Gidduu kana namoonni “Oro-phobia” qaban Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barsiifamuuf hojiin eegalamuunsaa irriba isaan dhowweera. Ofii hirriba dhabuu qofa osoo hintaane hojichi akka hinmilkoofneef shira xaxaafi munyuqaa jiru. Ittuu hojiin galmeessuu akka gufatuuf yaalii muraasa taasisaniiru.
Kana nama gaddisiisummoo namoota barnootaan fooyya’oo jedhamanii hojii gaggeessummaaf imaanaan itti kenname taatota ta’anii argamuusaaniiti. Hubannoo barattootaafi maatiisaanii burjaajessuun akka barattoonni hingalmoofneef harka lafa jalaatiin shira xaxaniiru. Waardiyyootas gowwamsuudhaan maatii ilmaansaanii Afaan Oromoo akka baraniifi baratan galmeessisuu dhufan deebisaniiru. Gaarummaansaa yeroon kan hojii waan ta’eef namni isaaniif gurraafi qalbii kennu hinjiru.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Barnoota Finfinnee Obbo Zalaalam Mulaatuu akka gaazexaa Bariisaaf ibsanitti, kutaalee magaalattii hunda keessa manneen barnootaa mootummaa sadarkaa tokkoffaa 488 ta’an kan jiran yoo ta’u, kanneen keessaa 133tti Aaaan Oromootiin barsiisuuf qophiin xumuramee galmeessi adeemsifamaa jira. Ta’us sababa hubannoon maatii gadaanaa ta’eefi ittigaafatamtoonni tokko tokko Afaan Oromootiin barnoonni akka kennamu fedhii hinqabneef barattoonni hanga yaadaman hingalmoofne.
Ittigaafatamtoonni kunneen ofii fedhii waan hinqabneef akka waan barattoonni Afaan Oromootiin barachuuf fedhii hinqabneettiifi hinjirreetti odeeffannoo dogoggoraa dabarsuurra darbee harka lafa jalaan galmeessa barattootaallee dhorkuusaanii eeru. Biirichis kana qulqulleeffachuun ittigaafatamtoota kanneen irratti tarkaanfii fudhachuufi ittigaafatamummaa isaaniirraa kaasuu ibsu. Waardiyyootaafi barsiisota hojii walfakkaataarratti hirmaataniiru jedhamanii shakkaman irratti ammoo ragaa qulqullaa’aan jiraachuufi tarkaanfii akka fudhatamu himu.
Silaa barsiisaafi ogeessi barnootaa seenaafi dhugaa barsiisee dhalootaafi biyya ijaara. Muuxannoo biyyoota afaan hedduu qabanii dubbisee, faayidaa afaan lamaafi isaa ol beekuun, barachuufi ittiin hojjechuun qabu dhaloota barsiisa. Silaa isatu jaalala biyyaa, sabaafi afaanii ol adeemtota keessatti uumee lammii amala gaarii horata. Yoo kana hunda dhiise seenaa dhugaa osoo hinjallisiin dhalootatti hima.
Hamman beekutti barsiisaan ilaalcha siyaasaafi amantii calaqqisiisuu hinqabu. Waa hundarraa bilisa ta’ee sammuu qulqulluudhaan dhaloota qulqulluu kununsee guddisa. Maatii caalaa barattoonni yeroo dheeraa kan dabarsan isaan waliin waan ta’eef ittigaafatamni irra jirus dachaadha.
Inni Magaalaa Finfinneetti ta’e garuu faallaa kanaati. Barsiisoonniifi ogeessonni barnootaa muraasni fedhii mataa ofii dursanii imaanaasaanii dagatan seenaa jallisuuf wixxirfatu. Summii sodaafi yaaddoo qaban namatti facaasuuf shira xaxu.
Finfinnee qe’ee Tufaa Munaatti Afaan Oromootiin barsiisuun naasuufi yaaddoo uumuu hinqabu. Abbaan qe’ee qe’eesaatti cidha qopheeffachuuf namoota itti inaafaniifi aaran hineeyyamsiisu; waanuma gochuu qabu godha.
Kanaaf barsiisonniifi ogeessonni barnootaa muraasni qe’ee ofiitti afaan ofiitiin barachuun mirga ta’uu hubatanii ogummaa kabajamaa kanaan da’atanii fedhiisaanii tarkaanfachiisuuf socho’an waan hinoolleef utuu hindhama’an ta’ee gaariidha. Mootummaanis to’annoofi tarkaanfii gama kanaan taasifamurratti xiyyeeffatee utuu hojjete jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
7 Comments to “Qe’ee ofiitti afaan ofiitiin barachuun mirga”