Finfinnee: Ji’a Amajjii bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan,Kaartumitti kan jalqabame walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa waggoota 62 lakkoofsiseera.Waggoota kanneen keessatti yeroo 32faf adeemsifameera.
Hanga ammaatti walmorkiiwwan kanarratti biyyoonni miseensota Konfedereeshina Kubbaa Miilaa Afrikaa 56 keessaa 39 qofatu hirmaachaa ture.
Isaan keessaa biyyoonni 17 carraa hirmaannaa argachuu hindandeenye. Biyyoonni shan ammoo al tokko tokkoo qofa hirmaataniiru.Waancaa kan fudhatan biyyoota 14 yoo ta’an, Misiri si’a torba waancaa fudhachuudhaan biyya duraati.
Kaameerun yeroo shan, Gaanaafi Naayijeeriyaan ammoo al afur afur fudhataniiru. Koti’divaariifi Riipaabilikii Dimokiraatawaa Kongoon lama lama yoo fudhatan, Tuniziyaan, Sudaan, Aljeeriyaan, Morookoon, Itoophiyaan, Afrikaan Kibbaa, Kongoo Kinshaasaafi Zaambiyaan si’a tokko tokko fudhataniiru.
Biyyoota tapha waancaa irratti hirmaatan keessaa ammoo 25 hirmaannaan alatti waancaa fudhachuuf hinmilkoofne. Biyyoota waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kana hundeessan keessaa Itoophiyaan takka taatus hanga ammaatti yeroo 10n hirmaachuudhaan sadi keessummeesite, tokko mo’achuunshee kan yaadatamuudha.
Kanarraa kan ka’e yeroo hedduu daawwataan kubbaa miilaa gareen biyyaaleessaa yoo mo’amu ofitti aaraa gara manasaatti gala tureera. Gaaffii, “Itoophiyaan waancaa kanarratti yoom hirmaatti?” jedhuufis gaafa carraa qopheessummaa argatte qofa jechuun deebisaa turaniiru.
Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa kun baranas ALA Waxabajjii 21 hanga Adoolessa 19 biyyoota 24 jidduutti istaadiyoomota magaalota Misiritti adeemsifamuudhaan kaleessa galgala xumurameera. Qabxiin isaanii maxxansaaf nudhaqqabuu baatus walmorkiin kun biyyoota tapha waancaaf dhihaatan Senegaaliifi Aljeeriyaa jiddutti adeemsifameera.
Senegaal tapha waancaa kanaaf kan dhaqqabde Taanzaaniyaa 2-0n, Keeniyaa 3-0n, Beeniiniifi Tuniziyaa qabxii walfakkaatu 1-0n mo’achuudhaan, akkasumas Aljeeriyaafi Ugaandaadhaan haaluma walfakaatu 1-0n mo’amuudhaan.
Aljeeriyaan ammoo Keeniyaa 2-0n, Senegaal 1-0n, Taanzaaniyaafi Giinii qabxii walfakkaatu3-0n, Kotidivaar 4-3n, Naayijeeriyaa 2-1n gaggeessuudhaan ta’uun beekameera.
Tapha sadarkaa sadaffaaf Roobii darbe Naayijeeriyaafi Tuniziyaa jidduutti adeemsifameetti Naayijeeriyaan Tuniziyaa 1-0n mo’achuudhaan sadaffaa ta’uun meedaaliyaa nahaasaafi doolaarii miliyoona lama badhaafamteetti. Tuniziyaan ammo afraffaa ta’uun miiliyoona tokko argatteetti.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011
6 Comments to “Qabxii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa”