Oromoon Ummata Eebbisuufi Eebba jalatuudha. Kanarraa ka’uunis eebbisaa ykn Mandabaayi, jechuun afaan gii’izin yaamaa turan. Akka odeeffannootti Oromoon beekumsa maatiifi hawasaa kan itti qaru, itti cimsuufi barumsa dabarsu iddoo eebbaafi jilaatti. Kanaafis hawaasni gadaa yeroo itti eebbisuufi iddoo itti eebbisu qaba. Iddoowwan kunis ardaa jilaa jedhamu. Ardoonni kun akka wiirtuuwwan amantiifi siyaasaatti fudhatamuu kan eegalaniidha.
Kanarraa ka’uun Oromoon malkaa, tulluufi ardoota ulfoo ta’an irratti eebbifata. Ardaaleen kunneen seenaafi tajaajila isaanii irraa kan ka’e kabaja akka argatan gumiirratti lallabanii beeksisuun irratti eebbisaafi irreeffachaa turan. Eebba kana keessatti beekumsa aadaa, safuu, beekumsa gosaa, jaalalaafi kabaja maatiifi biyyaa kan itti baramuudha. Mee Ardaalee eebbi irratti gaggeffamu keessa kan Odaa Nabeerratti godhamu yaa ilaallu.
Eebba Jila Odaa Nabeerratti Eebbifaman
Hayyee ! hayyee ! yaa Waaq !
Waaqa jechuun kan hundaa !
Lafa jechuun kan hundaa !
Waaqa Saglan Booranaa !
Torban Baarentummaa !
Sagaltaman Garbaa !
Waaqa ciicoo gurraattii !
Kan bokkoo gurraachaa !
Gurracha garaa garbaa !
Gumgumaa garaa cabbii !
Leemmoo garaa taliilaa !
Tokkicha maqaa dhibbaa !
Waaqa uumaa Waaqa uumamaa !
Kan nagaan nu bulchite !
Nagaan nu olchi !
Hamaa nurraa qabi !
Tolaa Nutti qabi !
Korma cirrii godhi!
Goromsa haphee godhi !
Tulluu ijaaba godhi !
Malkaa fitissa godhi !
Daa’ima nuuf guddisi!
Maanguddoo nuuf bulchi!
Tiksee xeenxara godhi!
Qilxuu ijaabaa godhi!
Biyya Maccaafi Tuulamaa
Biyya fincaan Tuulamaa Sadanii
Biyya hora Ja’an Galaan
Biyyaa Hora ja’an Waaqayyoo
Biyya Odaa Shananii
Biyya Bokkuu Shananii
Biyya Gadaa shanaanii
Biyyaa alangaa shananii
Biyya warana shananii
Biyya barcuma shananii
Waaqayyo kan nagaan nu oollchite
Nagaan nubulchi !
Dogoggara Nu oolchi!
Darbataa eeboo qajeelchi
Barataa qubee qajeelchi
Dubbataa hayyu murtii qajeelchi !
Waaqayyo afurtaman abba keenyaan nugeessisi
Gadaa kana gadaa gabbinaaf nagaa nuuf godhi.
Biyya teenyaa Biyya nagaa nuuf godhi !
Walii galtee nuuf kenni!
Biyya teenyaa biyyaa nagaa nuuf godhi !
Seera tumnaa seera kana
Seera qajeelaafi kan nagaa nuuf haata’u
Araddaan Caffee Tumaaf deemna
Iddoo seeraaf uumaan nu haaga’u !
Gadaan keenya bakka nuuf yaa geessu
Waliigaltee nuuf kenni
Odaa Nabeefi Caffee Tumaa jilaaf teenyaa
Waggoota afurtamaan har’aa ilmoon teenya yaa teechu
Biyyi keenya biyyaa nagaa nuuf yaa ta’u
Gadaan keenya gadaa roobaaf gabbinaa yaa taatu!
Bara roobaaf jiidhaa nuuf yaa ta’u
Bara quufaa nuuf yaa ta’u
Gadaan qufaa nuuf yaa ta’u
Gadaan quufaaf gabbina
Biyyi roobaaf nagaa!
Kanaa fudhadhaa! kana fudhadhaa!!!!!
Jechuun hangafaafi quxusuun walirra fuudhani eebba xumuru. Eebbi kun kan safuun eegamu waan ta’eef hundi isaanii seeraan bitamuf kan kana cabsu yakkamaadha jedhu .
Eebba keessatti kan ka’an waa’ee Sagaltamman Garbaa, Sagalan Booranaafi Torban Baarentummaa kun maal jechuudha? Gaaffii jedhamuuf, Abbaan Gadaa Naggasaa Naga’oo yoo ibsan, Sagaltamman Gabraa heddumina qabu jedhanii ibsu. Saglan Booranaafi Torban Baarentummaa bifuma walfakkaatuun, gurmuu waraanaa Gadaafi tuuta jalqabaafi bu’uura lolee lammiifi gurmeessa isaanii akka ta’e himu.
Akka afoola Oromtichi ilma duraa Booranaa dhalche itti aansee Baarentuu dhalche. Sadaffaa Gabaroo dhalche. Sadaniifuu maqaa maqaa baase. Inni maqaa Garbaa kennameef humnaan warra kaan lameen caalee darbatee fageessuufi waraanee ajjeesuu danda’e, niitii fuudhes sagaltama hore. Kanaaf maqaan Sagaltama Garbaa kennameef jedhama. Warri jilaa dubartii waliin malee hinta’u, qofaa hingodaanan yoo haadha mana hinqabu ta’e obboleettii isaa qarrittii fudhatee godaana.
Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011