“Qaama seeraan ala socho’u to’annoo jala oolchuutu ittaana” -Obbo Taayyee Danda’aa

“Tarkaanfichi ofeeggannoon raawwatamuu qaba”

  • Ogeessa Siyaasaa

Finfinnee: Tibba kana naannawawwan Oromiyaa tokko tokko keessatti humna bosona taa’ee nageenya ummataa booressaa jira jedhamerratti hiriirri balaaleffannaa geggeeffamaa jira. Kanaan walqabatees yaadni hiriira ba’uu qofti wabii nageenyaa waan hintaaneef bu’uura seeraatiin olaantummaan seeraa kabajamuu qaba jedhan ka’aa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun Waajjira Giddugaleessa ODPtti Ittigaafatamaan Damee Paablisiitiifi Yaada Ummataa Obbo Taayyee Danda’aa akka jedhanitti, ummanni qabsoo hidhannoodhaan taasifamuun nageenyi keenya boora’uu hinqabu, kan ajandaa siyaasaa qabu daandiin nageenyaa banaa waan ta’eef isatti haa fayyadamu ergaa jedhu dabarsuuf hiriira balaaleffannaa taasisaa jira. Akkasumas, mootummaanis olaantummaa seeraa kabachiisuu akka qabuufi kanas ummanni akka deeggaru mul’isuuf ba’an.

Yeroo baay’ee nama ‘shiftoota’ bosonaa mormee waltajjirratti dubbate galgalasaa ibiddaan qabanii gubuufi fannisaa turuu yaadachiisanii, amma garuu ummanni humnaa ol itti taanaan “waan dhufe natti haa dhufu” jedhee ifatti mormiisaa agarsiisuuf ba’e jedhu.

Kunimmoo tokkummaa ummataa kan cimsu ta’uu eeranii, mootummaanis iddoowwan qaamonni nageenyaa barbaachisan hundattiifi alseerummaan caasaaleen mootummaa diigamanitti deebisee sirreessuuf hojjechaa akka jiru himu.

Tarkaanfiin ittaanu qaama seeraan ala socho’u tumsa ummataatiin seera jala oolchuudha kan jedhan ittigaafatamaan kun, ummannis tokkummaadhaan sochicha cinaa hiriiruu akka qabu gaafataniiru. Ummanni qaama seera cabsee nagaasaa  booressu mootummaaf  saaxiluu qabas jedhaniru.

Gama mootummaatiin duramayyuu qophiin jiru guutuudha kan jedhan Obbo Taayyeen, ammas ummata waliin ta’uun nageenya mirkaneessuuf wareegama barbaachisu hunda baasee hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Konfiransiin nageenyaa kaleessa guutuu Oromiyaatti geggeeffamuu eegales kana waliin hidhata akka qabu eeranii, hunda dura yaalii jijjiirama aarsaa ummataatiin dhufe kana karaawwan adda addaatiin boodatti deebisuuf sochiin taasifamaa waan jiruuf kana ummata hubachiisuuf ta’uu dubbataniiru.

Ogeessi Siyaasaa Obbo Boonsaa Unatuu gamasaaniitiin, hiriirawwan balaaleeffannaa taasifaman gama mootummaatiinis ta’e ummataatiin of eeggannaadhaan ta’uu akka qaban kaasanii, hiriira ba’uun qofti nageenyaaf wabii waan hintaaneef gara olaantummaa seeraa kabachiisuutti deemamuu akka qabu dubbatu.

Kana keessattis keessumaa sochii mootummaan taasisuun ammas nageenyi akka hinboorofne, muffiifi komiin biraa akka hinkaaneef malaan itti adeemamuu akka qabu eeranii, dhaabbileen siyaasaa karaa miseensonni jalaa hidhamuu dubbachaa jiraachuu ibsu. Kunimmoo namoonni qulqulluunis keessa akka miidhaman waan taasisuuf qalbiin itti adeemuu gaafata; ta’uu baannan ammas ummanni aarsaa biraa kanfaluuf dirqama jedhu.

Ummannis fuulasaa gara dinagdee guddifachuutti naanneeffachuu akka qabuufi olaantummaan seeraa akka kabajamuuf tumsuu akka qabu dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Qaama seeraan ala socho’u to’annoo jala oolchuutu ittaana” -Obbo Taayyee Danda’aa”

  1. Pingback: barber Melbourne
  2. Pingback: slot gacor

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *