Ispoortii Waloo cimina qaamaafi hariiroo wajjummaatiif

Finfinnee: Sagantaan ispoortii Waloo addunyaarratti akka hordofamu qajeelcha kan kennan hayyoota fayyaatiini. Sochii ispoortii taasifamu kanaan hawaasa qaama cimaa, sammuu ifaafi fayya qabeesa  horachuun bu’aa olaanaa argamsiisaa jira. Ispoortiiwwan fayyummaaf adeemsifamu martuu suuta suuta shaakaluudhaan gabbifama malee yeroo gabaabaa keessatti  qabxiin hinargamu.

Gorsa ogeessota fayyaarraa kennamu yoo hubanne, shaakalli  ispoortii jalqabame ji’oota sadan keessatti yeroowwan adda addaatti daqiiqaa 45n keessatti yeroo lamaaf fiigichaafi tarkaanfii akkasumas shaakala miilaan adeemuu akka barbaachisuudha.

Bu’uuruma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Komishiniin Ispoortii  magaalattii waliin ta’uun ji’atti al tokko sagantaan ispoortii waloo akka adeemsifamu taasisaa jiru. Haaluma kanaan Dilbata darbe ganamas Addababayi Masqalaatti haala gaariidhaan  adeemsifameera.

Sagantaa kanarratti kantiibaa ittaanaa Magaalaa Finfinnee, Injinar Taakkalaa Ummaa dabalatee, Komishinarri Ispoortii Finfinnee Obbo Yoonaas Aragaawwii, qaamonni olaanoonni mootummaafi bulchiinsa magaalattii, ambaasaadaroonni, dippiloomaatonni, lammiileen biyya alaafi jiraattonni Finfinneefi naanawashee kuma 50 ol ta’an hirmaataniiru.

Komishinarri Obbo Yoonaas Aragaawwii kaayyoonsaa lammiilee fayya qabeessa horachuudhaan omishaafi omishtummaa guddisuudhaan jireenya hawaasaa amansiisaa gochuuf ta’uu addeessaniiru.

Sagantaan kun ji’a darbes waltajjii kanatti gaggeeffamuusaas yaadachiisanii, gara fuula duraattis kana caalaa ciminaan akka gaggeeffamuufi hawaasni kanuma hubachuudhaan sagantaa kanarratti hirmaachuun fayyaasaa eeggachuu qaba jedhaniiru.

Kantiibaa Ittaanaan Injinar Taakalaa Uumaa gamasaaniitiin akka muldhisanitti, sochiin qaamaa kun aadaa ummata keenyaa akka ta’u gochuuf hawaasichi bakka jiraatutti, bakka ooluufi itti hojjetu maratti sochii qaamaarratti akka hirmaatu  bulchisnisaanii ciminaan ni hojjeta.

Akkasumas hawaasni dhukkuboota adda addaatiif saaxilamuudhaan hospitaalaafi buufatoota fayyaatti marmaaruurra yeroo aara galfannaasaa sochii qaama taasisuudhaan fayyummaasaa eeggachuu   qaba jechuun addeessaniiru.

Sagantaa kanarratti hirmaachuuf kutaa magaalaa Eekkaa, Aanaa tokkorraa kan hirmaatte Shamarree Hawwii Admaasuu akka dubbattetti, kanaan dura sochii qaamaa akkanaarratti hirmaattee kan hinbeekneefi kan ammaa kanarratti waamicha kantiibaan magaalattii ji’a darbe ummata magaalattiif taasisan kabajuunin dhufe  jetteetti.

“Hirmaannaa kiyya kanatti gammadeera. Gara fuula duraattis hiriyoota kiyya wajjin shaakaluuf waadaa galeera. Sochiin kun abbaa dhimmichaa fayyada malee nama biroof miti. Kanaafuu har’arraa kaasee nan hirmaadhaa” jechuun ibsiteetti.

Hojjetaan kilinikii dhuunfaa tokkoo Obbo Qaasiim Salamoon ammoo dukkubsatanii mana yaalaa deemuurraa sochii qaamaa gochuun barbaachisaadha jedhee, innis kanuma bu’uura godhachuun maatiisaa wajjin argamuusaa eera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

3 Comments to “Ispoortii Waloo cimina qaamaafi hariiroo wajjummaatiif”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *