“Hojidhabaa kan nama taasiisu kutannoofi haamilee dhabuudha” -Eebbifamtoota Yunvarsiitii Jimmaa keessaa

Waktiin keessa jirru kun kan eebba barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo yemmuu ta’u, yunvarsiitiiwwan hedduus torbee darberraa kaasee eebba barattootaa eegalaniiru.

Yunvarsiwwan marsaa jalqabaa kanarratti barattoota eebbisiisuu eegalan keessaa tokko kan ta’e Yunvarsiitiin Jimmaa, marsaa jalqabaa kanaan barattoota kuma lamaafi 340 digrii jalqabaatiin, 342 immoo digrii 2ffaatiin akkasumas barataa tokko immoo digrii 3faatiin eebbisiiseera.

Yunvarsiitichi teknooloojii ammayyaa ‘sooftiweerii’ karooraafi gamaaggamaa hojirra oolchuusaatiin warren hafan irraa sadarkaa tokko fuulduratti kan tarkaanfate yemmuu ta’u, hojmaatnisaas hojii waraqaafi qalamaa jalaa guututti isa baaseera.

Yeroo jalqabaatiif muummee barnoota muuziqaatiin barattoota kan eebbisiise Yunvarsiitiin Jimmaa, muummee barnootaa kanas maqaa Artist Alii Birraatiin moggaasuudhaan kabaja hayyoota Oromootiif qabu mirkaneesseera.

Yeroo ammaa kanatti barattoota kuma 47 ol ta’an fudhatee barsiisurratti kan argamu yunvarsiitiin kun, dhaabbilee barnootaa barattoota hedduminaan keessummeessan keessatti kan ramadamuudha.

Yeroon kun kan eebba barattootaa ta’uusaa kanaaf immoo hiikkaan biroos kan kennamu yemmuu ta’u, innis yeroon kun kan hoji dhabaan hedduminaan itti omishamu akka ta’e yaadni dhihaatu ni jira.

Sababuma kanaanis yeroon kun eebba barattootaa ta’uusaarra yeroo barattootni hoji dhabaan itti omishamaniifi abdii itti kutatan ta’uunis baay’inaan dhihaata.

Kababbush Tasammaa barattoota barana Yunvarsiitiin Jimmaa eebbisiise keessaa ishee tokko yemmuu taatu , yaada waktiin kun kan hoji dhabaan itti omishamu jedhu kana ni mormiti.

Akka yaadasheetti, hojidhabaa kan nama taasisu eebbifamuu osoo hintaane, kutannoofi hamilee dhabuudha. Namni gosa barnootaa fedhe barate kutannoofi hamilee qabaannaan hojii qacarriis dhabnaan hojii dhuunfaasaa uummatee hojjachuuf wanti isa dhoorku hinjiru.

“Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle ani gaafa yunvarsiitii galu fedhiikootiin ala gosa barnoota Ingiliffaa nagalchan. Anis fedhakoo waan hintaaneef dhiisee gala jedhee abdii hinmuranne, jabaadhee hojjachuukootiin har’a eebbifamurra darbee badhaafamtuu warqees ta’eera,” jetti.

Qabxii waliigalaa 3.84 ta’u galmeessisuudhaan dippaartimantii Ingiliffaa keessaa sadarkaa 1ffaan kan eebbifamte barattuu Kabbabbush, kaayyoofi kutannoo qabaannaan wanti hinmilkoofne tokkollee kan hinjirre ta’uu dubbatti. Waan ta’eefis namni hundi waan barbaadu qofa osoo hintaane, isa barbaade yoo dhabe isa argatetti sirnaan fayyadamnaan wanti ulfaatu tokkollee akka hinjirre ibsiti.

Barataan barumsasaa waggoota heddu barachuu irratti abdii hinkutatiin immoo, carraa hojii yeroo gabaabaa keessatti argamuuf abdiisaa kutachuun isarra hinjiraatu.

Barataan kamiyyuu ilaalcha abdii kutannaa kana keessaa bahee carraa argame hundatti fayyadamuudhaaf yeroo eebbaa kanatti of qopheessuu akka qabus ni dhaamti.

Walumaagalatti, eebba barattootaatti gammaduufi eebbi kun immoo hojdhabdummaa biroo fida jedhanii sodaachuun yaadota walfalmisiisoo ta’anii itti fufanis, nama hojii hinfilanneefi taa’ee qacarrii mootummaa hineegganneef eebbifamuun gammachuu malee naasuu ta’uu hinqabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

6 Comments to ““Hojidhabaa kan nama taasiisu kutannoofi haamilee dhabuudha” -Eebbifamtoota Yunvarsiitii Jimmaa keessaa”

  1. Pingback: huaysod
  2. Pingback: Telegram下载

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *