Sadarkaawwan gadaa dubartoonni keessa darban

Yeroo baay’ee Sirna Gadaa keessatti marsaawwan Gadaa umuriidhaan qoodamanii jiran kan warra dhiiraa qofa akka ta’eetti fudhatama. Sadarkaawwan dubartoonni keessa darban kan hinbeekamneefi Siinqee qofti akka jiruttis ilaalama. Ta’us dubartoonnis akkuma dhiirotaa sadarkaa keessa hulluuqan ni qabu. Yeroo baay’ees sadarkaa isaan keessa darban haala dha’annaafi filannaa rifeensasaaniitiin adda bahanii beekamu. Umuriinsaaniifi eenyummaansaaniis isumaan beekama.

Barsiisaa Yunvarsiitii Jimmaa Obbo Darajjee Fufaa waraqaa qorannoo tibbana yaa’ii Waldaa Qorannoo Oromoorratti dhiheessaniin akka jedhanitti, dubartoonni Oromoo akkuma dhiirotaa sirna Gadaa keessatti dhaabbata (‘institution’) mataasaanii qabu.

Kana keessatti safuufi duudhaa mataasaanii kan qaban yoo ta’u, wantoonni isaan Gadaa keessatti raawwatan dhiirotaaf gumaacha olaanaa buusa, xiiqiifi  onnees itti hora. Keessumaa beekumsa, aadaa barsiisuufi kkfn  cimoo waan ta’aniif sirna Gadaa keessatti iddoo mataasaanii qabu.

Aadaa biyyoota Afrikaa keessatti yeroo baay’ee dubartoonni kan hacuucaman yoo ta’e kana keessaa isaan baasuunis akka waan rakkisaa ta’eetti kan ilaalamu ta’uu kaasanii, sirna Gadaa keessatti garuu dubartoonni aadaa dhiirri uume fudhachuu qofa osoo hintaane aadaa uumuufi jijjiiruuf humna, beekumsaafi dandeettii akka qaban kaa’amuusaa ibsu.

“Gadaa keessatti dubartoonni bakka guddaa qabu; Gadaan isaan keessa hinjrre Gadaa ta’uu hindanda’u. Kan dhiira qajeelchu akkasumas abbaan Gadaa akka seera guuttattu kan godhu dubartoota” jedhu. Sadarkaa dubartoonni keessa darbanis akka armaan gadiitti ibsu.

  1. Dabballee (0-8): Umuriin kun Gadaa keessatti dhiiraafis dubartiifis walqixa. Waluma qixa abbootiifi akaakaasaaniirraa aadaa barachaa guddatu. Dabballee ta’uunshee kan beekamu immoo rifeensa mataasheetiini; dabballeen mataa hinhaaddattu. Abbaan Gadaa yommuu jila dhaqu ijoollee durbaafi dhiiraa harka qabatanii deemu. Sadarkaa kana keessatti lachuu ittigaafatama ykn qooda walqixa qabu.
  2. Gaammee (9-16): Sadarkaa kanattis dhiirriifi dubarri haaluma walfakkaatu  keessa darbu. Lachuu jilarraa, hiriyootaafi naannawarraa baratu. Sadarkaan gaammee guguddaafi xixiqqaas kanuma keessatti hammatama. Rifeensisaaniis gidduudhaa haadamaadha.
  3. Durba Sookkoo: Sadarkaa kanatti dhiirriifi dubarri gargar ba’u. Rifeensisaanii duudaadha. Isa yeroo gaammee haaddatan cufatu jechuudha. Shamarran sadarkaa kana keessa jiran Gadaa keessatti ulfoo (waan kabaja qabu) baatanii akkoowwan isaanii waliin jila ofkalu. Oromoon durbi sookoo qulqulluudha jedhee waan amanuuf ulfoo baachisee jilatti erga. Akkasumas durba geessuu ykn qarreedha.

Shamarri sadarkaa kanarra jirtu rifeensashee dhahattee duubasaatti amartii itti godhatti. Kana jechuun umriin ishee heerumaaf ga’eera jechuudha. Warri kun jilarratti dibbee fudhatanii faarsu, ni eebbisus. Akkasumas dhiira arrabsanii xiiqii itti uumu. Waan isaan barbaadan akka godhuufis ni dirqisiisu. Ulee ykn humnaan osoo hintaane yaadaan dirqisiisu. Akka aadaatti immoo dhiirri keessumaa qeerroon waan shamarranirraa barbaadan dhabuurra  du’ee baduusaa wayya jedhamee amanama. Kan malees waa’ee aadaa faarsu, weeddisu darbees walaleessu.

Dibbee shamarran kunneen qabatan dhiiratti xiiqii uumuurra darbee tokkummaa biyyaa deebisu, hawaasaaf ergaa dabrsuufi kakaasuu, miira nama keessatti uumuufillee bakka olaanaa qaba.

Ijoolleen durbaa kun of eeggachuu qabu. Durbummaasaanii eeggatanii heerumuun kabajasaanii beeksisuu qabu. Yoo kana ta’e beekumsaafi aadaa qaban dabalanii manasaanii eeggachuu, abbaa manaa to’achuufi bulfachuu danda’u jechuudha.

Akkasumas sadarkaa kana keessatti beekumsi isaan horachuu qaban hodhaa hodhuudha. Meeshaa ittiin jiraataniifi manasaanii ittiin faayan ofiin qopheeffachuu danda’uu qabu. Kanarra darbees hodhaa hodhan gurguranii guduunfatanii dinagdeesaanii ittiin guddifachuuf, yeroo hunda harka abbaa warraa qofa eeguu dhiisuufillee isaan gargaara.

  • Siinqee: Waa’een siinqee hubannaa nama hedduu keessa kan jiruufi sadarkaawwan dubartoonni keessa darban keessaa isa beekamaadha. Dubartiin gaafa heerumtu alagaatti waan heerumtuuf abbaa warraafi maatiisaa kan ittiin boojitu durba ta’uu, beekumsa, dandeettiifi ogummaa qabaachuu qabdi. Kanarra darbee siinqee qabattee dubartoota ishee dura heeruman wajjin waliigaltee ittiin uumti.

Siinqee kana gaafa intalli tokkoo heerumtu haadhatu muree kennaaf. Kana qofa osoo hintaane beekumsaafi ogummaas haadhatu kennaaf. Kan Oromoon “haadha ilaali intala fuudhi” jedhuufis kanumaafi. Asirratti siinqee hawaasniifi firoonni kennanis akka jiru hubatamuu qaba.

  • Haadha Dabballee: Dubartii heerumtee ijoollee godhateedha. Dubarri tokko sadarkaawwan Gadaa eeraman kanneen keessa darbuun heerumtee yommuu mucaa godhattu hiriyoonni ykn addooyyeewwan, maatiifi firoonnishee akka aadaatti soogidda qabatanii dhufuun sireetti cabsanii harka fuudhuun.

Dubartoonni sadarkaa kana keessa jiran rifeensasaaniitti mallattoo qabu; amartii ykn sibiila maraa rifeensa dhahametti ka’aatu. Fakkeenyaaf kan amartii saddeet ofittii qabdu ijoollee saddeet qabdi jechuudha. Sadarkaa kanattis dubartoonni jilarratti ni hirmaatu, akka abbaan warraa Gadaa of kaluufis walwaamanii siinqee jala baasanii eebbisanii gaggeessu.

Yoo namni waldhabes siinqee qabatanii gidduu seenuun lola dhaabsisu. Yoo namni lola ykn waraanan deema malee jedhee rakkisemmoo siinqeesaanii lafa kaa’anii “mee irra tarkaanfadhuu deemi,” jedhanii siinqee dura kaa’u. Yoo cabsee deemes “cabii hafi” jedhanii abaaru.

  • Cifree: Kun haadha abbaa Gadaati. Abbaa Gadaa ijoollummmaasaarraa kaasee kan guddisee kunuunse haadhasaati. Gadaa fuudhuuf hamma inni qaqqabuus yoo lubbuun jiraatte haati biraa hinhaftu. Gadaa keessatti namni “haadha cifraa”  jechuun waantota haatisaa barbaaddu hunda guutaniifi dhadhaa muuduun Gadaa fuudha jechuudha.

Walumaagalatti sirni Gadaa sirna dubartootaaf bakka kennuufi kabajaa qabuudha. Yeroo baay’ee garuu waa’een sirna Gadaa yommuu ka’u waliin kan ka’u dhiirota. Kan dubartootaa keessaa kan beekame Siinqeedha. Warreen kaan irrattis hayyoonniifi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa qorannoo bal’aa gaggeessuun itti waamamaafi qooda hojiisaanii dhiheessuu malu. Dubbistoonni dhimma kanarratti hubannoo ga’aa qabdanis yoo nuuf barreessitan ni keessummeessina.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to “Sadarkaawwan gadaa dubartoonni keessa darban”

  1. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *