Marabbaa ummataatiin nageenya Oromiyaa mirkaneessuu qabna

Laga Xaafoo: Akka Oromiyaatti konfiransiin nageenyaafi misoomaa kaleessa magaalota addaddaatti adeemsifamuu eegaleera. Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiittis galma magaalichaatti kan adeemsifame yoo ta’u, abbootiin Gadaafi amantii, jiraattotni, qarreefi qeerroon, akkasumas kutaaleen hawaasa addaddaa hirmaataniiru.

Namoota konfiransicharratti  hirmaatan keessaa Obbo Yaasiin Amaan isaan tokko yoo ta’an, nageenyi magaalaa Laga Xaafoo harka jiraattotaarra jiraachuusaa dubbatan. Qaamoleen injifannoo siyaasaa waggoota dhibba tokkoofi shantama booda Oromoon argate qolachuuf halkaniifi guyyaa foolachaa jiran olola dhugaarraa fagaate saffisa olaanaatiin afarsuurratti argamu. Keessumaa ammoo sabootaafi sablammoota walitti buusanii faayidaa dhuunfaasaanii argachuuf gochoota faallaa heeraafi seera biyyattii ta’an raawwachaa jiruu jedhan.

Shira siyaasaa qaamoleen badii raawwatan ittisuuf jiraattotniifi dargaggootni magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii mootummaa waliin walta’insaan kan hojjetan ta’uu dubbataniiru. Wayita ammaa garuu akka magaalittiitti hojii dhabdummaan dargaggootaafi rakkoon bishaan dhugaatii yaaddoo guddaa uumaa waan jiruuf bulchiinsi magaalichaa akka furuuf gaafataniiru.

Aadde Birhaanee Magarsaas hirmaattuu konfiransichaa yoo ta’an, akka magaalasaaniitti qaamoleen ergama addaddaa qabatanii jeequmsa uumuuf dhoksaatiin tattaafatan hedduu ta’uusaanii dubbatu. Akeekni qaamolee badiisaa akka galma hingeenyeef yoomillee mootummaa keenya waliin cimnee ni hojjennaa jedhan.

Ittigaafatamaan Qajeelcha siyaasa ODP magaalichaa Obbo Caalchoo Baqqalaa akka ibsanitti, kaayyoon guddaan konfiransichaa marabbaa ummataatiin nageenya Oromiyaa mirkaneessuufi injifannoo siyaasaa Oromoon argate dinagdeetiin tumsuufidha.

Kana milkeessuuf ammoo ummatni Oromoo lagaan, gosaafi amantiin osoo wal hinqoodiin tokkummaatiin nageenyasaa mirkaneeffachuu akka qabu ibsaniiru. Dhaabotni siyaasaa Oromoos siyaasa walcabsanii darbuu keessaa bahanii keessumaa dhimma faayidaa Oromoorratti yaadaafi ejjennoo tokkootiin socho’uu akka qaban yaadachiisan. Qeerroofi qarreenis humna jijjiiramaa ta’uun mootummaa deggaruu akka qaban gaafataniiru.

Kantiibaan Laga Xaafoo Laga Daadhii Aadde Habiibaa Siraaji gamasaaniin akka ibsanitti, gaaffiin jiraattota magaalittii gaaffii misoomaafi guddina dinagdee ta’uunsaa gammachiisaadha. Hoji dhabdummaa dargaggootaa furuuf baruma kana keessa hojiilee hedduun hojjetamaniiru. Haa ta’u malee dargaggootni hedduun baadiyaarraa gara magaalichaatti godaanaan dabalaa waan jiraniif guutummaatti furuun hindanda’amne jedhanii, akkaataa hojmaata mootummaatiin adeemsa keessa kan furamu ta’uusaa ibsaniiru. Ijoollee qonnaan bultootaas dandamchiisuuf mootummaan gamoo abbaa darbii torbaa ijaarsisaa akka jirus eeraniiru. 

Rakkoo bishaan dhugaatii magaalittii furuufis bulchiinsi magaalichaa pirojektii bocuun hojii keessa galuusaa himanii, hangasitti garuu jiraattotni obsaan eeggachuu akka qaban yaadachiisan. Qaamoleen magaalittii keessatti hokkora addaddaa kaasuuf kallattii addaddaatiin hojjechaa jiranis hedduu waan ta’aniif, jiraattootni naannawasaanii sirnaan eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Jijjiiramootni siyaasaa biyya kana keessatti mul’achaa jiran milkoofnaan ummata Oromoof injifannoo dachaadha. Kanaaf ammoo keessamattuu marabbaan ykn walqabannaan ummata Oromoo murteessaa ta’uusaa hubatameera.

Waajjira Giddugaleessa ODPtti, Ittigaafatamaan Damee Pablisiitiifi Yaada Ummataa Obbo Taayyee Danda’a kaayyoo konfiransichaa ilaalchisuun ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, ummanniifi qeerroon kan qabsa’aan karaa nagaa ta’e osoo jiru kanneen qabsoo hidhannoo malee hinbaasu jechuun ammayyuu akka qe’een Oromoo nagaa hinarganne kan godhan jiru. Kanarratti ummanni ejennoo kan qabatu ta’a. Warrii waggaa 150 darbe ummata dararaafi maqaasaa jijjiiraa ture, dinagdeedhaan boodatti hambisee saamaa, hidhaafi ajjeesaa ture ammas shira xixiqqoo xaxuun bifa fonqolchaan aangoo qabachuuf kan yaalu ni jira. Achirratti aggaammiin jiru maal akka fakkaatuufi ummanni immoo waan kana dura dhaabbate jijjiirama eegalame akka fulla’u kallattiin ka’ameera.

Rakkoon ummataa bilisummaa dhabuu qofa osoo hintaane danqaan dinagdee jiraachuu eeranii, kunimmoo akka hintasgabboofne, jireenyi ummatatti akka mi’aawu kaan meeshaa bitee dhoksuun, kaan immoo gatii dabaluun jiraachuu kaasanii, ummanniis warra akka booyyee nyaachuu malee dhimmi biyyaa homaa itti hinfakkaanne saaxiluun seeratti akka dhihaataniif mootummaa waliin hojjechuu akka qabu dhaamu.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

5 Comments to “Marabbaa ummataatiin nageenya Oromiyaa mirkaneessuu qabna”

  1. Pingback: tải 789club
  2. Pingback: Your Domain Name

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *