Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaafi dubartoota Ameerikaa

Finfinnee: Ardiiwwan mararraa dubartoota addunyaa dirree tokkorratti walitti kan fiddu walmorkiin Waancaa Kubbaa Miilaa dubartoota Addunyaa bara 1991 Chaayinaa, Magaalaa Guwaandongitti jalqabame.

Qopheessummaa Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaatiin kan gaggeeffamu walmorkiin waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa, si’a jalqabamu biyyoota 12 qofatu irratti qooda fudhate.

Shaampiyoonichi qalbii hawaasa addunyaa hawwachuusaarraa kan ka’e hirmaatonni yeroodhaa gara yerootti dabalamaa dhufuudhaan ammaan tana biyyoonni 24 ramaddii jahatti adda qoodamuudhaan walfalmuu danda’aniiru.

Walmorkiin kun edda jalqabamee waggoota 28 kan lakkoobsise yoo ta’u, waggoota kanneen keessatti yeroo torba  adeemsifameera.Waancichas Ameerikaan si’a sadii of harka galfachuu dandeesseetti. Akkasumas Jarman yeroo lama, Jaappaaniifi Noorween si’a tokko tokko fudhachuun galmee Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa (“FIFA”) keessatti galmaa’aniiru.

Shaampiyoonichi baranas Waxabajjii  30 hanga Adoolessa 1 bara 2011 magaalota Faransaayitti kan adeemsifame yoo ta’u,  Ameerikaan yeroo arfaffaadhaaf milkooftee waancaa fudhachuun addunyaarraa biyyaa duraa taateetti.

Ameerikaan waancaa baranaa kana kan fudhatte akkuma ishe tapha maaheessaaf kan dhihaatte Neezarlaandi taphaan caaluun qabxii 2-0n mo’achuudhaan Pirezidaantii waldichaa Sibaastikiyaanoo harkaa fudhateetti. Akkasumas sadarkaa sadaffaa argachuuf walmorkii adeemsifameetti Siwiidin Ingiliz 2-0n mo’ateetti.

Haaluma kanaan shaapiyoona kan ta’e gareen dubartoota Ameerikaa dolaarii miiliyoona afur, waancaafi meedaaliyaa warqii, lammaffaa kan ta’e gareen Neezarlaandi dolaarii miliyoona 2.6fi meedaaliyaa meetii, sadaffaa kan ta’e Siwiidiin ammoo dolaarii miiliyoona lamaafi meedaaliyaa nahaasaa badhaafamaniiru.

Waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaa kana yeroo arfaffaaf fudhachuudhaan biyyatti kan deebi’ee garee dubartoota Ameerikaa kanaaf ummanni dirree xiyyaarraateii kaase hanga Huwaati Hawsitti simannaa ho’aa taasiseeraaf. Pirezidaanti Tiraampi ammoo garichaaf affeerraa gochuun badhaasa adda addaa badhaasuusaanii beekuun danda’ameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

3 Comments to “Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaafi dubartoota Ameerikaa”

  1. Pingback: https://noonoo.org
  2. Pingback: sex 2024
  3. Pingback: this contact form

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *