Oromoon harka walqabatee walceessisuu qaba

Finfinnee: Paartiin maqaa Oromoon socho’u kamuu akka goondaatti walqabatee deemuu baannaan kufaatii hamaan kan mudatu ta’uu Pirofeesar Mararaa Guddinaa himan.

Dura taa’aan Kongirasii Federalsitii Oromoo, Pirofesar Mararaa Guddinaa ibsa haala yeroo Oromiyaarratti Gaazexaa Bariisaatiif Kibxata darbe kennaniin, maddi rakkoo ABOfi mootummaa gidduutti maal akka ta’e ifa ta’uu baatus injifannoo siyaasaa dhiiga qeerrootiin argameef kabaja kennuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Siyaasni har’a hunda hirmaachise kun bu’aa aarsaa qaaliidhaan kan argameedha kan jedhan Pirofasar Mararaan, waldhabdeen mudachaa jiru kun naamusa Oromummaa kan cabse ta’uu dubbatu.

Bal’achuu dirree siyaasaa biyyattiifi hidhaarraa hiikamuu hayyoota Oromoof shoora olaanaa kan taphate qeerroofi hawaasa bal’aadha jedhanii, har’as akkuma kaleessaa Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuuf kan tattaafatu diina ilmaan Oromoo ta’uu himaniiru.

ABOs ta’e ODPn waliigaltee Asmaraatti murteeffatan hojiitti hiikuun dirqama ta’uu Pirofesar Mararaan himanii, waldhabdeen amma uumamaa jiru akkasitti ittifufnaan seenaa qabsoo Oromoo bishaan nyaachisuu waan ta’eef of ilaaluun barbaachisaa ta’uu ibsu. Qabsoo Oromootiif kabaja kennuun dirqama Oromummaa ta’uus eeraniiru.

Haalli ammaan tana mul’ataa jiru Oromoof dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jedhanii, hunduu olaantummaa seeraafi waliigaltee uumameen hoogganamuun akka barbaachisu dubbatu.


Dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromoon socho’an marti akka goondaa walqabatanii kan wal hinceessisne yoo ta’e jireenya kaleessaatti deebihuun hinoolu kan jedhan Pirofeesar Mararaan, walshakkii dhaabbilee Oromoo gidduutti uumamaa jiru kanaan sosochiin jijjiiramaa eegalame akka hingufanne tumsuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Dura taa’aan Adda Dimokraatawaa Oromoo, Obbo Leencoo Lataa gamasaaniin akka jedhanitti, qabiyyeen waliigalteen ABOfi mootummaa gidduutti taasifamee hanga ammaatti ifa waan hintaane eenyu waliigaltecha akka diige ykn eenyu akka dogoggore adda baasuun rakkisaadha.

Kanaafuu hoggantoonni ABOfi mootummaa rakkoo isaan gidduutti uumame mariidhaan furuu qabu. Paartiileen siyaasaa biyya alaatii galan hundi karaa nagaatiin socho’uu qabu.
Abbaan jijjiirama kanaa ummata Oromooti malee paartii tokko miti kan jedhan Obbo Leencoon, jijiirama yeroo ammaa mul’achaa jiru kana gara sirna dimokiraasiitti ceesisuuf hundinuu gahee isa irraa eegamu bahachuu qaba.

Rakkoo Oromiyaa Lixaatti mudate furuufis dura madda rakkoo sanaa qorachuun barbaachisaa ta’uus himanii, maddi rakkinichaas dhaaba siyaasaa karaa nagaadhaanan qabsaa’a jedhee gara biyyaa dhufeefi humna farra jijjiiramaa ta’uu waan malaniif xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Yeroo qeerroon harka duwwaa waraana hidhate dura dhaabbatee qabsaa’aa ture qawwee qabatee bahee ummataaf kan birmate hinturre kan jedhan Obbo Leencoon, amma erga sun hundi darbee haalli tasgabbaa’ee hidhannoodhaan qabsaa’uun barbaachisaa akka hontaane eeru.

Paartiileen siyaasaa biyya alaatii galan hundi karaa nagaadhaan qabsaa’uu akka qabaniifi ammaan booda dhiigni nama tokkoollee dhangala’uu akka hinqabne dubbatu.
Qeerroon cunqursaa mormuuf ka’uun saa gaariidha kan jedhan Obbo Leencoon, mormuu qofa utuu hintaane ijaaruurrattis hirmaachuu qaba jedhaniiru. Haalli qabsoon Qeerroo yeroo ammaa jijjiiramuu akka qabus eeranii, gaaffiisaas karaa nagaan dhiyeeffachuu qaba jedhaniiru.

Biiroon mootummaafi daandiin guyyaa tokkoofillee yoo cufame kan miidhamu ummata, manni barumsaa guyyaa tokkoof yoo cufames naanna’ee naanna’ee dhaloota bor biyyattii bulchu miidha. Kanaafuu tooftaan qabsoo kun jijjiiramuu qaba jedhu. Mootummaanis utuu sadarkaa tarkaanfii fudhachuurra hingahin rakkoo mudate mariidhaan furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Leencoon, naanna’ee naanna’ee olantummaa seeraa kabachiisuun dirqama mootummaa ta’uu himaniiru.

Hayyuun siyaasaafi dinagdee Obbo Bulchaa Dammaqsaa gama isaaniitiin, “Haalli Oromoofi Oromoo gidduutti uumame daran nama gaddisiisa. Lola kana gidduu shirri diinaa jira. Kaayyoon lola kanaas mootummaa Itoophiyaa (Doktar Abiyyi Ahimad) dadhabsiisuufi jjjiiramna mul’achaa jiru gufachiisuuf waan ta’eef ABOfi mootummaan dafanii nagaa buusuu qabu” jedhan.

Oromoon tokko Oromoo biraa ajjeesuu caalaa waanti nama gaddisiisu hinjiru kan jedhan Obbo Bulchaan, kanaafuu ummatni Oromoo dubbii kana hubatee dhiiga walii dhangalaasuufi lubbuu walii balleessuurraa of qusachuu qabuufi jijjirama mul’achaa jiru akka deggeruuf dhaamsa dabarsaniiru.

Waasihun Takileefi Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *