Heddummina eenyummaa waliin barnoota ijaarsa nageenyaa

Finfinnee: Hayyootni biyyattii dameewwan barnootaafi kan biroorratti hojjechaa jiran yeroo dheeraaf siyaasa biyyattiirraa fagaachuuf jecha mataa dhokfachaa turaniiru. Taateewwan biyyattii keessatti yeroo garagaraatti mudachaa jiraniifi raawwataman garuu kallattii addaddaan hayyoota damee barnootaafi biroo erga dudubbachiisuu eegalee oolee buleera.

Keessumaa walitti bu’iinsi barattootaa eenyummaarratti xiyyeeffachuun dhaabbilee barnoota olaanaa(yunivarsiitiiwwan)  keessatti mudachaa tureefi jiru hayyootni damichaa amma reefu dammaqanii afaansaaanii akka saaqqatan gochuu danda’eera. Kanaanis hayyootni barnootaa heddummina eenyummaa keessummeessuun ijaarsa nageenya biyyattiif sodaa osoo hintaane wabii ta’uusaa irra deddeebiin akka ibsan isaan dirqisiiseera.

Yunivarsiitii Arsiitti Doktar Indaaloo Fufaa Qorataa sirna barnootaafi saayinsii qorqalbiiti. Daariktera gahumsaafi qulqullina barnootaa ta’uun yunivarsiiticha tajaajilaa jirus. Akka isaan ibsanitti, barnootni sadarkaa hundattuu kennamu ykn baratamu nageenyaafi waliin jireenya ummattootaa kan jajjabeessu ta’uu qaba. Imaammataafi sirni barnoota Itoophiyaan boccee hojiirra oolchaa jirtu sirnoota darbanirraa kaasee hanga har’aatti ijaarsa nageenyaaf iddoo guddaa hinkennine jedhu. Kunimmoo keessumaa dhalootni har’aa maalummaafi gatii nageenyaa osoo hinbaratiin gara dhaabbilee barnoota olaanaatti akka makaman kan taasise ta’uusaas ibsu.

Sirni barnootaas ta’u imaammatni damee barnootaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu sabootni, sablammootniifi ummattootni Itoophiyaa caalaatti walitti hidhamanii nagaan waliin jiraatan kan tumsu miti jedhu. Inumaa ummattootni jaarraa hedduuf nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa har’a gahan akka walirratti duulan kan godhe ta’uusaa walitti bu’iinsi yunivarsiitiiwwan addaddaa keessatti uumamaa turaniifi jiran agarsiistota ta’uusaanii eeran.

Kana furuuf ammoo mootummaan barnoota ijaarsa nageenyaa imaammataafi sirna barnootaa biyyattii keessatti bocamuun akka hammatamuuf hojjechuu akka qabu gorsu. Kunis, barnootni nageenyaa jalqabumarraa kaasee sadarkaa kamittuu kennamuu akka qabu kan agarsiisu yoo ta’u, indastirii nageenyaa hundeessuufis ka’umsaadha jedhu.

Kun kan hojiirra oolu yoo ta’e lammiileen maalummaafi faayidaa nageenyi qabu akka hubatan kan taasisudha jedhanii, walitti bu’iinsa dursanii ittisuufis gahee guddaa qabaachuusaa addeessu. Hundarra ammoo heddummina eenyummaa keessummeessuuf barnootni ijaarsa nageenyaa murteessaa ta’uusaa yaadachiisaniiru.

Yunivarsiituma Arsiitti Doktar Roobsan Margoo ammoo barsiisaa barnoota peedaagoojii yoo ta’an, Itoophiyaa keessatti heddumminni eenyummaa akka kabajamuuf dakaa kaasee barnootni ijaarsa nageenyaa kennamuu akka qabu dubbatu. Heddummina eenyummaa keessummeessuu jechuunis garaagarummaa lammiilee biyyattii hunda biratti mul’atu osoo isa tokko isa biraa hincaalchisiin madaala tokkorra kaawuun fudhachuu jechuu akka ta’e ibsan.

Walitti bu’iinsi dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti barattoota gidduutti uumamaa jirus hubannoon isaan heddummina eenyummaarratti qaban gadaanaa ta’uusaa kan agarsiisudha jedhanii, kanaaf ammoo waanuma facaafanne haammachaa jirraa jedhu. Rakkoon biyya kana keessa jirus asiin dura waan hayyootni barsiisaa turantu calaqqisaa jiraachuu himan.

Akka ibsasaaniitti, barattootni jalqabumarraa kaasee waan qabatamaatti biyya kana keessa jiru barachaa har’a hingeenye. Waan isaan maatiifi hayyootarraa dhagahaafi barachaa dhufan seenaa gootummaa waraanaan argame malee waa’ee maalummaafi faayidaa nageenyi heddummina eenyummaa keessaan qabu miti. Kunimmoo dhaabbilee barnootaa keessatti waldanda’anii waliin akka hinbaranneef ka’umsa ta’eeraa jedhu.

Eenyummaan ofii akkuma namatti mi’aawu kan biroos akka mi’aawu gochuuf mootummaa barnoota ijaarsa nageenyaa sadarkaa hundatti kennuu qabaa jechuun gorsu. Qoodni maatiis olaanaa waan ta’eef, faayidaa heddummina eenyummaa fudhachuun qaburratti ijoolleesaanii hubachiisuu akka qaban yaadachiisu.

Doktar Alamuu Gonfaa ammoo barsiisaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa yoo ta’an, Itoophiyaan saboota, sablamootaafi ummattoota hedduurraa waan uumamteef, garaagarummaa eenyummaa qabdi. Sirnootni darban garuu heddummina eenyummaa ummattootaa osoo hinkeessummeessiin ukkaamsaa waan turaniif waliin jireenya ummattootaarratti dhiibbaa uumeeraa jedhu. Wayita ammaa garuu jijjiiramootni siyaasaa biyyattii keessatti mul’achaa kan jiran ta’uyyuu irra caalaan dhalootaa waa’ee heddummina eenummaarratti hubannoo hinqabani. Kunimmoo yeroodhaa yerootti walitti bu’iinsa uumamaa jiruuf ka’umsa ta’uusaa dubbatan.

Keessumaa walitti bu’iinsi yunivarsiitiiwwan addaddaa keessatti mudachaa jiran yaaddoo biyyattii isa olaanaadha kan jedhan Doktar Alamuun, furuuf barnootni ijaarsa nageenyaa imaammataafi sirna barnootaa keessatti bocamuu qabaa jedhu. Kun ammoo gahee Ministeera Barnootaa ta’uusaas ibsu. Bulchiinsi dhaabbilee barnootaafi barsiisotnis barattootasaanii akka fakkaattii biyyattiitti barsiisuufi bocuu akka qabanis yaadachiisan.

Heddummina eenyummaa keessummeessuun dhimma sirna federaalizimii biyyattin hordofaa jirtu waliin walqabatuudha. Dhalootni har’aafi boriis akka fudhatuuf qoodni maatii, barsiisotaafi dhaabbilee barnootaa marti olaanaa ta’uusaa beekamuu qaba. Hayyootni kunneen, “Qamadii facaafatanii garbuu eeguu ree!” jechuun qooda fudhattoota gaafatu.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to “Heddummina eenyummaa waliin barnoota ijaarsa nageenyaa”

  1. Pingback: ปลูกผม
  2. Pingback: phim sex

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *