Gaazexaa Bariisaa maaliif jedhame?

Gaazexaan Bariisaa Fulbaana 2 bara 1968 nama dhuunfaa Doktar Maahidii Hamiid Muudee (Abbaa Bariisaa) jedhamuun qophaa’uu jalqabe. Bariisaa jechuun yeroo itti dukkanni dhumee bariin jalqabu gidduu jiuudha. Bariisaa jechuun dukkana keessas hinjirru, aduunis baatee ifa keessa hinjirru jechuudha. Moggaasni kun dimmmisa ifaafi dukkana gidduu jiru agarsiisa jedhu Doktar Maahidiin gaafdeebii Wiixata darbe kutaa qophii gaazexichaa waliin taasisaniin.

Gaazexaan Bariisaa yeroo hundaa’e mootummaan Hayilasillaasee kufee waggaa tokkoffaa mootummaan Dargii itti aangoo qabate waan kabajamuuf dukkana akka hinjenne ifni xiqqoon jira, ifa akka hinjenne ammoo aduun hinbaane. Kanarraa ka’uudhaan maqaan gaazexichaa Bariisaa jedhamee moggaafame.

Moggaasni kun hacuuccaafi dukkanni Oromoorra ture darbee bor ni bari’a; dukkana keessatti hinhafnu ergaa jedhu of keessaa qaba. Yaadni ‘Bariisaa’ jedhamu dukkana keessaa gara ifaatti ce’uu agarsiisa. Gaazexaan Bariisaa yeroo Afaan Oromoo barreessuu mitii dubbachuunuu yakka turetti namoota dhuunfa quuqama Oromoo  qabaniin qophaa’ee maxxanfamuu eegale.

Gaazexichi duraan qubee ‘Saabaatiin’ barreeffamee maxxanfama kan ture yoo ta’u, bara 1983 irraa eegalee qubee Laatiiniitiin qophaa’ee maxxanfamaa jira.

Gaazexaan Bariisaa  bu’aalee maxxansa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta’u, afaan, aadaafi duudhaa ummata Oromoo beeksisuufi dagaagsuu keessatti gahee guddaa taphateera; taphataas jira.

Gaazexaan kun yeroo ammaa qabiyyeewwan isaa foyyeessuun dhimmoota Oromoorratti xiyyeeffatee torbanitti al tokko maxxanfamaa kan jiru yoo ta’u, dhaabbatichi dhiyeenyatti torbanitti al sadii maxxansiisuuf karoorfamee hojjetaa jira.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

7 Comments to “Gaazexaa Bariisaa maaliif jedhame?”

  1. Pingback: แผ่น HPMC
  2. Pingback: Project Mancave
  3. Pingback: Apartheid
  4. Pingback: Registration

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *