MALAAMMALTUMMAAN RASAASA TOKKOON HINDU’U

Malaammaltummaan jecha Ingiliffaarraa kan dhufe yoo ta’u  hundeensaa garuu afaan Laatiinii “corruptus” jedhurraa kan argameedha. Hiikaansaa “balleessuu, miidhuu, matta’aa fudhachuu, mancaasuu” jedhamee hiikamuu danda’a.

Wanti dhalootaafi biyya mancaasuu danda’u kun egaa yeroo dhiyoo kan eegalame utuu hinta’in waggaa kuma shan dura  (3100-2700 DhKD) eegalee seera mootummaa biyya Misir keessatti beekamaa ture. Chaayinaafi Giriikii keessattis waggoota  3400 dura akka ture seenaan ni dubbata.

Egaa malaammaltummaan akkasitti eegalame  kun bara keenya keessatti doolaara tiriiliyoona 1.5 ol biyyaafi ummata jalaa saamaa akka jiru gabaabaatti gargaarsa biyya lafaatiif waggaatti kennamutti harka 10 ol kan caaluudha.

Malaamaltummaan waardiyyaa mana yaalaa qarshii 10 fudhatee nama ol seensisurraa eegalee hanga warra doolaara miiliyoonaan saamaniitti kan faalu dhukkuba hamaadha. Mootota danuu kan salphise, kaanis taayitaarraa harkise kan gadi buuse, kaan ammoo ummata isaaniin akka salphatan kan taasiseedha. Fakkeenyaaf geggeessitootni Sudaan Kibbaa biyyasaanii hanga doolaara biliyoona afuriitti saamu. Moobutuu Seseekkoo biyyasaanii, Zaayar hanga doolaara biliyoona shanitti saamaniiru.  Ferdinaandi Markoos Filiippiinsiin doolaara biliyoona shan, Suhartoon Indoneeziyaa biliyoona 15-35tti akka saaman; baay’eeen ammoo humnaan akka aangoorraa ummatasaaniin gadi darbatamanii bu’an taasiseera. Fakkeenyaaf Ottoo Perez Molinaa pirezidaantummaa Guwaatimaalaarraa, Jaakob Zuumaa Afrikaa Kibbaarraa, Paarki ‘Gayinun-hiyee Kooriyaa Kibbaarraa malaammaltummaan buuseera, salphiseeras. Biyya keenyattis waantota ta’an hunda ni yaadanna. Namoota guguddoo akka harkisaanii hidhamee mana hidhaa seenan taasiseera.

Ammas taanaan malaammaltummaan du’eera jechuun hindandaa’amu. Altokkotti du’ee kan awwaalamu waan hintaaneef xiyyeeffannaa barbaada. Baroota darbanitti ummata aarsanii biyyaafi dhaloota rakkoo hedduuf kan saaxilan malaammaltummaan harkisaanii kan manca’e jechuun ni danda’ama. Rakkoo malaammaltummaan qaqqabsiisu keessaa muraasni:

  1. Malaammaltummaan ka’umsa jeequmsaati

Ministirri muummee duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyi nagaafi tasgabbii dhabiinsi Itoophiyaa ALA bara 2015fi 2016 keessa tureef ka’umsi malaanmaltummaa akka ta’eefi isa kanaaf ammoo furmaatni haaromsa gadi fageenyaa; yeroo itti of ilaalaniifi walqoratan ta’uu eeranii turan.

Rakkoon malaammaltummaa salphaatti kan furamu hinturre. Hiddisaa gadi fagoo, kan dafee hinbuqqaaneedha. Haa ta’u malee booda keessa hundee cimaa sana namootni kutannoon buqqisan ni ka’an. Garuu badeera jechuun hindanda’amu.

Jeequmsa biyyoota ardii Afrikaa biroos ta’e Itoophiyaa booda malaamaltummaan harka keessaa hindhabu. Yeroon akkas jedhu, rakkoowwan gara garaa hinjiran, ka’umsi rakkoolee hundaa kanuma qofa jechuun hindanda’amu. Rakkooleen biyyoota Afrikaa ‘bu’aa’ jeequmsaa ta’anis dhumiisa namootaa, babal’achuu shororkeessummaa, hundee gadi fageeffachuu hiyyummaa, godaansa gar-malee namoota danuu irbaata galaanaafi rakkoolee suukanneessaaf saaxile booda diina sabaafi biyyaa hamaa ta’e malaamaltummaa argina.

Egaa lafa malaammaltummaan jiruu jeequmsi hindhabamu. Fakkeenyaaf biyyoota Afrikaa 30 irraa ALA bara 2014-2016tti jeequmsaaf kan namoota kakaase, namootni hanga  lubbuusaanii aarsaa gochuun akka falman kan taasise malaammaltummaadha. Malaamaltummaan jeequmsi akka humna cimaa argatu taasisa. Jeequmsa biyyoota addaa addaatti ta’aniif boba’aa gaarii ta’ee dalaggara.  Asirratti waanti daran nama namootni malaamaltummaadhaan ummata dararan yeroo jeequmsaas namootatti ida’amanii nagaa fakkaatanii ba’uusaaniiti. Waan ummataaf oo’an of fakkeessu. 

Akka biyyi nagaa hinqabaanne, dinagdeen qisaasamu, dhalootni amala gaarii hinhoratne, namni hundi wal-qixxeetti akka hin ilaalamne, booda dhufanii akka dura galan, mirgi namaa akka molqamu, dhalootni amala hamaa akka horatu,  seeraa alummaan akka fooggalu, dimokrasiin akka quucaru, ummatni qabeenyaa jirutti fayyadamuu utuu qabuu kan nama muraasaa ta’ee akka dararamu,  waantotaa barbaachisoo fakkeenyaaf karaa, mana yaalaa, mana barnootaafi kkf akka dhabu kan taasisuudha.

Kanaaf ummata akka tajaajilaniif kan ummatatti dhiyoo ta’an gandi, aanaaleen, godinoonniifi kkf bakka ummatni itti gaddee ba’u utuu hinta’in gammaduuf amala tajaajiltummaa kan horatan, saamicha irraa walaba kan ta’an, jijjiirama amma jiru cinaa kutannoon kan dhaabatan, rakkoo bara darbee seenaa gochuuf kan qophaa’an, amala gaarii kan qaban, ummata tajaajiluuf kan dhalatan ta’uun filannoo hinta’u.  Jeequmsi nu ga’eera. Ummatnis nuffeera. Ijasaas argeera.

Ummatni keenya daran hiyyeessa. Kanaaf hundeen malaammaltummaa goguu qaba. Biyyas namoota amala tajaajilummaa qabaniin, ummataaf dhaabataniin caasessuun barbaachisaadha.

2.Malaamaltummaan burqaa hiyyummaati

Malaamaltummaan babal’ina hiyyummaa keessatti ga’ee guddaa qaba. Namootni miliyoona 400 ta’an kanneen ardii Eeshiyaa keessa jiraatan hiyyummaan jiraatu. Sababiinsaa qabeenyi jiru harka saamtotaa waan seenuuf jireenyi hawaasa  hinjijjiiramu.

Tarii baay’een keenya akkumma beeknu ALA Amajjii 29, 2019 dhaabbatni sadarkaa malaammaltummaa biyyootaa qoratu (‘Transparent International’) gabaasasaa oggaa ilaallu kanuma mirkaneessa. Biyyoota Afrikaa hunda keessa malaamaltummaa hamaan akka jiru agarsiisa. Fakkeenyaaf qorannoon akka agarsiisutti giddugaleessaan 32 (‘Corruption Perception Index’) akka ta’eefi biyyoonni sadarkaan malaamaltummaa biyya isaanii yoo  50 caale akka rakkoo cimaatti ilaalama. Biyyoonni Afrikaa ammayyuu malaamaltummaarraa hanga dandaa’ame of eeggachuun biyyaafi dhalootasaanii fooyyessuu hindandeenya.

Kanaaf furmaatni gama tokkoon ummata aangessuudha. Yeroo hedduu walga’iiwwan sadarkaalee naannoo, godinaafi aanaatti taa’aman kan ummata hirmaachisan ta’uu qabu. Namoota hedduuf keessumaa hojjettootaaf, daldaltootaaf, dargaggootaafi kkf yeroo mijata ta’etti walga’ii irratti waa’ee naannoosaanii, adeemsa jiruu akka mari’atan gochuun barbaachisaadha. Namootni rakkoosaanii haa dubbatan, furmaatas waliin haa barbaadan.

Darbees duulli malaammaltummaa irratti gama mootummaan eegalame cimee ittifufuu qaba. Inni kun naannoo tokkotti cime kaan keessatti laafuu hinqabu. Dhukkuba daddarbee dhaloota miidhu kun hanga danda’ametti daangeffamuu qaba. Ta’uu baannaan garuu gochichi biyya rakkoo hamaaf ni saaxila. Yoomiyyuu tasgabbiin hinargamu. Hawaasni malaammaltummaa simatu hawaasa hiyyoomuuf qophaa’eedha. Kanaafis tasgabbii dhabiinsa biyyoota Afrikaa sirnaan hubachuun ga’aadha. Akkasumas ummatni odeeffannoo sirrii akka qabaatu taasisuun barbaachisaadha. Darbees akkaataa itti maallaqni socho’u hammayyeessuun barbaachisaadha.

Zarihun Gabree

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

4 Comments to “MALAAMMALTUMMAAN RASAASA TOKKOON HINDU’U”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *