Oduu durii

Bara durii sangoota sadii bifaan: adii, burreefi gurraacha ta’an jaalalaan bosona keessa waliin jiraatu turan. Waraabeessi ammoo jaalalaafi tokkummaa isaaniitti hinaafuudhaan mala ittiin adda isaan baasu barbaadu eegale.

Sangootni yeroo mara waliin waan jiraataniif waraabessichi itti siqee waa isaan gochuu hin dandeenye ture. Gaaf tokko garuu mala ittiin sangoota kunneen adda baasee tokko-tokkoon isaanii nyaatee fixu qopheesse (dhahe). Waraabessi yeroo mara halkan waan deemuuf: bifa isaaniitiin adda qoodee nyaachuuf karoorfate.

Guyyaa tokko halkan dhaqee sangaa isa gurraachaafi burree kophaatti waamee, “Maali isin akkamitti isa adii kanaa wajjin jiraattuu? Bineensi bifa isaa kanaan fagootti argee dhufee isin nyaachuu danda’a waan ta’eef isa of keessaa baasaa” jedheen. Isaanis mala isaa waan hin hubanneef dhuguma nutti himaa jira jedhanii hiriyaa isaanii kan bara hedduu waliin jiraatan sangaa isa adii, kophaatti isa hambisan. Waraabessichis sangicha isa adii kophaatti argatee nyaate.

Guyyaa lammaffaa ammoo sangaa isa gurraacha qofaatti waamee, “Maal argitaa bifa isaa kanaa? Bineensi fagootti isin argee isin nyaachuu dandaa’a waan ta’eef maaf isa of biraa hin ariituu?” jedheenii ammas adda isaan baase. Haala kanaan waraabessichi qofa qofaatti isaan argatee nyaatee isaan fixe jedhama.

Oduu durii kana irraa kan hubannu diinni tokkummaafi jaalala keenya diiguuf bulee ka’ee mala ykn tooftaawwan adda addaa kan qopheessu ta’uufi tokkummaan keenya shira diinni xaxuun yoo diigame kufaatiifi badiif kan nu saaxilu ta’uudha. Tokkummaan keenya gaachana ittiin diina ofirraa ittisnudha.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

3 Comments to “Oduu durii”

  1. Pingback: Relex smile
  2. Pingback: rpt789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *