Mil’uu waancaa kubbaa miilaa Afrikaa

Waancaan kubbaa miilaa Afrikaa akka jalqabamu koreen kubbaa miilaa Afrikaa  kan wayita ammaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) jedhamuun kan hundeeffame  ALA bara 1957 ture. Koreen kun baruma sana walmorkiin waancaa kubbaa miilaa akka adeemsifamu waan murteesseef waancaan jalqabaa ALA  Waxabajjii 18 bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan ,Kaartumitti adeemsifame.

Walmorkiin jalqabaa kunis biyyoota yeroo sana miseensoota konfedereshinichaa turan Itoophiyaa, Misir, Sudaaniifi Afrikaa Kibbaa gidduutti akka gaggeeffamu murtaa’us Afrikaan Kibbaa kolonii jala waan turteef shaampiyoonichaa ala taateetti.

Haaluma kanaan waancaan kubbaa miilaa Afrikaa inni jalqabaa Sudaanitti adeemsifame. Kanaanis Misir tapha duraatti Sudaan mo’achuun, Itoophiyaan ammoo Afrikaa Kibbaarraa forfee argachuun waancaaf dhihaatanii   Misir 4-0n  mo’achuun abbaa waancaa seena qabeessaa isa jalqabaa taate.

ALA bara 1959 walmorkiin waancaan kubbaa miilaa Afrikaa lammaffaan Misiritti adeemsifame. Kanaanis Misir tapha maaheessaatti walmorkii Sudaan wajjiin taasifte 2-1n mo’achuun yeroo lammaffaaf abbaa waancaa taate.

Waancaa isa sadaffaammoo bara 1962 kan keessummeesite Itoophiyaa yoo taatu tapha maaheessaatti Misiriin 4-2n mo’achuun waancaan Finfinneetti hafeera.

Waancaan kun yeroo jalqabaaf biyyoota hundeessanii alatti bara 1963 yeroo arfaffaaf Gaanaatti yoo qophaa’u, tapha maaheessaatti Gaanaan Sudaan 3-0n mo’achuun shaampiyoonaa taate.

Bara 1965 Tuniziiyaatti kan adeemsifame waancaa Afrikaa shanaffaa,  qopheessituun waancaa Tuniziiyaafi Gaanaan tapha waancaaf darbuudhaan Gaanaan 3-2n mo’achuun yeroo lammaffaaf shaampiyoonaa taate.

Waancaa kubbaa miilaa ja’affaa bara 1968 kan qopheessite Itoophiyaa yoo taatu, tapha waancaaf Kongoo Kiinshaasaafi Gaanaan taphatanii, Gaanaan yeroo sadaffaaf waancaa ni fudhatti jedhamee eegamuus Kongoodhaan 1-0n mo’amuun waancaan Kinshaasaa gale.

Sudaan yeroo lammaffaaf bara 1970 kan qopheessite waancaa kubbaa miilaa torbaffaattimmoo Sudaanifi Gaanaan tapha waancaaf dhihaatanii Sudaan Gaanaa 1-0n mo’attee waancicha hambifatteetti.

Bara 1972 Kaameerun kan qopheessite waancaa kubbaa miilaa Afrikaa saddeettaffaaf Kongoo Biraazaaviliifi Maaliin waancaaf taphatanii Kongoon 3-2 mo’achuun abbaa waancaa taateetti.

Akkasumas, Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa saglaffaa bara 1974  yeroo lammaffaaf kan qopheessite Misir yoo taatu, Kongoo Kinshaasaafi Zaambiyaan waancaaf dhihaatanii Kongoon 2-0n mo’attee shaampiyoonaa taate.

Itoophiyaan yeroo sadaffaaf kan keessummeessite waancaan kubbaa miilaa Afrikaa 10ffaan kan adeemsifame bara 1976 yoo ta’u, Morookoofi Giinii Konaakirii waancaaf taphatanii 1-1n adda ba’anis Morookoon galchaan caaluun abbaa waancaa ta’uu dandeesseetti.

Waancaa kubbaa miilaa 11ffaa bara 1978 kan qopheessitemmoo Gaanaa yoo taatu, Gaanaan tapha maaheesaatti Ugaandaa 2-0n mo’ateetti. Gaanaan waancaa kana walitti aansitee yeroo sadiif mo’achusheetiin biyya duraa taatetti.

Yeroo 12ffaaf Naayijeeriyaatti bara 1980 kan adeemsifame waancaa Afrikaa kana qopheessituun waancaa Naayijeeriyaan Aljeeriyaa 3-0n mo’achuun waancaa fudhatteetti.

Liibiyaan yeroo jalqabaaf bara 1982 kan keessummeessite waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 13ffaatti tapha maaheessaaf qopheesituun waancaa Liibiyaafi Gaanaan dhihaatanii falmii daqiiqaa 90fi sa’aatii dabalataatti 1-1n adda ba’usaaniitiin mo’ataa beekuf rukuttaa liigooree kennameen Gaanaan 7-6n (8-7)n mo’attee yeroo arfaffaaf waancaa Afrikaa fudhatteetti.

Kootdivaar bara 1984 kan keessummeessite waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 14ffaaf Kaameerunifi Naayijeeriiyaan waancaa fudhachuuf falmii taasisaniin Kaameerun 3-1n mo’achuun abbaa waancaa ta’uun ishee ni yaadatama.

Misir yeroo sadaffaaf bara 1986 kan keessummeessite waancaa Afrikaa 15ffaa, qopheessituun waancaa Misiriifi Kaameerun tapha waancaaf dhihaatanii Liigooreedhaan Misiri 5-4n mo’achuun yeroo sadaffaaf waancaa fudhattetti.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 16ffaa Morookootti bara 1988 qophaa’eetti, walmorkii maaheessaaf Kaameeruniifi Naayijeeriyaan dhihaatanii Kaameerun 1-0n mo’achuun yeroo lammaffaaf abbaa waancaa taateetti.

Magaalaa guddoo Aljeeriyaa, Aljarsitti bara 1990 kan adeemsifame waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 17ffaa qopheessituun waancaa Aljeeriyaafi Naayijeeriyaan tapha maahessaaf  walarganii Aljeeriyaan 1-0n mo’achuun waancaa hambifatteetti.

Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 18ffaa bara 1992 kan keessummeessite Seeneegaali. Walmorkii maahessaaf kan dhihaatan Kotidivaarifi Gaanaa yoo ta’an, Tapha daqiiqaa 90tti 0-0 adda ba’usaaniitiin sa’aatii dabalataatiinis galchi waan hinargamneef  rukuttaa liigoore kennameen Kotidivaar 11-10n mo’achuun waancaa fudhatteetti.

Tuniziyaan yeroo lammaffaaf bara 1994 kan qopheessitte Waancaan 19ffaa ammoo, Naayijeeriyaafi Zaambiyaan tapha maaheessaaf dhihaachuun Naayijeeriyaan 2-1n mo’attee  abbaa waancaa taateetti.

Afrikaan kibbaa borumtaa bilisa baate kan keessummeessite waancaan kubbaa miilaa Arikaa 20ffaan bara 1996 kan adeemsifame yoo ta’u, Tuniziyaa wajjiin waancaaf dhihaachuun 2-0n mo’atte waancaa hambifateetti.

Bara 1998 qopheessummaa Burkinaa Faasootiin yeroo 21ffaaf kan adeemsifame waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf, Misiriifi Afrikaan kibbaa tapha maaheessaaf dhihaachuun Misir 2-0n mo’attee yeroo arfaffaaf waancaa fudhatte.

Yeroo jalqabaaf biyyoonni lameen Gaanaafi Naayijeeriyaan walta’iinsaan bara 2000 kan qopheessan waancaa kubbaa miilaa 22ffaa Kaameeruniifi Naayijeeriyaan tapha maaheessaaf dhihaatanii Kaameerun liigooreedhaan 4-3(6-5) mo’achuudhaan yeroo sadaffaaf waancaa argateetti.

Maaliin yeroo jalqabaaf bara 2002 kan keessummeessite waancaa Afrikaa 23ffaa, Kaameerunifi Seeneegaal tapha maaheessaaf walfalmanii Kaameerun 3-2n mo’achuun  yeroo arfaffaaf waancaa fudhattetti.

Bara 2004 si’a sadaffaaf waancaa Afrikaa 24ffaa kan qopheessite Tuniziyaan Morookoo 2-1n mo’achuun yeroo lammaffaaf shaampiyoonaa taateetti.

Misir yeroo arfaffaaf bara 2006 kan keessummeessite waancaa Afrikaa 25ffaa, Kotidivaar wajiin waancaaf dhihaatanii 4-2n mo’achuun al shanaffaaf waancaa fudhatteetti.

Gaanaan bara 2008 kan keessummeessite waancaa kubbaa miilaa 26ffaa, Misiriifi Kaameerun waancaaf dhihaatanii Misir 1-0n mo’achuun yeroo ja’affaaf shaampiyoonaa ta’uun seenaa hojjetteetti.

Angoolaan yeroo jalqabaaf bara 2010 kan qopheessite waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 27ffaa, tapha maaheessaaf Misiriifi Gaanaan dhihaatanii Misir 1-0n mo’achuun yeroo torbaffaaf waancaan Kaayiroo akka galu goteetti.

Gaabooniifi Ikuwaatooriyaal Giiniin waliin ta’uun bara 2012 kan keessummeessan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 28ffaa, Zaambiyaan Kotidivaar liigooreedhaan 8-7n mo’achuun abbaa waancaa taateetti.

Waancaa Afrikaa kan bara 2013 yeroo 29ffaaf adeemsifame kan qopheessite Afrikaa Kibbaa yoo taatu, Naayijeeriyaan Burkiinaa Faasoo 1-0n mo’achuun yeroo si’a sadaffaaf mo’achuudhaan waancaa fudhatteetti.

Ikuwaatooriyaal Giiniin bara 2015 kan keessummeesite waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf 30ffaa Kotidi’vaarifi Gaanaan yeroo lammaffaaf waancaaf darbanii Kot’divaar liigooreedhaan 9-8n mo’achuun yeroo lammaffaaf shaampiyoonaa taateetti.

Waggaa lama dura yeroo 31ffaaf kan adeemsifame waancaa kubbaa miilaa Afrikaa  Gaaboon  keessummeessitee, Kaameerun Misiriin 2-1n mo’achuudhaan yeroo shanaffaaf waancaa fudhachuun ishee kan yaadatamuudha.

Waancaan Afrikaa 32ffaan si’a arfaffaaf Misiritti qophaa’aa kan jiru yoo ta’u, qaphxii hanga yoonaatiin dursaa jirti. Baranas si’a saddeettaffaaf ni hambifatti moo, dabarsitee kenniti laata? Hundaafuu gaafa Adooleessa 12 bara 2011 adda kan ba’u ta’a.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 22/2011

Recommended For You

105 Comments to “Mil’uu waancaa kubbaa miilaa Afrikaa”

  1. minocycline weight gain [url=http://stromectol.agency/#]ivermectin 8 mg[/url] minocycline brand name

  2. amoxicillin buy no prescription [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin cheapest price[/url] buy amoxicillin 500mg usa

  3. minocycline coupon [url=https://stromectol.agency/#]cheapest stromectol[/url] what does minocycline treat

  4. minocycline 100 mg without a doctor [url=https://stromectol.agency/#]order stromectol[/url] ivermectin 1%

  5. neurontin tablets 300mg [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin best price[/url] neurontin 800 mg tablets best price

  6. semaglutide [url=http://semaglutide.win/#]order Rybelsus for weight loss[/url] cheap Rybelsus 14 mg

  7. rybelsus price [url=http://semaglutide.win/#]rybelsus price[/url] cheap Rybelsus 14 mg

  8. Buy semaglutide pills [url=http://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg price[/url] Rybelsus 14 mg

  9. neurontin 300 mg capsule [url=https://gabapentin.auction/#]cheapest gabapentin[/url] neurontin 300 mg price in india

  10. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.pro/#]purple pharmacy mexico price list[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  11. mail order pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]Online medicine order[/url] Online medicine order

  12. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican drugstore online[/url] mexican mail order pharmacies

  13. indian pharmacies safe [url=https://indianpharmdelivery.com/#]pharmacy website india[/url] cheapest online pharmacy india

  14. cheapest online pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]india pharmacy[/url] best online pharmacy india

  15. reputable indian pharmacies [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy paypal[/url] online pharmacy india

  16. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharm24.pro/#]pharmacies in mexico that ship to usa[/url] reputable mexican pharmacies online

  17. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]india pharmacy mail order[/url] indian pharmacy online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *