“Miseensa paartii kamiiyyuu ta’u fonqolchaan kan shakkame ni to’atama” -Komishinii Poolisii Oromiyaa

Finfinnee: Miseensa paartii kamiiyyuu ta’u fonqolcha mootummaan kan shakkame akka  to’atamu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Komishinarri Koomishinii Poolisii Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa ibsa gaazexaa Bariisaaf tibbana kennaniin, shakkamaan to’atamu kamiyyuu deggaraa paartii morkataa ta’uusaan osoo hintaane  fonqolchaan walqabatee yoo shakkiin jiraate ta’uu beeksisaniiru.

Ta’us, paartiileen tokko tokko shakkamtoonni wayita qabamanitti deggaraa paartii morkataa waan ta’eefi jedhanii kan kaafatan jiraachuu ibsanii, kan yakkaan shakkame kamiyyuu sanyiinis ta’e, ilaalcha siyaasaan fo’amee kan hinto’atamne ta’uu akkasumas, karaa dimokiraatawaa hanga hindeemnetti gochaan seermaleessummaa taasifamu obsaan kan bira hindarbamne ta’uu himaniiru.

Yaalii fonqolcha mootummaa tibbanaa waliin walqabatee miseensonni paartii ‘ABIN’ Asallaa keessatti hidhamaniiru jechuun olola afarfamuuf to’atamtoonni shakkii jiru waliin walqabatee qabamuusaanii kan ibsan komishinarichi, olaantummaan seeraa akka kabajmuufi hawaasni nageenyaan akka socho’uuf taasisuuf miseensa ABINs ta’e eenyuufuu obsi kan hinjirre ta’uu addeessaniiru. Dirree dimokiraasii bal’achaa jiru kana keessatti caalmaa yaadaaf filannoon caalanii argamuun osoo jiruu Itoophiyaa keessatti ajjeechaaf jeequmsa uumuun aangoo qabachuuf sochiin taasifamu itti gaafatamummaa jalaa kan nama hinbaasne ta’uullees hubachiisaniiru.  

Sochii gama kanaan jiru gufachiisuuf wayita shakkamtoonni qabaman deggaraa paartii morkataa waan ta’eefi kanneen jedhanis ilaalcha dogoggoraa akkasiirraa akka of qusataniif waamichasaanii dhiheessaniiru. of qusachuu qabu jedhaniiru.

Akka Komishinar Kaffaaloo jedhanitti, yaalii shakkamtoota qabuuf taasifamaa ture keessatti warshaaleefi mankuusaa Godinoota Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee bakkeewwan gara garaatti argaman keessatti meeshaan waraanaafi rasaasni adda addaa akkasumas oomishaaleen seeraan alaa qabamaniiru.

Sochiin eegalame kun ija akka godhatuuf hawaasni akkuma kaleessaa mootummaa wajjin dhaabachuun shakkamtoota kana saaxiluu akka qabus dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Miseensa paartii kamiiyyuu ta’u fonqolchaan kan shakkame ni to’atama” -Komishinii Poolisii Oromiyaa”

  1. Pingback: โคมไฟ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *