Hintolu

Lammiin qomoo malee

Sabni aadaa malee

Fardi kooraa malee

Arfaasaan rooba malee

Birraan qilleensa malee hintolu.

Sheekiin imaama malee

Qeesiin kitaaba malee

Malkaan riqichaan malee

Manni saagaa malee hintolu.

Qamadiin baddaa malee

Qananiin haadhaan malee

Duuti umurii malee hintolu.

Loon dullachi keessa hinjirre

Sabni gurmuu hinqabnee

Manni dubartiin keessa hinjirre hintolu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

4 Comments to “Hintolu”

  1. Pingback: Highbay
  2. Pingback: bk8

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *