“Qaamota haasaa jibbiinsa irratti bobba’an seeratti dhiheessuuf sochiin eegalame deggaramuu qaba” -Hayyoota

Finfinnee: Yeroo ammaa kana maddi odeeffannoo miidiyaalee gurguddoofi beekamoo irraa gara namoota dhuunfaa halkaniifi guyyaa olola sobaa marsariitii hawaasaa irratti oofaniitti cee’aa jira.

Odeeffannoon marsariitii hawaasaa garagaraa irratti tamsa’u kun immoo dhugaa xiqqoo qabachuun soba guddaa qabatee ummata burjaajeessuufi darbes walitti buusaa jiraachuu yeroo adda addaatti gabaafamaa tureera.

Namni hundi yaadasaa bilisaan ibsachuun akkuma mirga ta’e, olola sobaatiin ummata giddutti walitti bu’iinsa uumuunis ittigaafatamummaa qabaachuu akka qabutu himama.

Kanarraa ka’uunis namoota biyyoota alaa taa’anii gocha akkanaa irratti bobba’an mootummaan seeratti dhiheessuu akka qabu gaafatamaa tureera. Kanarraa ka’uunis lammiilee kanneen seeraan gaafatamoo taasisuuf Manni Maree Lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa sochii eegaleera.

Lammiilee Itoophiyaa biyyoota garaa garaa keessa jiraataniifi haasa jibbiinsaatiin ummata walitti buusaa jiran seeratti dhiheessuuf sochii manni marichaa eegale qaamota hundaan deggaramuu kan qabu ta’uu Mana Maree Federeeshiinaatti Ogeessi seeraa Obbo Muliyee Wolalaa ni ibsu.

Heera biyyattii keewwata 24 keewwta xiqqaa 1 jalatti namni tokko mirga yaadasaa ibsachuu kan eeyyamu yemmuu ta’u, achuma keessatti immoo yaadni inni ibsu sun hanga mirga nama biroo hintuqne qofatti ta’uu akka qabu ibsu. Waan ta’eefis qaamotni biyya alaa taa’anii oduu jibbiinsaa oofaa jiran kunniin bifa kamiinuu seeraan gaafatamuu jalaa bahuu akka hindandeenye kaasanii, imbaasiiwwan biyyoota isaan keessatti argamanii waliin ta’uudhaan seeratti dhiheessuun dirqama ta’uu dubbatu.

Kana milkeessuuf immoo sochiin Manni Maree Lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa jiraatan eegalan kun qaamota hundaan deeggarsa barbaachisu argachuu kan qabu ta’uu himu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Qaamota haasaa jibbiinsa irratti bobba’an seeratti dhiheessuuf sochiin eegalame deggaramuu qaba” -Hayyoota”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *