Buraayyuutti sochiin investimantii daaw’atame

Mootummaan naannoo Oromiyaa guddina dinagdee naannichaa ariifachiisuuf investimantiiwwan hojiirra jiran jajjabeessuufi haaraa simachuuf xiyyeeffannoon hojjetaa akka jiru ibsame.

Jilli aanga’oota olaanaa naannichaa haala sochiilee invastimantii magaalaa Buraayyuu daaw’ateera.

Kaayyoon daaw’annaa kanaa haala sochii invastimantii magaalotaa xiinxaluun jajjabeessuufi rakkoolee hojiirratti mudatan sakatta’anii furmaata kennuuf akka ta’e dursaan jila daaw’annaa kanaa gorsaa olaanaa mootummaa naannichaa Obbo Awwaluu Abdii himaniiru.

Abbootii qabeenyaa misooma invastimantiiwwan garaagaraarratti bobba’uun ofiifis ta’e hawaasa naannichaa fayyaduun guddina naannichaatiif ga’ee isaanii ba’aa jiran mootummaan cinaa dhaabbatee akka jajjabeessu mirkaneessaniiru.

Mootummaa naannoo Oromiyaa warraaqsa dinagdee eegale milkeessuuf babal’ina investimantii irratti xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira jedhan Obbo Awwaluun.

Jilli kun warshaalee garaagaraa daawwachuun sochii isaan irra jiran qorachuun rakkoolee jiraniif kallattii furmaataa kenneera.

Qorannoo kanaan invastimantiiwwan hojiirra jiran lammiilee baay’eef carraa hojii uumuu, rakkoolee bu’uraalee misoomaa furuuf hirmaannaa taasisuun hawaasa naannichaa fayyadaa jiraachuun isaanii akka ciminatti eerameera jedhan.

Abbootiin qabeenyaas jila kanaaf yaadaafi gaaffii dhiheessaniin akka dubbatanitti, yeroo ammaa jijjiirama biyyattiitti dhufee  fi haalli nageenyaa fooyya’aa jiru invastimantiif bu’uura akka ta’e ibsanii, guddina biyyaaf ga’ee nurraa eegamu ba’aa jirra jedhan.

Haaluma kanaan magaalaa Buraayyutti abbootii qabeenyaa 769 galmaa’an  keessaa hojiirra kan jiran 458dha.

Abbootii qabeenyaa lafa fudhatanii hojii hinjalqabneefi maqaa invastimantiin lafa qabatanii osoo hinmisoomsiin jiranirratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatus himaniiru.

Daaw’annaan kun magaalota Sabbataa, Bishooftuu, Duukam, Galaan, Adaamaa, Laga xaafoo Laga Daadhiitti taasifameera.

Daaw’anicharratti hooggansi bulchiinsa magaalota kanneenii argamuun milkaa’ina sochii investimantii naannichatti gaggeeffamaa jiruuf kallattii hojii fudhataniiru jechuun biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

2 Comments to “Buraayyuutti sochiin investimantii daaw’atame”

  1. Pingback: do not trust

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *