‘OSA’: Waltajjii hayyoota biyya keessaafi alaa walitti fide

Waggoota 33 dura waldaan bu’aarraa bilisa ta’eefi aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa Oromoo cunqurfamaafi dhokfamaa ture addunyaatti beeksisu tokko hundaa’e. Waldaan kun akka hundaa’uuf yaadni kan ka’e ALA bara 1984 kora waggaa Tokkummaa Oromoo Ameerikaa Kaabaa (‘Union of Oromos in North America- UONA’) barattoota sabboontootaan hundaa’eerratti ture. Waggaa lamaa booda ammoo kaayyoo, mul’ataafi ergamasaa qopheeffachuun pirezdaantii filatee ifatti hojiisaa eegale; Waldaan Qorannoo Oromoo (‘Oromo Study Association- OSA’).

OSAn kaayyoon ijoo, qorannoo seenaa, dinagdee, aadaa, fayyaa, barumsa, siyaasa, seeraafi nageenyaa Oromoorratti godhamuu jajjabeessuufi qindeessuu, hayyoonni waa’ee Oromoo qoratan bal’isanii yaaduu (‘critical thinking’)fi jireenya hayyummaa guutuu  akka qabaatan gargaaruu, waltajjii hayyoonni Oromoo irratti waliin hojjataniifi walgargaaran uumuu akkasumas, hayyoonni Oromoo hinta’iin kan waa’ee Oromoo qorataniifi haala mijeessuufi qorannoo Oromoorratti taasisan jajjabeessuufi qabeenyaafi maallaqa qorannoo Oromoof barbaachisu addaan baasuufi namootarraa walitii qabuun qorannoo Oromoof akka oolu taasisuu fa’i.

Waldaan kun waggoottaan 33n darban biyyoota Ameerikaafi Awurooppaatti kora waggaasaa gaggeessaa kan ture yoo ta’u, isa baranaafi isa 33fa ammoo handhuura Oromiyaa, Finfinnee, galma Yunvarsiitii Kolleejjii Riifti Vaalii Damee Gootaraatti guyyoota sadiif Hagayya 19-21 bara 2011tti taa’eera.

Kora kanarratti argamuun haasawaa baniinsaa kan taasisan Pirezdaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa OSA qabsoo yeroo dheeraa booda gara biyya abbaasaattii deebi’uun korasaa gaggeeffachuusaatiin gammachuu isaanitti dhaga’aamee ibsanii, hojii waldichi eenyummaa, duudhaa, safuufi seenaa Oromoo beeksisuuf hanga yoonaa hojjete galateeffataniiru. Ummata Oromootinis baga ijoolleen keessan biyyatti isinii galan jechuun gammachuusaanii ibsataniiru.

Hayyoonni haala siyaasaa biyyattii tureen biyyasaaniirraa fagaataniifi fageeffamanii turan xiiqiidhaan waldicha dhaabuufi sochii galateeffachiisuu hojjechuusaanii kaasanii, xiiqiin isaanii sunis bu’aa buusee har’a injifannoorra qaqqabuusaa addeessu. Adeemsi waggoota kurnan darban keessatti keessa darbame garuu salphaafi akka laayyootti kan ilaalamu akka hintaane kaasaniiru.

Haalli amma irra qaqqabame abdachiisaafi ummata Oromoof ammoo calaqqee ta’uu kaasanii, ammayyuu hojiin waa’ee Oromoorratti hojjetame dhumeera jechuu akka hintaane eeran.,“Utuma mortuun mortuu, hortuun horti” akkuma jedhamu injifannoo Oromoo calaqissaafi Oromummaan hundee gadi fageeffachaa akka deemu dubbatu.

Dhaloonni amma jirus duudhaa sirna gadaa abbootiisaa cimsee itti fufsiisuuf qorannoofi qorannoon murteessaa waan ta’eef kanarratti xiyyeeffachuu akka qabu dhaamu. Keessumaa waa’een sirna Gadaa duudhaaleefi falaasamawwan waraabamanii hindhumne waan qabuuf damee qo’annoo of danda’e ta’uu akka danda’u addeessu.

Duudhaa sirna Gadaa keessaa walgargaaruufi walutubuu isa tokko ta’uu kan himan Obbo Shimallis dhalattoonni Oromoo biyya alaa jiraatanis karaa danda’aniin tajaajila lammummaa Oromiyaan qopheessarratti akka hirmaataniif waamichasaanii dhiheessu.

Hirmaattota korichaa keessaa Piroofesar Bantii Geetaahuun Ameerikaarraa kan dhufan yoo ta’u, korri OSA yeroo jalqabaatiif Finfinneetti taa’amuunsaa jijjiirama biyyattiin irra jirtu kan agarsiisu ta’uu dubbatu.

Hayyoota biyya alaafi keessaa walitti fiduuf ammoo waltajjii guddaa ta’uusaa gaazexaa Bariisaatiif ibsaniiru. Kana dura waldichi biyya hambaa taa’ee waa’ee Oromoo qorate hawaasa biyyoolessaaf dhiheessaa turuu kaasanii, kana booda garuu qorannoowwan barreeffamootaafi odeeffannoowwan afaanii sassaabuun hojjetamaa turan qabatamaadhaan saba keessa seenamee akka hojjetamuuf karra saaqa jedhu.

Waamicha tajaajila lammummaa pirezdaantii ittaanaan taasisaniif ammoo, haalli isaan hirmaachisu yoo mijate Oromoo tajaajiluuf fedha olaanaa akka qabanis ni himu.

Hirmaataa biroon korichaa durataa’aa Ittaanaan Paartii ‘Madrak’ Pirofesar Bayyanaa Pheexiroos gamasaaniin, biyya alaatti korawwan OSA garagaraa hirmaachuusaanii eeranii, yeroo sana waldichi biyya keessa seenee socho’uu dhabuun isaa waan yaachisiisaa turuu ibsu. Inni baranaa Finfinneetti qophaa’uun hundeessitoonni waldichaa waggoota dheeraaf ala taa’anii waa’ee ummatichaa qorachaa turan gara biyyasaaniitti akka seenaniif carraa kan uumuudha jedhu.

Kana malees hayyoonni biyya keessaa qorannoo addaddaa gaggeessaniif kora OSA irratti hirmaachuu utuu barbaadanii deemuu dhabaniif illee asumatti carraa akka banuuf  kaasanii, muuxannoon waltajjicharraa argamus bu’aa biraa ta’uu addeessu. Waldichi waa’ee Oromoo qorachuurra darbee waa’ee saboota Kuush kanneen akka Sidaamaa, Walaayittaa, Kambaataafi kkf irratts qorannoo kan taasise waan ta’eef hayyoota saboota kanaafis haala mijata ni uuma jedhu.

Aadde Asteer Gammadaammoo Jarman, Barliinirraa koricharratti hirmaachuuf dhufan. Isaanis, waggoota darban keessa qorannoo waa’ee Oromoo taasifamurratti hayyoota ala jiran malee hayyoonni biyya keessaa baay’inaan hirmaachaa hinturre. Akkasumas, barattoonni Oromoo sadarkaa garagaraarra jiran muuxannoo irraa fudhachuu hindandaeenye jedhu. Amma garuu rakkoon kun akka furamuufi hayyootaafi barattoota Oromoo jajjabeessuufi hamilee itti horuuf, darbees kallattii qabsoo Oromoorrattillee yaada ijaaraa burqisiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsu.

Kana caalaatti ammoo mootummaan yaada burqurraa ka’uun kallattii tarsiimoowaa qopheessuuf galtee waan isaaniif ta’uuf faayidaan isaa kan gama tokko qofaan ilaalamu akka hintaane kaasu.

Pirezdaantiin duraanii waldichaa Aadde Kuulanii Jaallataa gamasaaniin, OSAn har’a biyya abbaasaa taa’ee mar’ichuuf carraa kan argate aarsaa qarreefi qeerroon kanfalaniin ta’u ibsu. Waltajjicharratti qorannoowwan raga qabatamaa irratti hundaa’aniifi beekumsa biyya alaafi biyya keessaati argaman itichuu danda’an dhihaachuunsaanii Oromiyaaf, darbeef biyyattiif bu’aa olaanaa akk abuusu ibsu. Waldichi erga hundaa’ee kaasee baqa irra waan tureef, hayyoota biyya keessaa haala barbaadamuun hirmaachisaa akka hinturres eeranii, watajjii Finfinnee kanarratti garuu hayyoonnii, barattoonniifi namoonni dhuunfaa hedduu hirmaachuu danda’uusaanii ibsu. Kunimmoo altee guddaadha jedhu.

Walumaagalatti kora guyyoota sadiif adeemsifame kanarratti hayyoonni waa’ee Oromoo Qoratan kanneen akka Pirofesar Asmaroom Laggasaa dabalatee, kanneen biroo hirmaachuun waraqaa dhiheessaniiru. Waraqaaleen qorannoo 60 caalanis dhihaatanii mariin irratti taasifameera. Waldichi pirezdaantii haaraa waggaa tokkoof isa hogganu Pirofesar Beenyaa Dhugaasaa filachuun milkaa’inaan xumurameera.

Piroofesa Beenyaanis ammaan dura OSAn “akkamiin akkas taane kan jedhu himaa turuu kaasanii, kanaa booda ammoo “akkam goonee jalaa baanuree?” kan jedhu ta’uu ibsaniiru. Waggaa dhufus waldichi korasaa Oromiyaadhumatti akka adeemsifatu eeranii, komii waraqaawwan hundi Ingiliffaan dhihaachuusaanii waliin walqabatanii ka’an guutummaatti kan furaman ta’uus ibsu. Kunis sababa kanaan dura rakkoo Oromoo alagaatti himuuf itti dhimma ba’amaa turuu hubachiisu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

4 Comments to “‘OSA’: Waltajjii hayyoota biyya keessaafi alaa walitti fide”

  1. Pingback: barber prahran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *