Waaliiyaanoonni qophii olaanarratti argamu

Adaamaa: Waancaan kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa (“CHAN”) bara dhufu ji’a Amajjii 2012 magaalota Kaameeruunitti adeemsifama jedhamee eegama. Qopheessummaan kan irraa fudhatame, Itoophiyaan tapha gulaala duraa keessatti ramadamuuf dirqama itti ta’eera.

Haaluma kanaan Jibuutii wajjin ramadamuudhaan Adoolessa 19 bara 2011 walmorkii gulaala jalqabaa Finfinneetti adeemsifatti. Torban tokko booda ammoo tapha deebii magaalaa Dirree Dawaatti adeemsifachuuf qophiirraatti argamti.

Guyyoota muraasa booda Jibuutii wajjin kan taphatu Waaliyaan leenjisummaa Inistiraaktar Abrahaam Mabraatuutiin Magaalaa Adaamaatti shaakala jalqabeera.

Inistiraaktar Abrahaam Mabraatuufi gargaartoota isaaniitiin dhiheenya kana taphatoonni 23 filamanii iddoo tokkootti walitti qabamuudhaan shaakalaa jiraachuusaaniis ibsameera.

Instiraaktarichi akka ibsanitti, Waancaa kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa kanarratti taphattoota liigiiwwan biyyaa keessatti taphatan qofti kan hirmaatan yoo ta’u, waggaa lamatti yeroo tokko adeemsifama jedhaniiru.

Haaluma kanaan koreen teekinikii federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa taphatoota liigii biyyaa keessatti taphatan filuudhaan qophiisaa jalqabeera jedhu.

Walmorkiin biyyoota Afrikaa ‘’CHAN’’ jedhamee moggaafame kun kan baranaa dabalattee yeroo jahaffaaf qophaa’uusaati kan jedhan Inistiraaktar Abrahaam, ALA bara 2009 koti’divaar, bara 2011 Sudaan,bara 2011 Afrikaan Kibbaa, bara 2016 Ruwaandaa,bara 2018 Morookoo bara 2020 ammoo Kaameeruun ta’uusaanii addeessaniiru.

Itoophiyaan shaampiyoonaa kana keesumeessuuf carraa argattus sababiiwwan adda addaatiin carraan kun irraa fudhatamee Kameeruunitti akka darbu taasifamuusaas ni muldhisu.

Garee biyyaalessaa Waaliyaatiif taphattoonni filatamanis Masaay Ayyaannoo, T/Maariyaam Shaanqqoo ,Mintasinoot Alloo, Aschaalew Taamaneh, Astaa Dammuu, Yaareed Baayyee, Wandimeenah Darajjee, Ahimad Rashiid, Geetuu H/Maariyaam, Amsaaluu Xilaahun, Ramadaan Yesuufi.

Akkasumas Amaanu’eel Yoohaannis, Mulalam Masfin, Haaydar Sharafaa, Afawarqi Haayiluu, Suraafeel Daanyaachoo, Taaffassa Salamoon, Fiqirayyasuus T/Birihaan, Abeel Yaaleewu, Haabtaamuu Gazaahaany, Addis Gideey, Amaanu’eel G/Mikaa’eel, Abubakar Nasiruu, Majub Qaasiimiifi Fiqaaduu T/Maariyaam ta’uun beekameera.

Taphattoonni kunneen borumtaa shaampiyoonaan liigii piriimeerii Itoophiyaa xumurame kan waamaman yoo ta’u, waggaa guutuu tapharra waan turaniif shaakala amma taasisan kun qophni CHAN kanaaf ga’aadha jedhu.

Taphattoonnis qaamaanis ta’u xiinsamuun, akkasumas fayyaan isaanii guutuummaatti amansiisaadha jechudhaan Inistiraakitar Abrahaam addeessaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

4 Comments to “Waaliiyaanoonni qophii olaanarratti argamu”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: gray zone hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *