Warshaaleen Sukkaara Wanjiifi Matahaaraa dhaabbilee alaatti akka hingurguramne gaafatame

Finfinnee:  Mootummaan dhaabbilee misoomaa harkasaa turan walakkaa gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti dabarsuuf erga murteessee bubbuleera. Dhaabbileen kuniin tajaajila isaanirraa eeggamu kennuu dadhabuun, birokraasiin bulchiinsaafi  qisaasamni qabeenyasaanii immoo sababoota gurguddoo akka gara dhuunfaatti darbaniif dhihaataniidha.

Kessattuu Ministerri Muummee Dr Abiyyi Ahimad haasa dhiheenya kana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti taasisaniin, dhaabbilee kanneen keessaa Etiyoo Telekomiifi warshaaleen sukkaaraa ji’oottan jahan dhufan keessatti gurgurtaansaanii kan xumuramu ta’uu ibsanii turan.

Warshaalee sukkaaraa gurgurtaaf dhihaatan 13 keessaa isaan hangafaa kan ta’an Wonjiifi Matahaaraa bitachuudhaaf yaalirra kan jiru Waldaan Aksiyoona Sukkaara Itoophiyaa dubbiin kun kan isaan yaachise ta’uu ibseera.

Yeroo kaa’ame gabaabaa kana keessatti dhaabbilee alaa yoo ta’e malee isaan biyya keessaa bitachuudhaaf humna kan hinqabne ta’uu kan himan Ittaanaan Boordii Waldichaa Doktar Ersiidoo Landaaboo, keessattuu warshaaleen akka Wanjiifi Matahaaraa dhimma maallaqaa qofa osoo hintaane, seenaa sukkaara biyyattii kan mul’isan waan ta’eef dhaabbilee alaatiif gurguramuu kan hinqabne ta’uu dubbatu.

Hanga ammaatti washaalee sukkaaraa kanneen bitachuuf dhaabbileen 10 fedhii agarsiisuusaaniifi kanneen keessaa immoo sagalan isaan alaa kan dhufan ta’uu ibsu. Kun immoo yeroo gabaabaa amma mootummaan kenne kanatti fayyadamanii dafanii akka bitataniif carraa kan uumu waan ta’eef mootummaan dhimmicha irra deebi’ee ilaaluu akka qabu dhaamu.

Waldichi dhaabbata biyya keessaa fedhii agarsiise qofaa osoo hintaane hawaasa biyyattii hanga kuma 60 gahutti sheerii gurguraa jirachuu kan himan immoo Gaggeessaa Hojii Olaanaan Waldichaa Obbo Bitaaw Alamuu, kana hubachuudhaan mootummaanis dursa lammiileesaatiif kennuu akka qabu dubbataniiru.

Namoota maallaqa qaban qofa osoo hintaane, qonnaan bultootni naannawa sana jiraatanis sheerii bitachuu akka danda’aniif liqiin mijaa’uusaas ibsaniiru.

Waldichi warshaalee kanneen bituu qofa osoo hi taane, muuziyeemii sukkaaraafi giddugala leenjiis ijaaruudhaaf kan karoorfate yemmuu ta’u, qarshii biiliyoona sadi ta’u gurgurtaa sheeriitiin funaanuufis hojjachaa jira.

 Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to “Warshaaleen Sukkaara Wanjiifi Matahaaraa dhaabbilee alaatti akka hingurguramne gaafatame”

  1. Pingback: niches youtube

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *