Dhaabatuma kunuunsuu…

Biyya keenyatti hojiilee tibba gannaa kana bal’inaan xinnaa guddaadhaan, dhuunfaafi dhaabbataan xiyyeeffannaa olaanaa argatanii raawwatamaa jiran keessaa tokko waa’ee dhaabiinsa  biqiltuuti.

Dhimmi kun eddii Ministirri Muummeen barana guutummaa biyyaatti biqiltuuleen biliyoonni afur akka dhaabaman ibsanii eegalee gama miidiyaaleetiinis uwwisa guddaa argatee haalota adda addaatiin gabaasamaa jira.

Doktar Abbiyyi dhimma kana akka geggeessaa biyyaatti ibsuufi kallattii kennuu qofaan biraa hindeebine; haala lammii hundaaf fakkeenya ta’uufi geggeessitoonni biyyattii kanaan dura taasisanii hinbeekneen jilbeeffatanii biyyoo haadhuun biqiltuulee heddu dhaabaniiru, dhaabaas jiru.

Isaan oggaa waajjirasaaniirraa eegalee iddoowwan adda addaa biqiltuulee dhaaban of kennanii, otoo bokkaan roobuuti. Kan ija banatee qalbiidhaan isaan hordofeef namni kun gama hundaan waantota fakkeenyummaan eeramaniin danuu yoo qabaatanillee kaka’umsa isaan gama dhaabiinsa biqiltuutiin agarsiisan kutaalee hawaasaa biratti miiraafi kaka’umsa addaa uumeera.

Kan hojii dhaabinsa biqiltuu kanaaf xiyyeeffannaa kennee hojjetee hojjechiisaa jiru nama egeree biyyattiitiif daran yaaduudha. Sababiinsaas kan har’a dhaabametu dhaloota boruutiif gaaddisa ta’ee faayidaalee adda addaa kenna waan ta’eef.

Hojiin biqiltuu dhaabuu kun humnaafi qabeenya qarshii biliyoonota heddutti tilmaamamuuni hojjetamaa kan jiru. Barana biyyattiin biqiltuulee biliyoona afur dhaabuu karoorfattee karaa ministira muummeeshee ibsamee hojiitti seenamuunis bu’aansaa egeree waan sirriitti hubatameefi.

Kanaafis guyyaan biqiltuu miliyoona 200 itti dhaabamu muramee qophiin xumurameera. Kunis iftaan, Adoolessa 22 bara 2011 ta’e jechuudha. Guyyaa kana lammiileen biyyattii marti xiqqaa guddaa otoo hinjedhuun gochaafi yaada eebbifamaafi sammuu qaraasiisee dhiyaate kana milkeessuuf qophiin cimaa taasifameera. Sagantaa kanaan akka biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuun riikardii addunyaa cabsuuf kan kaayyeffate ta’uunis Waajjirri Ministira Muummeetiin himeera. Kanaafis lafti hekaarri miliyoonni 1.9 qophaa’eera.

Milkaa’ina hojii duula kanaatiif naannoleen hundi qophii kan xumuran yoo ta’u,  akka fakkeenyaatti yoo fudhanne Oromiyaa qofatti barana biqiltuuwwan biliyoona lama dhaabuuf qophiin taasifamee hojii qabatamaattii seenameera.

Duula iftaanii kanaanis biqiltuuwwan miliyoona 200 godinaalee 20f magaalota 32tti dhaabuuf karoorfameera. Duula kanarratti ummatni miiliyoona 4.5 qophii sanyiifi boolla biqiltuurraa eegalee hirmaachaa jira.

Guyyaa kana naannoo Oromiyaa qofatti biqiloota miiliyoona 200 hanga 300 dhaabuuf hojjechaa jira. Ummatni naannichaa meeshaalee dhaabbii biqiltuuf barbaachisan dabalatee soorata guyyichaaf barbaachisu qopheeffachuun duulicharratti akka hirmaatuufis Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa naannichaa waamicha dhiyeessee ture.

Oromoodhaaf biqiltuu dhaabuun waan ajaja barbaachisu osoo hintaane kan yaadachiisu qofa feesisu waan ta’eef ummanni biltuuwwan bu’aa dabalataa kennan irratti xiyyeeffachuudhaan hanga torbaan darbeetti ammaatti biqiltuun bunaa miiliyoona 800 ta’us dhaabameera.

Dhaabbiin biqiltuu akka dur baratame guyyaa tokko bifa duulaatiin hojjatamee kan darbu ta’uu hinqabu. Xumura walga’iifi sagantaawwanii, akkasumas daaw’annaafi sochiiwwan hunda keessatti biqiltuu dhaabuufi kunuunsaaun akka kaayyoo guddaatti qabamuu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

3 Comments to “Dhaabatuma kunuunsuu…”

  1. Pingback: togel altogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *