Dirreewwan ispoortii dirreewwan tokkummaati

Finfinnee: Sabootni, sablammootniifi ummattootni Itoophiyaa aadaa, seenaafi duudhaa addaddaa qaban garaagarummaa isaanii miidhagina, miidhagina isaanii ammo kabajanii tokkummaatiin waliin jiraachaa turaniiru; har’as jiraachaa jiru.

Sirnoota darban keessa garuu eenyummaan sabootaafi sablammootaa cunqurfamaa waan tureef, fayyadamummaafi hirmaannaan isaan sochiiwwaan hawaas-dinagdeerratti qaban gadaanaa ta’uusaatiin akka lammii lammaffaattis lakkaawamaa turaniiru.

Seenaa kana jijjiirufis baroota dheeraaf qabsoo hadhaawaa kan adeemsisan yoo ta’u, yeroo boodas mirga lammummaafi sabummaasaanii gonfachuu danda’aniiru. Heerri mootummaa RFDI ummata biyyattiin ragaasifames wabii amansiisaa ta’uusaas mirkaneeffataniiru.

Sirnoota darban keessa garuu ummanni tokkummaatiin addababaayitti bahee akka barbaadeetti afaanis ta’e barreeffamaan yaadasaa ibsachuufi mormii dhageessisuuf kan hinyaadamne ture.  Qabsoo sabootniifi sablammootni taasisaniin garuu waltajjiiwwan tokkummaa ummattootaa irratti calaqqisiifaman dhugoomuurratti argamu.

Waltajjiiwwan walqixxummaadhaan bahanii irratti hirmaatan keessaa waltajjiin ispoortii tokkodha. Keessumattuu akaakuuwwan  ispoortii ummatni heddumminaan irratti qooda fudhachuudhaan beekaman yeroo addaddaatti akka adeemsifaman ta’aa jira. Dilbata darbes qopheessummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi qaamolee adda addaatiin ummanni magaalaa Finfinnee kumaatamatti lakkaa’amu Addababaayii Masqalaatti walarganii haala miidhagaadhaan  ‘Ispoortii Maasii’ adeemsisaniiru.

Kantiibaa ittaanaan Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa waltajjicharratti argamuun hawaasa magaalattii wajjin sochii ispoortii maasii hirmaachuun kabajaniiru. Sirnicharrattis haasaa taasisaniin akka jedhanitti, ispoortiin bu’uura jireenya dhaa namaa keessatti iddoo guddaa argachaa kan dhufeefi ummata addunyaa walqunnamsisuu keessattis gahee guddaa kan qabuudha.

Sochiin ispoortii, fayyaan dhala namaa akka eegamuuf, bashannanuuf, qaamasaa cimsachuuf, sammuusaa gameessa taasisuuf, dandeettiifi gahumsa nama dhuunfaanis ta’e gareen kan  gurmaa’an madaaluuf sochii taasifamu keessatti gahee  olaanaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru. Misooma dinagdee si’eessuufi hiyyummaa xiqqeessuu keessattis qooda guddaa qabaachuusaa eeraniiru.

Dirreewwan ispoortii iddoowwan dorgommii nagaa ta’uudhaan jaalattoota ispoortii tajaajiluu qabuu jedhanii, dorgomtoonnis seeraafi dambii ispoortii eeguutiin injifannoosaanii gonfachuu akka qaban dubbatan.  

Gama birootiins humna omishaa ta’an horachuutiin, omisha guddisuun, al-loogummaa balleessuun ummata tokko ummata biraa wajjiin walitti fiduudhaan rakkoofi garaagarummaa siyaasaa hiikuuf addabaabaayii akkanaa uumuuf ispoortiin humna olaanaa ta’uus tuqaniiru.

Sochii ispoortii maddiitti Finfinnee magaalaa qulqulluu gochuu, biqiltuuwwan addaddaa dhaabuu, manneen barnootaafi manneen manguddoota humna hinqabnee suphuufi qulqulleessuutiin aadaa hawaasa keenyaa gochuun hundarraa eegamaa jedhan.

Sochiin ispoortii kun addaan otoo hincitiin ummata fayyaa qabeessa horachuuf hawaasichi ji’atti guyyaa tokko waltajjii kanarratti walarguudhaan itti fufsiisuun barbaachisaadha jedhaniiru.  

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

4 Comments to “Dirreewwan ispoortii dirreewwan tokkummaati”

  1. Pingback: ยิง sms
  2. Pingback: Racial segregation
  3. Pingback: you can try here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *