Cirracha Kalee (‘Renal Stones’)

“Mucayyoon osoon bishaan suuta jedhii waraabi jedhuu cirracha waliin lagaa waraabdee na obaastee kunoo dhibeerra na buuste” jedhu. Maanguddoo tokkotu kutaa altiraasaawundii itti ilaalamanii ba’an jala taa’anii… maaltaatan jennaan “Cirrachatu kalee kiyya keessa jira” jedhan.Maal isaan qofa anis yeroo ijoollummaa kiyyaa namni cirracha kaleen qaba yoo jedhu, cirrachi xixiqqoon bishaan waliin seentee kan kalee keessatti haftu natti fakkaata ture.

Cirrachi kalee garuu kaleedhuma keessatti walitti qabamuun kan uumamtuudha. Cirrachi kalee kan uumamu sababnisaa guutummaatti beekamuu baatus sababoonni akka ka’umsaatti tarreeffaman: bishaan ga’aa dhuguu dhabuu, dhukkuba sukkaaraatiin qabamuu, ulfaatinni garmalee dabaluu, nyaata pirootinaan olka’aa yeroo mara soorachuufi kkf. Cirrachi kun akaakuuwwan adda addaa qabaatus dhibbaan inni namarraan ga’uufi mallattooleen argisiisu walfakkaataadha.

Mallattooleen cirracha kalee maalfa’i?

Cirrachi kalee kun qaama sirna fincaanii keessaa bakkawwan gara garaatti argamuu danda’a. Mallattoon dhukkuba kanaas bakka cirrachi jiru (kalee, ujummoo fincaanii, afuuffee fincaanii) irratti hundaa’ee mallattoowwa adda addaa argisiisa.

Kalee: Yoo cirrachi kan kalee keessatti kuufame ta’e yeroo hedduu cinaacha keenya gama hubameen dhukkubbiin nutti dhaga’ama. Dhukkubbiin kun waggoota hedduuf nurra turuu danda’a. Takka takka dhukkubee giddu gidduun bade deebi’uus ni mala. Cirrachi kalee keessatti kuufame kun osoo dhukkubbii nutti hindhageessisiin waggoota dheeraaf taa’uullee ni danda’a.

Ujummoo fincaanii:  Ujummoon fincaanii (ureter) kan kaleefi afuuffee finacaanii walqabsiiftu keessatti cirrachi kun kan argamu yoo ta’e, dhukkubbii baay’ee hamaafi nama sardu, kan cinaacha keenya gama miidhamerraa ka’ee gara qaama saalaa keenyaatti garmalee gadi waraanutu nutti dhaga’ama.

Kanatti dabalees mallattoo akka oldeebisuu/haqqee, dhagna gubuufi kkf yeroo dhukkubbii kana namatti fiduu mala. Cirrachoonni garmalee nama dhukkubsan warreen hammaan xixiqqaa ta’anidha. Cirrachi guguddaa yeroo hedduu kalee keessaa ba’ee gara ujummoo fincaanii qal’oo kanaa waan hindhufneef (waan ujummoo keessa hinsochooneef) akkanatti nama hindhukkubsu. Dhukkubbii irratti dabalee cirrachi kalee mallattoolee akka fincaan diimessuu yokn dhiiga fincaa’uu ni fida. Kunis cirrachi kun qaama fincaanii keenya yoo dhiigsu fincaan waliin walmakee waan ba’uufi.

Cirraacha kalee kana ofirraa ittisuuf gama keenyaan maalgochuutu nurraa eegama?

Bishaan dhuguu: Bishaan ga’aa dhuguun dhukkuba cirracha kalee nurraa eeguurra darbee cirrachoonni kalee hammaan baay’ee xixiqqoo ta’an bishaan walii akka ba’aniif gargaara. Namoonni keessumaa duraan cirrachi kaleesaanii keessaa mana yaalaan ba’eef carraa deebi’ee uumamuusaa hir’isuuf guyyaatti hanga liitira 2.5 dhuguu qabu. Namoonni naannawa ho’aa jiraatan, namoonni yeroo hedduu sochii qaamaa taasisan kana caalaa dhuguu qabu.

Nyaata: Nyaatawwan qabiyyeensaanii pirootini baay’ee olka’aa ta’an yeroo hedduu soorachuurraa ofqusachuu qabna. Ashaboo nyaata keessaaillee yoo hedduu olka’aa ta’e akkuma dhukkuboota biroof nama saaxilu carraa dhukkuba kanaan qabamuullee olkaasa.

Cirrachi kalee yeroo ammaa kana yaala akkamii qaba?

Namni tokko mallattoowwan armaan olii waan qabuuf qofa cirracha kalee qaba jechuun hindanda’amu. Dhukkuboonni garaagaraa mallattoo walfakkaataadhaan of mul’isuu malu. Kanaaf namni mallattoolee kana qabu mama yaalaa erga deemee booda altiraasaawondii (ultrasound)dhaan ilaaluudhaan cirrachi kun jiraachuufi dhiisuusaa, yoo kan jiru ta’eef ammoo bakka kamitti akka argamuufi hammi (size) cirracha sanaa hangam akka ta’e safaruudhaan gara yaaluutti deemama.  Yaalli cirracha kalee hanga dheerina cirracha sanaarratti hundaa’uudhaan haalota garaagaraatiin kennama.

Cirrachi kalee hammaan baay’ee xixiqqoo ta’an yaala baqaqsanii yaaluu hinbarbaadan. Bishaan yoo baay’isanii dhugan waan ba’uu danda’uuf mana yaalaatti kanuma gorfamu. Qorichoonni akka ciracchi xixiqqoon kun bishaan waliin baatuuf gargaaranis ni kennamu. Itti dabalaan cirrachi xixiqqoon kun akkuma armaan olitti ibsame gaafa ujummoo keessa deemtu waan dhukkubbii cimaa namatti fidduuf qorichoota dhukkubbii kana hir’isan fudhachuun barbaachisaadha.

Cirrachoonni guguddoon ammoo mala lamaan baafamuu danda’u. Inni jalqabaafi biyya keenyatti bal’inaan hinargamne “Extracorporeal Shock Wave Lithotripsy” kan jedhamu yoo ta’u, osoo qaama namaa hinbaqasiin ykn oppereeshinii hintaasisiin alumaan anniisaa addaa fayyadamuun cirracha sana caccabsanii akka fincaan waliin ba’u taasisuudha.

Inni lammaaffaan, keessuma biyyoota guddataa jiran, akka biyya keenyaa keessatti baay’inaan cirracha kalee guguddaa baasuuf ittiin fayyadaman, baqaqsanii yaaluudhaani. Inni kunis alumaan baqaqsanii seenuun malawwan garagaraa fayyadamuun cirrachicha baasuudha.

Cirrachi kalee yoo yaalamuu baate maal namarraan ga’uu danda’a?

Cirrachi kalee yoo nama waliin ture hammuma nama keessa tureen miidhaa geessisaa deema. Yoo baay’ee qaama keessa turee kan hin yaalamne ta’e ujummoolee fincaanii cufuudhaan kalee keenya miidhaa deema. Yoo yeroodhaan kan yaalamu ta’e miidhamni kalee kun kan deebi’ee fayyuudha. Yoo yaalamuu baate garuu sadarkaa itti miidhamni kalee dudduuba deebi’uu hindandeenye irraanillee ga’uu danda’a.

Keessumaa yoo kalee gama lamaan hube ta’e haga kalee nama biraa irraa barbaaduu (transplantation)fi kalee dhiquu yeroo dheeraa (chronic dialysis) illee barbaaduu danda’a. Kun ammoo yaaluunsaa rakkisaa waan ta’eef mallattoolee akka: dhukkubii cinaachaa, dhiiga fincaa’uu ykn fincaan garmalee diimachuu, fincaan daddafee nama dhufuufi nama gubuu kan yeroo dheeraa namarra tureefi mallattoolee armaan olii kana ofirratti argitan gara mana yaalaa deemuun ilaalamanii yaala ga’aa argachuun dirqama.

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa
ogeessa fayyaa yoo ta’an, Koolleejjii Medikaalaa
Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita
ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Cirracha Kalee (‘Renal Stones’)”

  1. Pingback: trustbet
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: sili box vape

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *