Maaliif Bishooftuu jedhame?

Finfinneerraa kiiloo meetira 42 fagaattee kan argamtu Magaalaan Bishooftuu keessumaa tibba ayyaana Irreechaatti maqaanshii irra deddeebiin ka’a. Har’a mataduree kana jalatti waa’ee moggaasashiirratti xiyyeeffanneerra.

Maqaan Bisooftuu jedhamu jecha Afaan Oromoo “Bishaan” jedhamurraa dhufe. Kunis bishaanoftuu, dachee bishaaniin badhaate jechuudha. Bara 1947 Hayilasillaaseen maqaashii Bishooftuu jedhamu kana jijjiiree ‘Dabra Zayit’  jedhee ture. Magaalattiin kufaatii sirna Dargiin booda maqaashii ganamaatti deebitee Bishooftuu (Bishaanoftuu) jedhamtee waamamuu ittifufte.

Bishooftuu keessa haroowwan torba  kan jiran yoo ta’u, isaanis Horoowwan Arsadii, Bishooftuu, Baabbogaayyaa, Korriftuu, Calalaqaa, Kiiloleefi Haadhoo jedhamu. Haroowwan Hadhoofi Kiilolee , bara 2005 irraa eegalanii Magaalattii jala kan galan.

Horri Haadhoo magariisa waan ta’eef Faranjoonni “Green Lake” jedhuun. Haroon Calalaqaa dur waggaa guutuu kan hinmaddineefi allaattiin baay’inaan irra jiraatu ture. Tibba gannaa bishaan kallattiilee hundaan itti yaa’ee lafa bal’aa waan uwwisuuf ni calalaqa. Maqaan kunis kanumarraa kan kennameef ta’uudha kan himamu.

Maddi: Kitaaba IRREECHAAFI GADAA

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

2 Comments to “Maaliif Bishooftuu jedhame?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *