Dur gaafa daa’imman turretti wayita haadholiin teenya gabaa deeman wanti itti dhaamannu hedduu ta’us, karameellaan garuu isa hangafa.
Eessumniifi adaadaan, akkasumas firoonni dhihoon biroon yemmuu keessumummaa dhufan kiisasaanii keessaa karameellaan hindhabamu. Akka yaada ijoollee yeroo sanaatti firummaan cimaan kan safaramus karameellaa bituufi bituu dhabuudhaani.
Akaakuuwwan karameellaa dur biyya keenyatti omishamaa keessaa tokko ammo karameellaa ‘Dastaa’ jedhamuudha.
Karameellaan Dastaa kan omishamu warshaa Sukkaaraa Wonjiitti yemmuu ta’u, suuraan Arbaa halluu diimaa immoo mallattoo daldalaasaa ture.
Daa’imman biyyattii biratti jaalala addaa kan qabuufi sirnoota garaa garaa irratti hedduu tajaajilaa kan ture karameellaan Dastaa, yeroo ammaa Arbasaa waliinuu gabaarraa dhabamaniiru.
Seenaa warshaa biyya kanaa keessatti maqaafi dhageettii olaanaa kan qabu warshaan Sukkaaraa Wonjii, karameellaa dur daa’immaniif dhiheessuu mitii sukkaara dur biyyarraa hafee alatti ergaa turellee akka duriitti omishuu dadhabeera.
Erga bulchiinsisaa mootummaa jalatti deebi’ees hojmaata xaxamaafi hannaan xaxamee dinagdee biyyaa keessatti shoora qabaachaa ture dhabeera.
Baay’inni warshaalee sukkaaraa biyyattii yeroo ammaa dabaluudhaan gara 13 qaqqabus, omishnisaanii garuu isa duraan, warshaaleen lamaafi sadii omishaniin gituu hindandeenye.
Dameen kun biyya hiyyeettii irraa qarshii biliyoona 70 ol nyaachuunsaa yaadannoo yeroo dhihoo ta’uusaafi warshaalee Wonjiifi Matahaaraa iddoo dur turanitti deebisuuf waggaa afuriifi lama wal duraa duubaan kan barbaachisu ta’uu, Hojii Gaggeessaan Waldaa Maanufaakchariingii Sukkaara Itoophiyaa, Obbo Bitawu Alamuu ni ibsu.
Waldichi warshaalee lameen kanneen bitachuuf haalduree hunda xumuruusaafi kanaanis omishaafi omishtummaa waggoota darbanitti hir’ate waggoota muraasa keessatti dachaan dabaluuf karooramuu ibsu.
Dhaadannoo, “Bringing the Red Elephant Back” /Arba diimaa deebisuuf / jedhuunis milkaa’ina dur warshaaleenn kunniin qaban deebisuuf dhalattoonnifi naannawa sanaafi ogeeyyonni damichaa kutannoo qabaniin yeroo ammaa waldicha hundeessanii gurgurtaan sheerii gabaarra jiraachuus ni himu.
Yeroo ammaa fedhiin sukkaara biyyattiin waggatti barbaaddu toonii kuma 927 yemmuu ta’u, kun immoo haala omisha yeroo ammaa jiruun tasumaa guutamee waan dadhabeef waggaa waggaadhaan biyya alaatii bituun akka dhaabbatuuf warshichi karoorri qophaa’eera.
Warshaalee seenaa warshaafi keessattuu immoo seenaa sukkaara biyyaa keessatti dursanii dhaabbbatan kanneen dhaabbilee biyya keessaatiif gurguruun hiikaa dachaa kan qabu yemmuu ta’u, lammiileen biyyattii dinagdeedhaan akka of danda’an, sharafni alaa akka argamuufi carraan hojii bal’inaan akka uumamu kan taasisuudha.
Haala hinbaramneen immoo qonnaan bultootni naannawichaa sheerii akka bitataniif dursi kennamuu kan himan Obbo Bitaawu, kanneen maallaqa harkaa hinqabneef immoo haalli isaan liqii itti argatan mijaa’uu ibsu.
Walumaagalatti, Arba diimaa deebisuufi omisha sukkaaraa biyyattii fooyyessuun dhimma yeroon barbaaduudha. Keessumaa dhaabbileen kunniin waldaa dhalattoonni naannawichaafi ogeeyyonni damichaa hundeessan kana jalatti deebisuun damee sukkaaraafis ta’e biyyattiif hiikaa cimaa qabaata.
Bayyanaa Ibraahimiin
Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011
hitam slot hitam slot hitam slot
Hi, I check your new stuff like every week.
Your story-telling style is awesome, keep up the good work!
If you want to take a great deal from this piece of writing then you have to apply such strategies
to your won website.
Great goods from you, man. I have understand your stuff previous to and you are just too wonderful.
I actually like what you’ve acquired here, certainly like what you are stating and the
way in which you say it. You make it entertaining and you
still care for to keep it smart. I cant wait to read much
more from you. This is actually a tremendous web site.
Awesome post.