Fifinnee: Waxabajii 14 bara 2011 irraa kaasee biyyoota 24 jidduutti adeemsifamaa kan jiru walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 32fa xumuramuuf taphawwan lama qofatu isa hafa. Walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifamanitti biyyoonni 20n sadarkaa sadarkaadhaan kan harca’uun taphaa ala yoo ta’an, biyyoonni afur ammoo walakkaa irboo maahessaatiif darbaniiru.
Biyyoonni walakkaa irboo maaheessaaf darban kunneen Seeneegaal, Tuniziyaa, Aljeeriyaafi Naayijeeriyaadha. Senegaal Beeniin 1-0n, Naayjeeriyaan Afrikaa Kibbaa 2-1n, Aljeeriyaan Koti’divaar 4-3n, Tuniziyaan Maadagaaskaar 3-0n mo’achuudhaan darbaniiru.
Haaluma kanaan Seenegaal Tuniziyaa wajiin,Aljeeriyaan Naayijeeriyaa wajiin wal morkii gulaalaa Irboo maaheessaa boru galgala akka adeemsisan ta’uu sagantaan Konfedereeshina kubbaa miilaa Afrikaa (‘’CAF’’) ni mul’isa.
Walmorkii kanatti mo’amtonni Robii dhufu sadarkaa sadaffaa argachuf yoo taphatan, mo’atonni ammoo Jimaata dhufu waancaa fudhachuf wal falmu jedhamee eegama.
Tashoomaa Qadiidaatiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011
3 Comments to “Biyyoonni walakkaa irboo maahessaatiif darban beekaman”