Goota Harargee hiyyummaan falmuun injifate

Harargeen akkuma gootota siyaasaa gabrummaafi cunqursaa  sirnoota darbanii ittiin falmaa turaniin beekamtu gootota misoomaa hiyyummaa waliin wal’aansoo walqabanii injifatan hedduu horachaa jirti. Kanneen keessaa Kaaliid Sabiit tokko yoo ta’u, harka duwwaarraa ka’uun har’a miiliyoona horachuusaa dubbata.

Kaaliid Sabiit ALI bara 1972tti godina Harargee Bahaa magaalaa Harar keessatti dhalatee kan guddate yoo ta’u, barnootasaa sadarkaa tokkoffaas achumatti baratee xumuruusaa hima. Ijoollummaa isaarraa kaasee abjuun keessasaa bule daldalee buufachuu waan tureef, akkuma barnootasaa sadarkaa 1fa xumureen gara addunyaa bizinasiitti seenuu danda’e. Yeroo sanatti homaa tokko harkasaarraa hinqabu, garuu karoorri hojiifi kutannoon isa keessa ture har’a hiyyummaa injifachiisuun kaawwaniif carraa jireenyaa uumeera.

Yeroo sanatti maatiin Kaaliid akka inni gara bizinasiitti seenu fedhii kan hinqabne waan tureef dhokachuun gara firootasaanii Finfinnee jiraatan dhufuun hojii daldalaa, tokko jedhee eegaluusaa yaadata. Kanaanis mindaa ji’aa qarshii dhibba sadiin mana kuusaafi gurgurtaa meeshaalee ijaarsa gamoo Markaatoo keessatti argamutti qacaramuun waggoota shaniif hojjechaa akka ture hima. Kunimmoo hojmaata bizinasiifi ogummaa sirna daldalaa caalaatti akkan gabbifadhuuf na gargaareeraa jedha. Waggoota shan keessattis mindaa ji’aa qarshii dhibba sadii argachaa turerraa qarshii kuma sagal qusachuu danda’eera.

Yeroo boodas Finfinneerraa gara magaalaa dhalootasaa Hararitti deebi’uun teelee sentarii banachuusaa kan dubbatu Kaaliid, onneefi hamilee guutuun hojechaa waan tureef milkaa’eeraa jedha. Wayita teelee sentarii hojjechaa turettis waan argate hundarraa qusachaa waan tureef, galiinsaa yeroodhaa yerootti guddachaa akka deeme hima. Ofirra darbees haadhaafi abbaasaa gargaaruurra akkasumas, obbolootasaa hundaaf fakkeenya ta’aa tureera; har’as akkasuma. Kanas yoo ibsu, “Hojii namni tuffachuun bira darbe hunda hojjechaa waanan tureef, har’a kunoo sadarkaa gaariirra na geessiseera” jedha.

Gootni Harargeetti dhalate kun mul’atni isa keessa ture tarkaanfataa waan tureef, yeroodhaa yerootti hojii haaraa jalqabuuf kaka’umsa olaanaan hojjechaa tureera. Adeemsa keessa kaappitaallisaa guddachaa waan dhufeef magaaluma Hararitti Dhaabbata Leenjii Konkolaachistootaa hundeessuun hojiifi bizinasii haaraa keessa galuusaas ni eera. Wayita dhaabbata leenjii kanaa banatus ka’umsa kaappitaalaa kuma 500 qofa kan qabu ture yoo ta’u, har’a garuu  miiliyoona kudhanii ol horachuu danda’uusaa dubbata.

Aadaan qusannaasaa maal akka fakkaatu gaafatamee yoo deebisus, “Qusannaa koof ka’umsa kan naaf ta’e araada kamirraayyuu of qusachuu kooti, waanan argadhu hundumaa tokko lamaan walirra kaa’aa waanan tureef, galiin kiyyaa yeroodhaa yerootti guddachaa dhufe. Osoon qusachuu baadheera ta’e yoona kana abdiin koo dhumee hiyyummaatiin injifatameera. Har’a garuu hojii osoo hintuffatiin sababiin hojjechaa tureef seenaan jireenya koo duraanii haalaan jijjiirameera, ofiifi maatii koorra darbees namoota kudha shaniif carraa hojii uumuu danda’eera; galatnisaa kan Rabbii yaa ta’u!” jedha.

Tokkoon tokkoon hojjettoota kunneenii ammoo of jalatti maatii kan qaban yoo ta’u, kaffaltiin olaanaan kuma shan gadaanaan ammoo kumaafi 600 ta’uus eereera. Kunimmoo namni kamuu ciniinnatee hojjennaan ofiifi maatiirra darbanii jireenya namoota biroo hiyyummaa keessaa baasuun kan danda’amu ta’uusaa bu’aa bahii jireenyaafi milkaa’ina Kaaliidirraa kan hubatamu ta’uusaati jechuudha.

Dargaggootni biyyattii hedduun hojii barbaaddachuuf jecha keessumaa baadiyyaarraa gara magaalaatti baay’inaan kan godaanan ta’uu kan dubbatu Kaaliid, kaayyoofi kutannoo jiraannaan bakkuma jiranitti hiyyummaa keessaa ba’uun kan ulfaatu miti jedha. Biyya keenya keessa hojiileen hojjetamuu qaban garuu kan hinhojjetamne hedduu ta’uusaa kan ibse yoo ta’u, hojiilee xixiqoo tuffachuun waan jiruuf carraan gara jireenya fooyya’aatti nu geessu akkuma itti fufetti kan jiru ta’uusaa hunduu hubatee irraa barachuu qabaa jedha.

Dinagdee horachuutiin hiyyummaa keessaa bahuuf guutummaatti Harargeen mijattuudha kan jedhu Kaaliid, keessumaa ammoo magaalli Harar nageenyaafi  duudhaalee waliin jireenya ummattootaan daran beekamtuufi haalli qilleensashees mijooftuu ta’uu ni dubbata. Namni kamuu magaala itti hojjetee duroomuu danda’udha malee hojjetee itti kasaaru akka hintaane ragaa baha.

Ammallee bakka kaayyeffatee gahuu qabu waan hingeenyeef misooma invastimantiirratti bobba’uuf karoora qabaachuusaas kan eeree, garuu lafti irratti invastii godhamu daran na rakkiseeraa jedha. Leenjii konkolaachistotaaf kennuufillee bakka dhuunfaasaa waan hinqabneef dirreewwan ispoortiitti fayyadamuun hojjechaa jiraachuusaa kaasuun Biiroo Misooma Magaalaafi Invastimantii naannichaa komateera.

Magaala Harar keessa iddoowwan bashannanaa guutummaatti waan hinjirreef irratti hojeechuuf mootummaaf gaaffii dhiyeessuyyuu mootummaan isa dhorkachuusaas ibsa. Ta’us, guyyaan kaleessaa har’a waan hintaaneef, fuulduratti karoora hiixataa qabaachuusaa yoo dubbatu, “Magaalaa Harar keessa iddoowwan daa’imman itti tursiisaniifi bashannansiisan waan hinjirreef, yeroo gabaabaa keessatti invasti gochuun barbaada. Kunis dargaggoota magaalittii hanga shantamaa ta’aniif carraa hojii kan banuudha. Kanaaf mootummaan naannichaa abbootii qabeenyaa hunda osoo hintuffatiin balbalasaa banuu qaba” jechuun gaafateera.

Hogganaan Misooma Magaalaa, Konistiraakshiniifi Invastimantii Naannoo Hararii Obbo Abdulhakiim Abdulmaalik dhimma kanarratti yaada kennaniin akka ibsanitti, waggoota sadan darban keessa haalli nageenya naannichaa rakkisaa waan tureef misooma invastimantiirratti dhiibbaa guddaa uumaa tureera. Wayita ammaa garuu nagaafi tasgabbiin duraanii iddootti deebi’aa waan jiruuf invastaroota gaaffii dhiyeessaa turaniif haalli mijataa jiraa jedhu. Gaaffiin Kaalid Sabiitis yeroo gabaabaa keessatti deebii kan argatu ta’uusaa ibsu.

Imalli guddinaafi jijjiirama  Kaaliid Sabiit dheeraadha. Ka’umsisaa zeeroo ta’uyyuu har’a miiliyoona kudhanii ol horachuun dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’eera; carraa hojiis baneera. Fuulduratti ammoo misooma invastimantii addaddaarratti hirmaachuun caalaatti biyyasaa gargaaruuf ejjennoofi kutannoon keessasaa jiru hundaaf abdii ta’uusaa hubachuun danda’ameera.

Kaaliid har’a abbaa ijoollee lamaa yoo ta’u, daa’imman horate (Hayaatiifi Mohaammad) haala gaariin guddisuuf addatti karoora qabaachuusaas ni dubbata. Keessumaa ammoo aadaan qusannaa koo gabbataa waan ta’eef, daa’imman koos anarraa akka barataniif tattaaffii olaanaa gochaan jiraa jedha. Daa’immansaas ta’e dargaggootni kaan harka mootummaa qofaa eeggachuu keessaa bahanii aadaa hojiisaanii gabbifachuu akka qabanis dhaameera.

Hunduu seenaa Kaalidirraa yoo barate ofiifi maatii, akkasumas hawaasa keessaa bahan gargaaruutiin akkumasaa hiyyummaa injifachuun ni danda’amaan dhaamsa keenya.  

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

5 Comments to “Goota Harargee hiyyummaan falmuun injifate”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: แผ่น HPMC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *