumaa eeboofi gaachana akkasumas, Weellisaa Galaanaa suurasaa gogaarratti kaafame badhaasaniiru. Sirni akkanaa caalaatti ittifufuu kan qabuufi jajamuudha. Aartiin Oromoos daran dagaagee faayidaa barbaadamu akka fiduufis aantummaan ummataafi mootummaa cimee itti haa fufuun ergaa keenya.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Kanaan booda Oromoon waa dhaammachuu osoo hintaane, raawwachuutu irraa eegama” -Obbo Shimallis Abdiisaa”

  1. Pingback: trustbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *