Alkoobar (Halkoo-Bar)

Dubbistootaa, maxxansa keenya torbaniitiin mataduree kana jalatti haalatti jarreen mootota Shawaa jedhanii of gurmeessan waraanaan ummata lafarraa kaasaa turan isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Walumaagalatti ammoo Adoolessa 6 bara 2011 irraa eegallee barreeffama mataduree ijoo, “Babal’ina Mootota Abisiniyaafi Oromoo” jedhuun isin dubbisiisaa turre kutaan dhumaasaa kunooti. Torban mataduree biraatiin walitti deebina. Yaada qabdan garuu karaa teessoo ’E-mail’ keenyaa nuun ga’uu hindagatiinaa.

Oromoonni amantii lamaan hinhordofnee baay’een garuu kara garee lamaniyyuu mormuun hanga baroota ka’umsa Minilik (1865)tti humnoota naannawa isaaniitti cimaa deemu kana ofirraa rukutaa akka turan himama.

Kunis hanga qawween warra Awurooppa warreen kiristaana bira ga’utti toofta amantii namoota ofitti qabuun tokkummaa Oromoo diiguun itti fayyadamuusaanii malee akka humna Oromoo cabsuu hin danda’iin namatti mul’isaa.

Jijjiramni siyaasaafi waraanaa kan mul’achuu danda’e garuu jaarraa 19fa keessa bara mootii Saahileesillaseen mootii Oromoo Karrayyuu Halkoo, Mo’achuun Harrambaafi Qobboorraa ka’ee Ardaa Halkoo (Alkoo-Bar) to’atuutti.

Mootii Halkoon mo’atamtee gara Karrayyuu kibbaatti yoo baqattu, Amaarri Gaarqundeefi naannawasaa qabatanii Oromoo Karrayyuufi Abbichuu Addaan kutuun humnasaanii Addaan qoodan. Namni kun Magaalaa Dabra Birahaan dabalatee konyaa Baasoofi Waraanaa jedhamee beekamuudha. Yeroo kanatti humnoonni Awurooppaa baay’inaan waan dhufuu jalqabaniif meeshaan waraanaasaas baay’inaafi saffisaan seenuu eegale.

Saahilasillaaseen akkuma abbaasaa haadha biyyaa, Halkoo qawween mo’ate innis gara Oromoo Abbichuutti garagalee. Yaa ta’uutii isaan kanneen haala laayyoon moo’achuu waan dadhabeef tooftaadhaan amantii Kiristaanaa fudhachiisuufi soddummaan itti seene. Gama bahaatiin garuu Bulgaa qabatee hanga Sandaafa ga’uutti sululatti da’atee Oromoo saamuufi araddaasaanii gubaafi  saamaa ture.

Darbees weerarasaa, hanga Oromoo Sooddoofi Jiilleetti fullaasee saamuu eegale. Yaa ta’uutii bara 1847 Saahilasillaaseen du’aan boqote. Du’a mootichaa booda waraanni xiqqoo qabbanaa’ullee bara akaakayyuun mootii kanaa ykn mootii Minilik yeroo mana hidhaa Teedroosii bahee gara Shawaatti deebi’u bifa haaraatiin ittifufe.

Mootii Minilik IIfi  weeraraa Oromoorratti godhame

Mootichi Minilik II abbaasaa Hayilamolokotiifi Aadde Ijigaayyoo Lammaarraa naannawa Abbichuu, Ganda Angololaa jedhamutti bara 1844 dhalatan. Mootiin kun gara haadhaatiin wanti gadifageenyaan beekamu jiraachuu baatullee maatii warra Bunee Boorrii akka ta’an maanguddoonni ni dubbatu. Barreeffamoonni tokko tokko garuu akka Booranaa ykn Wallo taate himu.

Mootiin kun yeroo daa’imummaasaa gara waggaa 11 yoo ta’u, mootiin Gondor, Tewdiroos gara Shawaa yeroo gabarsiisuu dhufanitti Minilik haadhasaa wajjin Barahat keessatti yoo booji’an daa’ima turan naannawa kanatti qabamuun isaanii kunis dhaloonnishiifi firoonnishee gara Oromootaa akka ta’e ifa godha kanneen jedhan jiru. 

Minilik guddatee iddoo hidhamee Maqdalaarraa (Walloo) haadhasaa qabatee yoo deebi’u ammas kan isa simate Oromoo Shawaa kaaba bahaa yoo ta’u, booda abbaa waraana beekamaa, Goobanaa Daaccii ta’uunsaa firoomina inni Oromoorraa qabu kanaan mul’isaa.

Kun seenaarraa kan hubannu yoo ta’u, mootiin kun dhalootaan kan inni Oromoorra qabuufi wantii inni dubbatu baay’ee kan walfalleessuudha.  Tarii isaaf Oromoo jechuun warra amantii Islaamaa fudhate jechuu ta’inaa laata kan nama jechisiisuudha.

                                Goobanaa Daccii

Mootichi kun gaa’ela siyaasaa inni raawwateefi kan inni ijoolleesaa lamaan, Shawaargaafi Zawdituu dhumarratti heerumsiisee Oromootti akka ta’e hubannaa. Minilik haati warraasaa isheen dura intala mootii Tewdiroos Alixaash yoo taatu.  Ishee Maqdallaatti gatee akkuma baqateen haadha warraa isheen lammaffaan Baafanaa jedhamtu fuudhe.

Baafanaan akkuma maqaanshee ibsu Oromoo Booranaa (Walloo) akka taate beekama. Haati warraasaa isheen sadaffaan Xaayituu Buxul yoo taatu, sanyiinshee Oromoo Gondor keessa jiraatu, damee Yajjuuti. Xaayituu Buxul Adaadaa Gugsaa Walee Buxuli.

Kan nama dinqu immoo dhirsi lammaffaan intala Minilik, Zawudituu Walee Buxul Gugsaati; intala adaadaasaa jechuudha. Akka aadaa Oromootti gaa’ela seeraati jechuuf nama rakkisa. Minilik Xaayituudhaaf abbaa warra afraffaa yoo ta’u, inni duraa ilma Baafanaa akka ta’e seenaan ni hima.

Gaa’ela intalasaa Shawaraggaa yoo fudhanne abbaan warraa ishee inni dura ilma Raas Goobanaa Wadaajoo akka ta’e beekama. Waldaajoon ilma Mariid jedhamu erga irraa argatee booda waan walhiikaniif mooticha Walloo Nugus Mikaa’eel/Mohaammad Aliitti heerumte. Mahaammad Aliirraa Ilma Iyyaasuu jedhamu deessee da’uumsarratti akka duute himama.

Iyyaasuun gara abbaasaa Oromoo Walloo /Mahaammad Alii/ Nugus Mikaa’eel yoo ta’u, Minilik lafa Oromoo qawwee Awurooppaarra argateefi humna Oromootiin yoo gabroomfatu jechasaa keessa Oromoo yoo galateeffatu hinmul’atu.  Kunis Abbootii waraanaa isa marsan kanneen akka Raas Goobanaa, Caacaa Doobbee, Birruu Nagawoo, Habtagoorgis Dinagdee (Qusee) ,Balchaa Saafoo, Mahaammad Alii (Nugus Mkia’el), Walee Buxul, Hordofa Cangaree, Tufaa Munaa, Mannee Bulii, Birraatuu Goolee, Abbaa Jifaar, Kumsaa Morodaa, Bunee Boriifi kkf eeruun ni danda’ama.

Mootichi kun dhumarratti akaakayyuusaa, Iyyaasuuf aangoon akka dabruuf yoo dhaamsa godhu, “Adaraa ilma kiyya hinganiinaa, tokko ta’aa Oromootaan waan marfameef ofeegaa” jedhee ture. Kunis kan argiisiisu mootiin kun Finfinnee keessa otoo jiruu sammuunsaa garuu jibbaa guddaa dhokate Oromoorraa akka qabu kan agarsiisuudha.

Mootichi Minilik babal’inasaa gara kibbaa yeroo godhetti humni Oromoo adda dureen akka isa gargaare seenaarra ni hubatama. Kunis kan ta’uu danda’e Oromoon kallattii jiddugalaafi lixaatiin amanti Kiristaana fudhachuusaafi warri amantii Islaamaas fudhate waan isa gargaareef akka loltuutti leenjisuun qawwee waan hireefi dabalataanis warri Awurooppaa waan isa gargaaraniifi.

Kana malees Oromoo addaan fo’uun dabareen walrukuchiisuun akka jaarsa araaraa jiddu seenee itti fayyadamaa turuu isaaniiti. Milkaa’inni guddaan mootichi argate gorsistoota heddu biyya alaatii gara biyyaatti seensiisuu isaati.Kanaan walqabatee  waraana Faransaayiifi Ruusiyaa kanneen akka Liwonteefi Bulatoovich hanga sadarkan Abbaa Waraanaa (Dajjaazmaach) ta’uutti aangoo kennameefii ture.

Mootiin Shawaa kan milkoominniifi obsi inni qabu guddaa ture. Mootii Yohaannis IV (afraffaa) waraana qabatee yoo itti dhufu humna isaa ilaaluun lolaan simachuurra araara filatee gabbareefii ture. Yaa ta’uuti mootii Yohannisirratti duulli kallattii lamaan yoo ka’u (Ixaaliyaan Mixiwwaadhaa, Mahidistiin Sudaanii gara lixaan) gargaarsa godhee gara dirree waraanaa deemanillee otoo warana hingodhin deebi’uun humna qusachuu danda’aniiru. Yaa ta’uutii mooticha Gojjam wajjin waliigaluun Yohannis gananillee otoo Minilik hinwaraaniin araraan hiikuun gara Matammaatti duulanii achumatti du’an.

Duula Matamma dura Yohannis Gojjam waan waraana balleessaniif humni cimaan biyya kana keessatti hafe humna Minilik II qofa waan tureef falmii tokko malee Shawaa dabalatee Itoophiyaa kaabaafi lixaa akkasumas kibbaa of jala oolchuun mootii mootichaa ta’un aangoo biyyattii olaanaa qabatee ture.

“Obsaan aannan goromsaa dhugaa” jechuun kanumamitiiree?! Mootichi Minilik obsaan gorsaafi barumsa biyyaafi biyya alaarraa argateen Impaayera Itoophiyaa jaarraawwan baay’eef adda babaate walitti fiduuf yaalii gudda gochuu kessatti milkaa’eera. Yaa ta’uutii mirgi sabummaa Oromoofi saboota biroos akka dhiitama ture yaadachuun barbaachisadha.

Kanarra ka’uun warri gosasaa ta’e Immiyyee ykn haadha teenya jedhanii yoo isa faarsan, Oromoonis akka waliin faarsu barbaadan. Kun madaa seenaa keessatti hin irranfatamne ta’us obsaan bira dabraa ture.

Recommended For You

4 Comments to “Alkoobar (Halkoo-Bar)”

  1. Pingback: putto33
  2. Pingback: go88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *