Alkoobar (Halkoo-Bar)

Dubbistootaa, torban muraasaa as mataduree “Seenaa Babal’ina Mootota Abisiniyaafi Oromoo” jedhuun waa’ee babal’ina mootota durii isin dubbisiisaa jiraachuun keenya ni yaadatama. Maxxansa kanaafi kan ittaanuunis waanuma qaama seenichaa ta’e isiin dubbisiisna.

Bakki Alkoobar jedhamu Naannoo Amaaraa, Shawaa Kaabaa keessatti argama.  Gandi Alkoobara jedhamu moggaafanni ishee akkuma armaan olitti eerame maqaa mootti Oromoo beekomtu gosa Karrayyuu Halkoo kan jedhamturra akka ta’e dubbatama.  Jaarraa 17fa keessa bara mootonni Shawaa babal’inasaanii gochaa turan naannoo kana kan jiraachaa turan Oromoota akka ta’aniifi mootii ykn haadha biyyaa cimtuufi waranaan beekamtu akka qaban dubbatamaa.

Mootiin tunis waraana mootota Shawaa Amhaayees, Sibstee, Abhiyyeefi Salasillaaseen itti godhamaa ture ofirra faccisaa akka turteefi booda duula cimaadhaan naannawa kana gadhiisiistee gara Karrayyuutti akka baqatte dubbatama. Oromoonni Karrayyuu heddu keessattuu gosti Dullachaa gara Fanttaallee fa’itti baqatan.

Warana kana booda mootii Saahilasillaaseen iddoo jreenyasaa gaareewwan qundeetti hirkachuuf Arabaafi Qobbootti dhiisee gara Halkoo Barri dhufe. Kunis lafa waranaaf mijooftu waan taateef tulluu Alkoo qabate. Kana booda naannoon sun maqaa mootittii sanaan Halkoo Bar jedhame.

Halkoo Bar bara 1813-47 keessa kan hundoofte yoo ta’u, hanga mootii Tewodroos Shawaa dhufee waraanaan to’annoosaa jala oolchutti teessoo mootummaa Shawaa turte. Kana booda garuu hanga Minilik lamaffaan aangoo qabatutti konyaawwan Shawaa Kaabaa hundi ofiin of bulchaa turan. Gandoonni naannawaa Alkoo Barri jiran danuun ammas akkuma durii maqaa Oromootiin waamamu.

Fakkeenyaaf kan akka – Dabballee, Gooroo Beera (magaalota xixiqqoo), Oromoonnaa Marqoo (Ganda), Gaara Nagaha (Immamirat) Iddoo Irrechaa, Waadara /Mojaanaa waadara, (Aanaa), Qobboo, Arraabsa /Arranbaa/, Gaara Qundee /Gaara Dheeraafi guddaa/, Gaanyii, Dullachaa, Doofan Walaabu, Gaachaniifi kkf eeruun ni danda’ama.

Duula bara dheeraa kana keessa Oromoonni hedduun gandasaaniirraa buqqa’an gara Argobbaatti, kuun immoo Affaariitti, kuun Kiristinnaa ka’anii Amaaratti makamuun akka naannawa kanarra baqatan dubbatama.

Fakkeenyaaf gosti Karrayyuu Dullacha jedhamu irri jireessi Affaaritti akka makameefi amantii Islaama fudhatee acitti gale dubbatama. Yaa ta’u malee Oromoonni olaantummaa mootota Shawaafi Kiristaanuummaa fudhachaa turan hedduun akka achumatti hafaniifi eenymmaa ofiillee irraanfatan hedduutu jira.

Tooftaawwann Saahilaasillaaseen Oromoo cabsuunii barbaade keessaa inni duraa Oromoota olaantummaasaa amanan tokko tokkoof (Oromoo Tuulamaaf) aangoo olaanaa kennee ture. 

Kunis Oromoota Gosa tokko ofitti qabuun meeshaa waraanaa kenneefii walficisiisuun boodas araaraaf fira fakkaatee jidduu seenaa ture. Tooftaan kunis Oromoota Abbichuufi Oborii akkasumas Jiddaa jidduutti qaawwi akka uumamu godhe ture. Warana kana keessatti garee tokko gargaaruun humni Oromoo akka dadhabu gochaa ture.

Qaama Oromoo Galaan /ja’an Galaan/ Jidda, Abbuu, Warra jaarsaa, Liiban, Gaadullaafi Ada’aa yoo ta’an, Abbichuus ta’e Oboriin akkasumas Nya’a balbala gosa jiddaafi Sadan Tuulamaati. Sahilaasillaseen gorsistoota Awuroopaatiin gargaaramaa duula Abbichuufi Jiddarratti gaggeesseen milkaa’nis lafa da’annoosaanii, Ankoobarritti deebi’uun jiraachaa turan malee waraanni Oromoo mo’ame jedhanii achii bahuun qubaatii haara gaggeessuu hinbarbaannee ture. Salasillaaseen Oromoo yeroof ofitti qabuun akkuma mooticha Gondor Susiniyoos, Iyyaasuufi Bakkaafaan godhan booda fixuuf malee jaalatee miti. Inni jaalatus firoonnisaa isa balleessu. Hammeenyasaani keessaa waa eeruuf.

Ijoollee inni Oromtittii, intala Gaarii Duufarra Godhatte /Hiikee Gaarii/ deesse lamaafi ishees qorichaan akka Ajeesan maanguddoonni Abbichuu xiiqidhaan dubbachaa turan. Saahilasillaaseen beektota Awurooppaa qabachuun tooftaa warri Awurooppaa ittiin biyya heddu qabatan barachuun “diina kee yeroodhaaf fira godhadhu” jedhu hordofuun Oromoota muraasa ofitti qabee muuduun kan biraarratti kakaasuufi waraanuun itti gargaarame.

Haala kanaan Sahilaaillaaseen akkuma mootonni Gondoriifi Tigraay warra Awurooppaa wajjin michuu ta’aniifi faayidaa isaan argatan qorachuun itti gargaaramuuf yeroo itti hinfudhamne. Mootiin Shawaa kunis, Gara Arabiyaa, kibbaa Yamaniifi Taajuraarraan meeshaa waraanaa heddu kan galchan yoo ta’u, warra Awuroppaarraayis meeshaafi gorsitoota galchuu eegalan.

Warri Awurooppaa bifa daldalaafi misiyoonummaan baay’inaan Itoophiyaa jiddugalaa ykn Shawaa keessa seenuu kan eegalan bara mooticha Sahilaasillaaseeti.

Warreen Awurooppaa kana keessa Ingiliiziifi Faransaay kan dursu hinturre. Dippiloomaatonni Awurooppaa kunniin masara Sahilaa Silaasee Halkoo Barritti argamuufi naannawasaa erga daaw’atanii booda deebi’uun meeshaan waraanaa mooticha kanaaf kennaniis ta’e gurgurtaan akka ergamuuf hoggantoota biyya isaaniif gaaffii dhiyeessaa turan.

Imaltoonniifi mishinaroonni Awurooppaa kunniin Abashoota Diinaan marfaman kanneen baraaruufi gargaarsa kennuun gargaarsa kiristinnaaf godhamuufi hamnasaanii jabeessu akka ta’e cimsanii waan himaa turaniif yeroo kanaa kaasee meeshaan waraanaa yeroo sanatti bifa haaraan omishamaa ture seene.

Kana keessatti maamilummaan habashootaafi faranjoota haalaan cimaa dhufe. Dhumaatiin saboonniifi ummatoonni biroo isaaniif homaa hinturre.

Barreessitoonni Awarooppaa barreeffama /Asoosama/ warra Awurooppaa gammachiisuufi jecha Abisiniyaa  biyya fagoo taateefi miidhagduu tana kan dhaadheessu oduu gaarii facaasaa turan. Kanneen keessaa barreessaa beekamaan San Siimoon jedhamu yaada kana fudhachuun magaalaafi lafa hinmul’anne magaalaa bareedduu /magaala iftuu/ ykn biyya namoonni walqixxumman keessa jiraatan “utoppiya” jechuun kalaqa hojjatoota Awurooppaa akka fincilan itti kakaasaa ture eeruun ni danda’ama.

Mootichi Shawaa Saahilaasillaaseen gorsistoota Awurooppaatiin gargaaramuun, Oromoota Shawaa kaabaarratti waggaa waggaan duula heddu gaggeessa ture. Kallattii biraatiin yeroon warri Awurooppaa biyyoota Afrikaa, Isiyaafi Ameerikaa Laatii mara akka koloniitti qabachaa ture waan ta’eef, ergamni Awurooppaa gama kanaan jiru otoo humna ofii hinballeessiin Abashootatti gar garagaaramuun namicha  to’achuu ture.

Waraana bakka bu’ummaafi saamichaa kanarratti ergamtoonni Ingilizii kanneen akka ‘Z. M. Harris’ jedhamanfaan akka turan eerama.

Barreeffamaafi yaadannoo “M. Harris” akkasumas “Kraf” keessaa (1840) yoo fudhannu, yaada yeroo sana akka itaanutti ibsu.

“Mootichi Saahilasillaaseefi waraannisaa lafa ykn iddoo “Sululta” jedhamu qubannee turre. Guyyaa keessaa gara sa’aatii 8:00tti waraanni jalqabame. Sababiin waraanichaa Oromoon naannawa kana jiraatu gibira gaafatamee yeroon waan galchuu dhiiseef jedhama.

Yeroonsaa bona waan ta’eef namoonni yeroo itti bobba’an ture. Waraanni mootichaas wanta argatan mara erga saamanii booda miidhaan argame hanga danda’e guurratanii kan hafe gubuutti, ka’an.

Mootichis ajajaja kennametti daran gammadee manneen hafanis akka daaraa ta’an ajaje. Kan biraa M. Hariss kan barreesse waraana Oromoota Meettaarratti gaggeeffame yoo ta’u, waraana guyyoota murtaa’e keessatti godhameen Oromoonni kuma afuriifi 500 akka dhuman ta’era jechuun eereera.

Seenaa gaddisiisaan Oromoorratti raawwatame kun iddoo tokkoofi gosa naannawa tokko qubaterratti kan godhame otoo hintaane iddoo biraattis bifa walfakkaatuun akka raawwachaa hubachuun nama hinrakkisuu.

Jarreen mootota Shawaa jedhanii of gurmeessan Nagaasii Kiristoosii kaasee hanga ga’utti yeroo waggoota 250 caaluuf falmii walirraa hincinne gochuun Oromoo Shawaa Kaabaa Abbichuu Galaan, Jiddaa, Oborii Karrayyuun, Jillee, Bala’a, Dullachaafi lixaan immoo, Warra Jaarsaa, Uru, Ada’a, Yaayyaa Meettaa, Darraa (Salaalee)fi Booranno falmii xiiqii fixachiisaarra turan.

Akkasumas lafa Oromoo kanneen namoota amantii Islamaa fudhatanii akka Walloo, Ifaat, Manzi ykn Manzuumaa, dhuunfachuun warreen amantii Kristaanaa fudhatan ofitti qabuun kan isaan mormaniifi amantii Isilaama fudhatan immoo waraanuun biyyaa (lafarraa) kaasaa akka turan seenaan ni ibsa.

Recommended For You

2 Comments to “Alkoobar (Halkoo-Bar)”

  1. Pingback: gtm17

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *