“Nageenyaaf gatii walqixa kanfallee bu’aasaas qixa haa qooddannu” – Gargaaraa Pirofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo

TOI: Nageenyaaf gatii walqixa  kanfallee bu’aasaas qixa qooddachuu qabna jechuun gargaaraan Pirofeesaraa Mihiretuu Shaanqoo dubbatan.

Naannolee biyyattii hundaafi bulchiinsa magaalota lamaan irraa dargaggoonni walitti baba’an konfiransii dhimma tokkummaafi nageenyaa qophaa’e rratti marii taasisaniiru.

Konfiransiin kun Ministeera Nageenyaafi Federeeshinii Dargaggoota Itoophiyaan kan qophaa’e yoo ta’u, biyyattiitti nageenyiifi tokkummaan akka dagaaguuf kaayyoo kan godhateedha jedhameera.

Waltajjii kanarratti haasawa kan taasisan Gargaaraan Pirofeesaraa Mihiratuu Shaanqoon akka jedhanitti,  “Itoophiyaa guddisuuf dhaloota biraa, carraa biraafi yeroo isa dhufu eeguu hinqabnu ”.

Kanaafis yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti dhimmi guddaan nageenyaafi tokkummaa mirkaneessuu waan ta’eef hojjechuutu nurraa eegama jedhaniiru.

Wantoota kana dura turan kanneen akka walkabajuu, tokkummaa, walii yaaduufi waliin jiraachuu eegsisnee ceesisuun dirqama hunda keenyaati jechun dubbataniiru.

Nageenyaaf gatii walqixa  kanfallee bu’aasaas qixa qooddachuu qabna jechunis ergaa dabarsaniiru.

Ministir de’eetan Ministeera Nageenyaa Aadde Almaaz Mokonnon gamasaaniin Itoophiyaan nagaa akka taatuuf dargaggoonni ga’eesaanii taphachuu qabu jedhaniiru.

Dargaggoonni biyyattii nageenya itti fufsiisuuf humna guddaa waan qabaniif humnasaanii kana tokkummaa biyyaaf oolchuu qabu jechuun ibsaniiru. Dargaggoonni daldaltoota siyaasaarraa of fageessuu qabus jedhaniiru.

Maatiin, abbootiin amantiifi namootni biroos dhaloota ofitti amanu horachuuf ga’eensaanii guddaa waan ta’eef jajjabaachuu qabu jedhaniiru.

Hirmaattota konfiransii keessaa takka kan taate Maskaram Taklahaymaanot yaada kenniteen akka jettetti, biyya ijaaruu keessatti ga’een dargaggoonni qaban olaanaa waan ta’eef dirqamasaanii ba’achuu qabu.

Dargaggoo Kaasaahuun Warquu gamasaatiin tokkummaan biyyaa akka dagaaguuf namootni hundi tumsa taasisuu qabna jedheera.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Nageenyaaf gatii walqixa kanfallee bu’aasaas qixa haa qooddannu” – Gargaaraa Pirofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo”

  1. Pingback: musica youtube

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *