Wal’aansa bowwootiif qorannoo akkamiitu taasifama?

Bowwoo kan jennu akka qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (‘World Health Organization’)tti namoota wagga 18 ol ta’an keessaa walakkaa (50%) kan ta’an yoo xiqqaate waggaa tokko keessatti altakkaa yoo dhukkubsatuudha. Akaakuuwwan bowwoo guguddoo lamatu jiru.

Isanis: Bowwoo sababa dhukkooboota birootiin uumamu ykn mallattoo dhukkuba biraa kan ta’e (‘secondary headache’)fi dhukkuba kam waliinuu osoo walhinqabatiin ofumaa dhukkuba namatti ta’ee of danda’ee nama dhukkubu (‘secondary headache’) dha. 

Bowwoon inni mallattoo dhukkuba biraa ta’e yaalliisaas mallattoonsaas dhukkuba bowwoo sana fide wajjin waan walqabata. Kanaafuu asii gagditti kan barreessine bowwoo of danda’ee, dhukkuba ta’ee nama hubu (‘primary headache’) ilaallata.

Bowwoon of danda’ee dhukkubu kun namatti deddeebi’ee dhukkubuudhaan kan beekamu yoo ta’u, kan jireenya namaa haala hamaa ta’een hubuudhaan hojii guyyaa guyyaarraa nama hambisu garuu muraasa. Bowwoon kun akaakuuwwan adda addaa kan haala dhukkubbiifi yaala isaaniin adda ta’an akaakuuwwan gara garaa of jalaa qaba. Akaakuuwwan bowwoo kanneen keessaa warreen yeroo hedduu namarratti mul’atan kanneen armaan gadii kana.

Akaakuu bowwoo teenshinii (‘tension headache’) kan jedhamu kun bowwoo kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuufi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hindandeenyedha.

Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee bowwoof fudhatu akka “paracetamol”fi kkf (‘ordinary pain killers’) yoo fudhanne kan nu dhiisuudha. Ka’umsisaa guutumaatti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuufi beela’uufaa wajjin walqabata.

Bowwoo maayigireenii (‘migraine headache’): Inni kun dhukkubbiinsaa daran hamaafi kan hojiirraa nama hambisuudha.Bowwoo isa yeroo hedduu mataa gama tokkoon kan dhukkubu, dhukkubbii dha’atu (‘throbbing’), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’aatii muraasaa hanga guyyaa sadiillee turuu kan danda’u, sochii irraan kan nama eegaluufi mallattoolee biroo kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuufi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba.Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuusaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ‘ziig zaag’ fakkaatan ija ofiitti mul’achuufi haasaa’uu dadhabuufi kanneen biroo argisiisa.

Waantonni dhukkuba kana namatti kaasan: Garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uufi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabuufi kkfdha.

Akkuma dhuunfaa keenyaatti waan nutti kaasu beeknee irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’eefi qoricha xixiqqaa bowwoof fudhannuun yoo nu dhiisuu dide hospitaala deemnee qoricha ogeeyyii yaalaatiin ajajamu fudhachuu qabna.

Bowwoo kilaastarii (‘cluster headache’): Inni kun mataa keenya bakka lamatti qoodee yeoo mara gama tokko (bitaa ykn mirga) qofa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu, funyaan cufuufi ciminni dhukkubbiisaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroorra kan caaludha.Dhukkubbiinsaa yoo jalqabu naannawa ijaa irraan kan eegalu, akka bowwoo akaakuu kaanii suuta jedhee osoo hintaane, akka tasaa takkaadhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha.Guyyaa keessaa sa’aatii walfakkaataarratti kan namatti dhufuufi yeroo tokko tokko hirriba keessaallee nama dammaqsa.

Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hinbeekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu.Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isaniifi daddafee akka hindhufne taasisan ni kennamu.

Akaakuuwwanbowwoo armaan olitti tarreeffaman kanaan alatti kanneen namoota muraasarratti mul’atan akka: bowwoo kan sochii qaamaa qofa wajjin walqabatu (‘exercise headache’), bowwoo jijjiirama hoormoonii qaama keessaa kanneen akka yeroo marsaa laguu, yeroo ulfaafi hafuu marsaa laguu waliin alqabatu (‘hormonal headache’)fi kkf illee ni jiru.

Mana yaalaa deemuun alatti akkamiin bowwoorraa fayyaa dandeenya?

Yaalli tokko tokko akaakuu bowwoof mana yaalaatti kennamu akkuma jirutti ta’ee ofii keenyaan ofgargaaruuf maal gochuu qabna kan jedhuuf, kanneen bowwoo hanga tokko akka hir’isan qorannoowwan adda addaa ni argisiisu:

  • Waan hojjannurraa boqonnaa fudhachuu, keessumaa komputeraafi moobayilii irratti oggaa fayyadamnu gidduugidduutti boqonnaa fudhachuu.
  • Bishaaiifi dhangala’aa biroo sirriitti dhuguu, nyaata altakkaatti baay’ee nyaachuurra xixiqqeessanii itti deddeebi’anii nyaachuu
  • Yeroo bowwoon nu eegalu uffata bishaan qorraadhaann cuuphanii adda ofiirra kaa’achuu.
  1. Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn baay’ee xiqqeessanii dhuguu, buna dhuguu (hanga humnaa ol hintaanetti) sochii qaamaa yeroo yerootti hojjachuu
  1. Aduu keessa yeroo dheeraaf deemuu ykn taa’uu dhiisuu, gaafa konkolaataadhaan deeman fuuldura taa’anii deemuu, maastikaa yeroo dheeraaf (yeroo baay’ee) alanfachuu irraa of qusachuu.

Namoonni bowwoo qaban mallattoo akkamii yoo ofirratti argan hatattamaan gara mana yaalaa deemanii qorannoof yaala argachuu qabu?

Namni bowwoo qabu mana yaalaa deemee yaalamuun akkuma jirutti ta’ee namoonni mallattoowwan bowwoo yaala hatattamaa akka barbaadu agarsiisan (‘red flags of headache’) kana qabu ammoo hatattamaan deemee yaalamuu akka qabu agarsiisu. Mallattoowwan kunniinis:

  • Bowwoo jalqabee daqiiqaa xiqqoo keessatti dhukkubbiin isaa garmalee cimee sadarkaa obsuu hindandeenyerra nama geessisu (‘thundercalp headache’).
  • Bowwoo sochii qaamaa, waa hojjechuu (‘exertion’) qufa’uu, haxxifachuufi kkf irraan nama eegaluufi dhukkubbiinsaa haala taa’umsa qaamaa (‘positional change’) irraan garmalee namatti cimu ykn jijjiiramu.
  • Bowwoo walitti fufaa (kan gidduutti hinfooyyofne ykn hindhiifne)fi cimaa haaraa (kan duraan hinjirre) keessumaa namoota waggaa 50 olii yoo mudatu.
  • Bowwoo yeroo mara buqqee mataa (‘head’) irraa bakka tokkotti deddeebi’ee dhukkubu.
  • Bowwoo duraan dhukkubbii xiqqoo qabuufi daddafee deebi’ee hindhufne yoo haala jijjiiratee garmalee haala duraa caalaa namatti yoo cimaa deemu.
  • Bowwoon mallattoowwan biroo kanneen akka dhaqna gubaa, sochii dadhabuu kutaa qaamaa akka harkaa ykn miilaa, ulfaatina baay’ee hir’isuu of biratti qabatee deemu.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

7 Comments to “Wal’aansa bowwootiif qorannoo akkamiitu taasifama?”

  1. Pingback: sex hiep dam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *